Paarlaamaa Keeniyaa suufii Kawundaa jedhamu pirezidanti Ruutoon uffachuu jaalatan dhorke

Madda suuraa, PRESIDENCY KENYA/X
Paarlaamaan keeniyaa suufii pirezidaantiin biyyattii uffachuu jaalatan Kawundaa jedhamu dhorke.
Suufii kun maqaa pirezidaantii duraanii Zaambiyaa Keneet Kawundaan kan moggaafame yoo tahu, dabalataan uffata aadaa Afrikaa kamiyyuu uffachuun mooraa paarlamichaa keessatti argamuun dhorkaadha jedhe.
Dubbii himaan paarlaamichaa Moosis Wetaangulaa suufii Kawundaas tahe uffanni aadaa Afrikaa hin eeyyamamu jedhan.
Pirezidaantiin biyyattii Wiiliyaam Ruutoon suufii Kawundaa kana uffachuu jaalatu.
Suufii Kawundaa, jakkeettii saafaarii kofoo isaa waliin wal fakkaatu waliin uffachuun namoota siyaasaa biyyattii biratti waan baramedha.
Suuficha pirezidaantii duraanii Zaambiyaa Keneet Kawundaatu uffachuu jaalata.
Kanumaan biyyoota Sahaaraa gadii keessatti namoota siyaasaa biratti filatamaa tahaa dhufe.
Dabalataan kun maqaa Maawoo Zedoongi jedhamuunis beekama. Kun ammoo kolliittaa kan hin qabnee fi harka gabaabaa kan tahedha.
Kibxata kaleessaa dubbii himaan paarlaamaa Keeniyaa, Wetaangulaan dhorkaan kun kan darbeef faashiniin akkaan ho'aa waan deemeef danbii uffata paarlaamaa akka hin balleesineefi jedhan.
Uffata sirriin dhiirotaa ''kootii dhiiraa, kootii kollittaa qabu, karabaataa, shamizii harka dheeraa, kofoo dheeraa, kaalsii, kophee ykn uffata tajaajilaa [danbii] taha'' jedhan.
''Dubartootaaf uffanni idlee ykn biizinesii ni eeyyamama. Uffata gabaabaa [skirts] yoo tahe dheerinni isaa jilba kan darbuu fi namatti tolu tahuu qaba. Uffanni harka dheeraa hin taane ni dhorkama,'' jedhan.
Kana dura suufii Kuwaandaa uffatanii yaa'ii paarlaamaa irratti argamuun ni eeyamama ture.
Miseensonni paarlaamaa gariin suufii kana uffatanii argamuu baay'isu ture.
Wetaangulaan suufii kana uffachun kana dura ''eeyyamamaa ture'' amma garuu danbii uffataa paarlaamaa akka hin miineef jecha dhorkuu qabna jedhan.
Wiiliyaam Ruutoon hojii idilee isaanii irratti erga uffachuu jalqabanii suufii Kuwaandaa miidiyaa hawwaasa airratti dubbii ijoo tahee tureera.
Dhorkaan kun miidiyaa hawwaasaa irratti yaada falmisiisaa kaaseera. Kaan erga tahee ''uffanni aadaa Afrikaa'' hoo maaliif paarlaamaa Afrikaa keessatti dhrkama jechuun gaafatan.
Gariin ammoo tarkaanfii fudhamate deeggaraniiru. Gariin ammoo dhorkaa kana baacootti fudhachuun suufii Kuwaandaa pirezidaantiif qofa tahuu qaba jedhan.












