Baayidan pirezidantii Chaayinaa 'abbaa irree' ittiin jedhan

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Pirezidantii Chaayinaa Shii Jiinpiing sagantaa qarshii walitti qabuu Kaalifoorniyaa qophaa'e irratti 'abbaa irree' itti jedhan.
Joo Baayidan, Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan Beejingitti Shii waliin wal arguun biyyoota lamaan gidduu muddama jiru tasgabbeessuuf akka wal ta'an erga dubbatan booda dubbiin isaanii kuni dhagahame.
Shiin Beejingitti jijjiiramni muraasni dhufuu yoo beeksisan, Biliinkan biyyooti lameen haasaa dabalataaf qophii akka tahan beeksisaniiru.
Chaayinaan waan pirezidantiin Ameerikaa jedhan irratti yaada hin kennine.
Pirezidant Baayidan sagantaa qarshii walitti qabuu Kibxata darbe qophaa'e irratti Obbo Shiin dhimma afuuffee basaastuu Chaayinaa tibba darbee irratti qaana'aniiru jedhan.
''Obbo Shii Jiinpiing kan baayyee aaraniif afuuffeen Chaayinaa meeshaa basaasaa qabattee turte dhahee buusuu kootiin,'' jedhan.
''Sun abbaa irreedhaaf qaanii guddaa dha. Maaltu akka tahe hin beekani,'' jedhan.
Daawwannaan Biliinkan Beejingitti taasisan waggaa shan keessatti dippiloomaatii olaanaa Ameerikaaf kan jalqabaati.
Pirezidant Baayidanis tahe Shiin imala kana akka gaariitti kan ilaalan tahus, Obbo Biliinkan garaagarummaan ijoo ammallee akkuma jirutti jira jechuun ibsan.
Waashingitanii fi Beejiing dhimma daldalaa, mirga namoomaa fi Taayiwaan irratti wal-dhabdee qabu.
Waggoota darban keessatti hariiroon isaanii badaa dhufeera.
Filannoon Ameerikaa yeroo dhufaa adeemu muddamni Chaayinaa wajjiin jiru ammoo dhimma siyaasaa tahaa dhufeera.
Rippaabliikaanonni Baayidan Chaayinaa irratti baayyee 'laaffatan' jechuun isaan qeequ.















