Bidiruun godaantota 200 feetee gara Ispeen imalaa turte achi buuteen dhabame

Doonii galaanarraa mul'atu

Madda suuraa, SALVAMENTO MARITIMO/FACEBOOK

Lubbuu baraartonni Ispeen bidiruu godaantota Afrikaa 200 feetee achi buuteen dhabame naannoo Odola Keneeriitti barbaadaa jiru.

Gareen deeggarsaa Walking Borders jedhamu bidiruun kuni Senegaal naannoo qarqara galaanaa Kaafoontiin jedhamturra kaate jedhe.

Gareen kuni bidiruu kana keessa ijoolleen baay'ee jiraachuu himuu miidiyaan Ispeen Efe news agency gabaaseera.

Bidiruuwwan biroo lama illee akkasuma achi buuteen isaanii hin beekamuu jedhame.

Bidiruun namoota 200 feete Kaafoontiin irraa Waxabajjii 27 ture gara Odola Keneeriitti imala kan jalqabde.

Humna galaanaa Ispeenitti tajaajilli lubbuu baraaruu bidiruu kana xiyyaaraanillee barbaaduu jalqabneerra jedhe.

Bidiruuwwan biroo lama ilaalchisee odeeffannoon guutuu hin jiru.

Tahus bidiruu ishee tokko keessa namoota 65, kaan keessa immoo namootni 60 jiraachuu akka malan, kunis lakkoofsa namoota badanii 300 taasisa jechuun Rooyitars hojjettuu Walking Borders Heeleenaa Maaleenoo waabeffachuun gabaaseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Oduun kuni dooniin godaantota humnaa ol baattee galaana Meditaraaniyaanii, naannoo qarqara galaanaa Giriikitti dhidhimuun torbanoota booda dhagahame.

Balaa galaana Meditaraaniyaanii irratti qaqqabeen namoonni 78 liqimfamuufi kanneen 500 tahan immoo achi buuteen isaanii akka hin baramne UN gabaaseera.

Imalli Lixaa Afrikaa irraa gara Odola Keneerii taasifamu balaafamaa dha.

Kunis godaantonni bidiruu xixiqqoo qurxummii kiyyeessuuf oolu fayyadamuu isaanii qofa osoo hin taane, dambaliin cimaa galaana Atilaantiik irraa ka'u waan jiruufi.

Bara darbe godaantonni 556 odolawwan Ispeen gahuuf otoo yaalanii du'uu UN'tti dhabbanni dhimma godaantotaa IOM gabaaseera.

Bara 2021'tti lakkoofsi namoota du'anii 1,126 ture.

Akka IOM Ministeera Biyya Keessaa Ispeen waabeffachuun ibsetti namootni 15,682 tahan bara 2022 Odola Keneerii gahaniiru, lakkoofsi kuni kan bara 2021 irra harka 30'n hir'iseera.

''Lakkoofsi godaantotaa karaa kana fayyadaman waggaa irraa waggaatti hir'isaa adeemus, bara 2020 irraa qabee godaantonni lakkoofsa guddaa qaban ammalle karuma kanarra adeemu,'' jedha IOM.