Maayik Peens filannooo pirezdaantummaa US irratti dorgomuuf murteesse

Madda suuraa, Getty Images
Itti aanaa Pirezdaantii US kan ture Maayik Peensi filannoo pirezdaantummaa irratti morkataa ta’uuf galmaa’eera.
Kanaanis Rippaablikaanoota hedduu pirezdaantummaaf dorgoman keessaa tokko ta’eera.
Maanguddoon umurii ganna 63 Peensi Roobiii duula na filadhaa isaa viidiyoo, haasaa fi qophiitiin ni jalqaba jedhamee yaadama.
Murteen filannoo kana irratti hirmaachuu kun, nama waggaa afuriif [2017-2021] tajaajilaa ture, Donaald Tiraamp waliin akka wal morkatu isa taasisa.
Ofiin “Kiristaana, konsarvatiivii fi Rippaalikaaniidha,” kan jedhu Maayik Peensi, yeroo waliin hojjechaa turanitti itti aanaa gaaffii malee Tiraampiin hordofu ture.
Amajjii 2021 irratti deeggartoonni Tiraamp US Kaappitool humnaan senuun jeequmsa kaasanii booda garuu, Peensi hogganaa isaa duraanii Tiraamp irraa of fageesseera.
Peens yeroo kongireesii dursaa turetti bu’aa injifannoo filannoo Joo Baayiden akka haquuf Tiraamp dhibbaa irraa geessisaa kan ture yoo ta’u, yemmuu Maayik waan inni gaafate gochuu didutti, “jabina” hin qabu jechuun Tiraamp isa qeeqeera.
Amajjii 2021 irratti kanneen jeequmsa irratti hirmaatan keessaa gariin isaanii “Maayik Peensi fannisaa” jechuun kan dhadachaa turan yoo ta’u, deeggartoonni Tiraamp hedduun Maayik Peensiin akka gantuutti ilaalu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tiraamp namoota jequmsa kana kaasan jajjabeessuun isaa “guyyaa sana maatii fi namoota Kapitol keessa turan hunda balaaf saaxilera,” jechuun Maayik Bitootessa keessa dubbateera.
Peensi dorgommii isaaf ji’oota hedduu qophaa’aa kan ture yoo ta’u, bulchiinsa Ayoowaa keessatti bu’aa akka qabaatu abdata.
Filattoonni amantaa kiristaanaa ivaanjelikaalii hordofan hedduun Rippaablikaanotaa kan deeggaran waan ta’eef, Peensis isaaniratti hirkaatee jira.
Ta’us, filattoota kan hordofuuf morkattoota Rippaablikaanaa biroo filannicha irrati hirmaatan kan akka Tim Iskoot fi Nikii Haaliiy waliin wal morkachuu qaba.
Komiteen Dimookraatik Biyyaalessaa akka jedhanitti Peensi filannoo kana irratti hirmaachuuf murteessuun isaa dame Rippaablikaani “finxaalessummaa hammaateetti isaan dhiiba.”
Yeroo ammaatti filannichaaf kaadhimama Rippaablikaanota ta’uuf Tiraamp tokkooffaa, bulchaan Filooridaa Roon DeSantis amoo lammaffaa irratti argama.
Bulchaa Niw Jersii kan tue Kiris Kiristii fi bulchaan Dakootaa Kaabaa Dug Bargamis torbe kana filannoo kan keessatti dorgomuuf karoorsaniiru.















