Du'a kooluu-galtootaa UKtti 'gadda biyyaalessaa' ta'uutti ce'aa jiru

Madda suuraa, Family photo
Biyya dhalootaa isaa Eertiraa keessaa baqatee hegeree gaarii UK keessatti qabaachuu abdachuun erga biyyattii san galee waggoota kan lakkoofsise Heenook Zaayiid Gabrasillaasee, umrii isaa ganna 23'tti gidduugala fayyaa sammuu keessatti of ajjeesee argame.
Duuti isaa du'a koolugaltootaa akkaan dabalaa jiruuf agarsiistuu yoo ta'e malee, haalichi hammaataadhaa jedha dhaabbati tola oolaan tokko.
Heenook dargaaggoo namatti dhiyaatu, kubbaa miilaa jaalatu ture jedha obboleessi isaa.
''Namni tokko yoo yaaddahe ykn gargaarsa yoo barbaade, namni jalqaba gargaaruuf itti siqu isaa'' jedha Tewaldee Zaayiid.
Henook umriin isaa waggaa 14 yeroo guutu dararaa fi dirqiin waraana keessatti tajaajiluu Eertiraa keessa jiru baqachuun jalqaba gara Sudaan qajeele. Achii waggoota muraasaaf koolugaltummaan jiraate.
Garuu abjuun isaa UK keessatti jireenya gaarii jiraachuu ture. Kophaa isaa gammoojjii Sahaaraa fi Liibiyaa qaxxaamuree karaa Galaana Meditiraaniyaanii Caamsaa bara 2020 UK, Coventry gahuu danda'e.
Imala bu'aa bahii fi dararaa hedduu booda UK yoo gahu, jireenya tasgabbaa'aa qabaachuuf abdii horatee ture jedha obboleessi isaa.

Madda suuraa, Family photo
Akkuma kooluu-galtoota biroo UK gahuu danda'anii, Heenookis jireenyi keessa darbe fayyaa sammuu isaarratti mudoo uumeera jedhu hojjetaan dhaabata tola oolaa 'Da'aro Youth Project' Beenii Haanter.
Sirna kooluu-galtummaa UK keessa darbuun ammoo ''akka malee ulfaataadha'' jedhu Beeniin.
Dhaabbata Da'aro Youth Project, jedhamu keessa kan hojjetan namni kun kooluu-galtootni kun imala isaanii keessatti dararaa akaakuu hunda dirqiin gudeedamuurraa kaasee hanga du'aatti arganiiru. Kun miidhama sammuu guddaa uuma jedhu.
Erga UK gahaniis mana keessa jiraatan argatanii garuu ammoo waa hojjetanii hin galan yoo ta'e, maallaqa kennamtuuf muraasaan yeroo dheeraa hin beekamneef jireenya waa hedduun daangeffame jiraachuun ammoo dargaggootaaf ulfaataadha jedhu tola oolaan kun.

Madda suuraa, Da'aro Youth Project
''Wanti akka beekamu barbaannu dhiibbaa sirni kooluu-galtummaa namoota adeemsa sana keessa darban irraan gahudha. Keessumaa namoota saaxilamoo akka dargaaggootaa irraan.''
Garri caalaan kooluu-galtoota Eertiraa irraa baqatanii UK galanii kooluu-galtummaa ni argatu kan jedhu namni kun, ''garuu ammoo dhimmi isaanii deebii argachuuf waggoota dheeraa kan fudhatu jira,'' jedha.
Heenook kan gidduugala fayyaa sammuu keessatti of ajjeese, UK keessatti baratee hojii argatee of danda'ee jiraachuu akka barbaadu obboleessa isaatti himaa ture.
Obboleessa isaa waliin bilbilaan yeroo dhumaatiif wayita dubbatan ''suuraa cidha kootii Sudaanirraa arguu fedhee ture'' jedha.
Garuu guyyoota saddeet booda bakka yaala fayyaa sammuu Caludon jedhamu kan Coventry keessa jirutti du'ee argame.
Henook haala rakkisaa keessa ture ilaalchisee tajaajila fayyaa sammuu komachaa ture ta'uu mala jedhanii, garuu ammoo sirni kooluu-galtummaa sammuu dargaggootaa kan qabu akka ta'e himan.

Madda suuraa, Handout
''Duutii isaa hin amanamu'' kan jedhu obboleessii Heenook, reeffa isaa Eertiraatti deebisuuf yeroon dheeraa fudhates maatiitti miira gaddaa jabaa uume jedha.
Maatiin isaa ''ilma isaanii awwaaluuf hiree dhabuu isaaniitti bara baraan gadduus'' jedha.
Sodaa biyyatti deebifamuu
Dhaabbatni tola oolaan Beeniin keessa hojjetu dhaabbilee 46 dhiyeenya kana mootummaan UK duuti dargaggoota kooluu-galtummaa gaafatanii dabalaa jiraachuu akka hubatu gaafatu ergan keessaa tokko.
Lammiin Afgaanistaan ganna 19 biyyattiin deebifama sodaa jedhuun Barmiingihaam keessatti of ajjeesuun isaa hubachiisa mootummaaf ergame keessatti eerameera.
Ganna 13 yeroo ta'u kan gara UK dhufe ola adeemaan lammii Afgaanistaan, hanga umriin isaa 18 guututti kunuunsi godhamee fi achii booda biyyatti deebifamuu mala jedhamuu hordofeeti sodaa biyyatti deebifamuu irraa kan ka'e kan of ajjeese.

Madda suuraa, Handout
Ebla darbes qorannoo dhagaahameen lammiin Eertiraa ganna 19 Mulubirihaan Medihaanee Guraandhala 2019 of ajjeesuun dhagahameera.
Muluun hiriyyoota erga UK gahanii ji'oota 16 keessatti of ajjeesan keessaa isa afraffaadha jechuun barruun The Guardian gabaasee ture.
Gosti rakkoo fayyaa sammuu dargaggoo kanaa akka adda hin baane qorannoo san booda godhameen ibsameera.
Dargaggoon biraan Filmoon Yemaanee ammoo bara 2017 du'e, hiriyyaan isaa ganna 18 Aleksaander Teklee ammoo torbee lama booda isa hordofe.
Bara 2018 ammoo Osmaan Ahimad Nuur bakka quubsumaa 'Camden' jedhamu magaalaa Londoon jiru keessatti du'ee argame.
Qorannoo godhameen du'a hiriyyoota isaa lamaanii of ajjeesaniin akkaan miidhamee akka ture ibsameera.

Madda suuraa, Da'aro Youth Project
Duuti dargaggoo kanaa ''akkaan rifaasisaadha'' jedhu Oliviyaa Annees maatii ijoollee sadan kanaa bakka bu'uun kan falman.
''Duutii kun tajaajila kooluu-galtoonnni UK keessatti argatan, hanga tajaajila hawaasummaa kennamuufi NHS hangam takka beeka kan jedhu darbees saaxilamtootaaf kunuunsa godhamu irratti gaaffii kaasa'' jedhu Oliiviyaan.
''Ijoolleen kun waraanaafi roorroo baqatanii UK keessatti kooluu-galtummaa barbaadan, maaliif hedduun isaanii harka keenyatti du'aa akka jiran beekuu qabna. Du'a kanneen irratti sirni haqaa ifa ta'e gaggeeffamuu akka qabu ifa.''
Kana gochuurraa barfachuun duutii hin barbaachifne akka dabalu godhas jedhan.
Lakkoofsa namoota du'anii mirkanaan hin beeknu, mootummaanis waan beeku miti jedhu Beeniin. Kun bakka ta'ee jirutti hammeenya rakkoo kanaa beekuufi du'a hanqisuun rakkisaa ta'a jedhu.
Qorannoo dhaabbatni isaanii gaggeesseen waggoota dhiyoo keessa kan lubbuu dhaban 12 oli.
Rakkoon kun ''gadda biyyaalessaa ifa bahaa jirudha'' jedhu.
Kuni qabatamaa jiru guutuu isaa hin calaqqisu, muraasa isaatis jechuun ibsu.

Madda suuraa, Handout
Mootummaan gaaffii dhaabbileen tola ooltotaa dhiyeessan kanaaf hanga gabaasni kun qixaa'utti deebii hin laanne.













