Maayik Peensi: Pirezidaantii Itti Aanaan duraanii US yaa'iirratti 'gantuu' jedhaman

Donald Trump and Mike Pence

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantii Ittaanaan duraanii Ameerikaa Maayiik Peensi yaa'ii amantaa tokkorratti wayiat haasaa taasisaniitti hirmaattootaa arrabsaman.

Qondaallii kunis wayita Jimaata darbee Filooriidaa Oraalaandootti yaa'ii Gamtaa Amantaafi Bilisummaa irrati haasaa taasisaniitti miseensoon hirmaattootaa muraasni 'gantuu' fi 'bilisummaa' jechuun itti iyyana dhagahamaniiru.

Ittaanaa Pirezidaantii duraanii kana taatee akkasi mudachu kan danda'e waan pirezidaantii biyyatti kan ammaa Joo Baayidaniif beekkamtii keennaniif jedhameera.

Haata'u malee qondaalli kunis arrabsoo hirmaattootaatiin osoo haasaa isaanii adda hinkutiin daqiiqaawwan 28 dudubbatanii akka turan barameera.

Namoonni qondaala kanatti iyyaa turanis jidduun poolisiin akka baha taasifamaniiru.

Maayiik Peensi garuu haasaa taasisan kanaan imaammatawwan pirezidaantii warra dimokraatootaa kan ta'an Joo Baayindan qeequun, kan pirezidaantii duraan Donaald Tiraamp leelliisanii turan.

Ammajjii keessa pirezidaantii yeroo sanaa Doonaald Tiraamp dabalatee deeggartoonni isaa hedduun hoogganaa mana maree yeroo sanaa kan turan Maayik Peensii waraqaa eenyummaa Pirezidaantii Baayidan ittiin injifatan kongirasicharratti beekkamtii akka hinkenniineef gaafatanii turan.

Maayiik Peensii kana raawwachuuf aangoo hinqabu jedhan illeen, deeggartoonni Tiraamp hedduun itti aaraniiru.

Deeggartoonni Tiraampi kanneen bu'aa filannootiin aaranii turanis baatii Ammajjii keessaa Kaapitool Hiil cabsanii seenuun hookkara olaanaa umanii akka turan ni yaadatama.

Maayiik Peensi

Madda suuraa, Getty Images

Deeggartoonni pirezidaanti duraanii Doonaal Tiraamp bakka Kaaptool Hiil jedhamuun waamamuufi eddoo fakkeenya dimookiraasiitti ilaalamutti bakka walgahii mana maree lamaanii fi biiroolee bulchiinsa mootummaa hedduun cabsanii seenuun gocha maqaafi ulfina biyyattii xuressuuf raawwatanii turan.

Haleellaa Kaapitaal Hiiliitti raawwatameen booda Maayiik Peensii Tiraamp irraa ofiisaanii fageessuu eegalan.

Haleellaa kaapitaal hiil sana hordoofeef mirgi hiimatamuu dhabuu Tiraamp irra mulqamuunsaa ni yaadatama.

Seenaa pirezidaantoota Ameeriikaa keessatti yeroo lammaffaa himatamuun kan jalqabaa kan turan Doonaal Tiraamp, himannaa hokkora kakkaasuufi hoogganuun irratti banameeraa ture irraa bilisa bahan.

Maayiik Peensi kanneen hokkora kaasaan kan morman yoo ta'u, sirna muudama pirezidaantii Joo Baayidan irrattis argamaniiru.

Pirezidaantiin duraanii Doonaald Tiraampi garuu sirnicha irratti hinargamne ture.

Haata'u malee Maayik Peensi haasaa Jimaata darbee taasisaniin, aanga'aan isaaniin duraa Donaald Tiraamp aangoorra tibba turaniitti dhimmoota miilkaa'aniin kaasuun dubbatanii turan.