Lammiin Ertiraa Jarmanitti shamarran lama waraane hidhaa umurii guutuun adabame

 Okbaa B fi poolisii

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Yakkamaa Okbaa B fi poolisii

Lammiin Ertiraa kooluugaltummaan biyya Jarmanii jiru tokko meeshaa qara qabuun shamarran lama waraanuun tokko ajjeesee ishee tokkoorraan miidhaa qaqqabsiisuu isaatiin hidhaan umurii guutuu itti murtaa'e.

Manni murtii kibba Jarmanii kooluu-galaa lammii Ertiraa shamarran lama waraane kana yakka hamaa raawwate jechuun kan hidhaa umurii guutuun adabe.

Shamarran waraanaman keessaa tokko lubbuunshee darbuun gabaafameera.

Namtichi umuuriinsaa waggaa 27 fi maqaa Okbaa B jedhuun of waamu kunis magaalaa Ileerishbarg jedhamtu keessatti ture, baatii Mudde darbe keessa kan badii kana raawwate.

Shamarran Eesii jedhamutuufi umuriin ganna 14 yoo taatu nama kanaan waraanamte lubbuun ishee yoo darbu, iddoo 23 waraanamuun du'aaf saaxilamutuu himame.

Haata'u malee, hiriyaan shamarree ajjeefamteefi kan umurii ganna 13 taate ammoo nama kanaan miidhaan irra gahuun akka malee miidhamtee garuu lubbuun hafuun dhagahameera.

Abbootiin alangaa akka jedhaniitti, namtichi kuni shamarran kanneen irraan miidhaa kan qaqqabsiise waan albee inni silaa namoota waajjira godaantootaa keessa hojjatan ittiin waraanuuf qopheesse waan harkatti arganiifiidha.

Akka isaan jedhaniitti, namni miidhaa shamarran kanneen irraan qaqqabsiise kuni qondaalonni waajjira godaantootaa paaspoortii isaaf baasuu waan didaniif aaruuni.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Paaspoortii erga argateen booda gara Itoophiyaa deemuun haadha warraa fuudhuuf akka tures himameera.

Abbaan seeraa nama kanaatiin yakka ''akka malee hamaa'' raawwate jechuun ibsan.

Kana jechuunis waggaa 15'f mana hidhaa keessatti erga dabarseen boodallee, dafee gadhiifamuuf carraansaa xiqqaadha.

Lammiin Ertiraa kuni biyya Jarmanii kan seene bara 2015'tti ture.

Yeroo sanattis kooluugaltoonni baay'een achi gahanii turan. Kanneen keessaa baay'een isaanii ammoo kanneen ari'atamaafi waraana baqatanidha.

Manni murtichaa akka jedhetti, namni kuni Sadaasa keessa qabamuu isaatiin dura hawaasa Jarmanitti makamee hojii hojjechaa, afaan Jarmaniis haasa'aa fi eenyummaa tasgabbaa'aa ta'e agarsiisaa jiraachaa ture.

Okbaa B gochaa raawwateetti gaabbuu mana murtichaatti himuun maatiiwwan shammarraniis dhiifama gaafateera.

Murtoon kenname ammallee ol iyyannoof banaa yoo tahu, murtoon hidhaansaa yoo ragga'e garuu hidhaama irra osoo jiru gara biyyasaatti deebifamuu danda'a jedhan abukaatoonni.

Dhimmi nama kanaa Jarmanii keessatti dheekamsa olaanaa kaasullee, maatiin shamarranii garuu dhimmichi garee warra godaantota mormaniitiin akka dhimma siyaasaatti akka hin fayyadamne barbaanne himan.

Shamarreen lammii Jarman lubbuunshee darbe dudduubeen maatii ishee kan Tarkii irraa dhufan turan.

Hacuuccaa Ertiraa keessa jiru baqachuun lammiileen biyyattii hedduu biyya isaanii dhiisani godaanu.