Waraanni US imeelii dogoggoraa miiliyoonaan lakkaa'amu michuu Raashiyaatti erge

Gamoo waraanaa Ameerikaa

Madda suuraa, Getty Images

Imeeliin waraana Ameerikaa miiliyoonaan lakkaa'amu dogoggora namni yeroo kompitara irratti barreessu uumeen michuu Raashiyaa Maaliitti ergame.

Imeeliin silaa waraana Ameerikaaf ergamuu qabu, kan teessoon imeelii domeenii ''.mil'' jedhu qabu, imeelii biyya Afrikaa Lixaa Maalii maxxantuu ''.ml'' qabdutti waggootaaf ergamaa tureera.

Imeelii ergame keessaa muraasni odeeffannoo kanneen akka paaswordii, galmee haala fayyaa, karoora imalaa hogganoota olaanoo kan qabu dha.

Peentaagoon dhimma kana furuuf tarkaanfii fudhachuu ibseera.

Akka miidiyaan dhimma kana jalqaba gabaase Financial Times jedhutti abbaan qabeenyaa intarneetii lammii Daach, Joons Zuurbaayar waggaa 10 oliif rakkoon kuni akka jiru beeka ture.

Bara 2013 irraa eegalee imeelii biyyaa Maalii akka to'atuuf waliigaltee kan qabu yoo tahu namni kuni, waggoota dhihoon asitti imeelii dogoggoraa kumaan lakkaa'amus walitti qabeera.

Imeelii ergame keessa icciitii akka tahe kan adda baafamee ergame jiraachuu baatus, akka gaazexaan Financial Times jedhutti imeelicha keessa, odeeffannoon fayyaa, kaartaan buufataalee waraanaa Ameerikaa, galmeewwan faayinaansii, odeeffannoo imalaa hogganoota waraanaa akkasumas ergaawwan dippiloomaasii jiru.

Mootummaan Maalii imeelii biyyattii gaafa Wiixataaa fudhachuuf jira.

Joons Zuurbaayar dhimma kanarratti yaada akka kennuuf gaafatamus hin milkoofne.

Akka qondaaloti Ameerikaa jedhanitti ergaawwan ''icciitii'' jedhaman sirna IT adda baheen waan ergamaniif carraan akka tasaa ergamuusaanii xiqqoo dha.

Haa tahu malee Waajira Tikaa Ameerikaa kutaa seeraa keessatti kana dura kan tajaajilan Isteevan Istiraanskii ergaan miidhaa hin qabnellee, keesumaa odeeffannoo dhuunfaa qaba taanaan diinota Ameerikaaf faayidaa qabeessa tahuu mala jedhan.

''Ergaawwan akkasii harka warreen michoota keenya hin taane yoo galan, namoota keenya waraanaa irratti odeeffannoo argatan qabachuun irratti immoo dabalaa adeemu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanas basaasaaf fayyadamuu akkasumas maallaqaaf jecha odeeffannoo akka saaxilan gochuuf yaaluu danda'u. ''Odeeffannoo sirriitti mootummaan alaa itti fayyadamuu danda'u dha,'' jedhan.

Piroofeesariin qorannoo odeeffannoo Yuunivarsiitii Saayirikiwus, Lii Maaknaayit waraanni Ameerikaa dhimma kana baruusaafi imeelii kuni onlaayiniirra warra yakka hojjetanirra mootummaa Maaliif ergamuusaan carra qabeessa taheera jedhan.

''Kanneen yakka saayibarii hojjetan hamma qaamni tokko dogoggora baramaa akka kanaa dalagutti eeganii uraa argataniin seenuun waan badaa dalagu,'' jedhan.

Waajirri Ittisaa Ameerikaa dhimma kana akka beekuufi sirnaan hordofaa akka jiruufi tarkaanfis akka fudhatu hime.

Waajirichi akka jedhuutti imeeliin ''.mil'' gara imeelii dogoggoraattii akka hin ergamneef tarkaanfii barbaachisaa fudhateera. Kunis ergaan otoo hin bahiin dura eenyuuf akka ergamu mirkaneessuu fa'i dabalata.

Ogeessonni IT jaarmiyaa mootummaafi dhuunfaa keessaa hojjetan yaaddoon isaanii guddaan dogoggora namootaan uumamu dha jedhan.

''Dogoggorri namootaan dalagamu yaaddoo guyyuu akka tahe, nama tokkoon tokkoo immoo to'achuun akka hin danda'amne,'' Istiraanskii dubbatan.