Hokkara Kaappitol Hiil: Haasaa ani taasise guutummaan guutuutti fudhatamaadha jedhe Tiraamp

Doonaald Tiraamp yeroo Waayit Hawus keessaa bahanii gara Teksaasitti imalan

Madda suuraa, Reuters

Pirezedaantiin US Doonaald Tiraamp haasaa ani hokkara torban darbe Kaappitolitti uumame dura taasise "guutummaan guutuutti fudhatamaadha" jedhe.

Tiraamp haasaa taasisan keessatti deeggartoonni isaa akka gara Kongirasiitti duulaniif dubbatanii ture.

Kun gocha "fokkuu" dimokiraatonni Kongirasii keessa jiran hokkara kakaase jechuun ana buqqisuuf carraaqanidha jedhe Tiraamp.

Tiraamp Amajji 20 aangoo Joo Baayidanitti dabarsanii waajira gadhiisu.

Dimokiraatonni Mana Maree keessa jiran Pirezedaant Tiraampiin buqqisuudhaaf sagaleen Roobii dhufte kennuuf jiru.

Yoo sagaleen kennuun Mana Maree Bakka Bu'aataan taasifame, Tiraamp seenaa US keessatti pirezedaantii si'a lama akka aangoorraa buqqaafamuuf gaaffii dhiyaate ta'a.

Haata'u malee, gara isa buqqaasuutti kan darbamu yoo sagaleen Seeneetii harki caalaan, jechuun sadii keessaa harki lama deegaran qofa ta'a.

Kun ta'uuf ammoo sagalee gama paartii isaa , Rippabilikaanotaa, irraa hedduu barbaada. Hanga ammaattis Rippabilikaanonni muraasni akka inni aangoorraa buqqaafamuuf sagalee akka kennan fedhii agarsiisaniiru.

Manni Marichaa jalqaba Pirezedaantii Itti-aanaa Maayik Peensiin akka aangoo heera mootummaa fayyadamuun Tiraampiin aangoorraa kaasuuf yaada kaasuuf gaafatu. Yaada kana garuu Maayik Peensi ni morma jedhamee eegama.

Hokkara namoonni shan akka du'aniif sababa ta'e hordofee waamichi akka Tiraamp aangoo gadhiisu, waajira dhiisu ykn buqqaafamuuf Dimokiraatotaafi Rippabilikaanota tokko tokkorraa dhiyaatu dabalaa jira.

Tiraamp haasaa isaa keessatti maaljedhee ture?

Hiriira deegarsaa Amajji 6, Waashigiteenitti gaggeeffamerratti haasaa taasiseen Tiraamp filannoo pirezedaantummaa Sadaasa 3, 2020 irratti ragaa qabatamaa tokko malee sagaleen hatameera jechuun akka deeggartoonni isaa gara Kongirasiitti duulaniif gaafatee ture.

Hokkara torban darbe uumameen walqabatees namoonni muraasni kan to'ataman yoo ta'u shan ammoo du'aniiru.

Baayidan osoo kakuu raawwatanii aangoo hin fudhatiin deggartoonni Tiraamp finxaaleyyii hidhatan kutaaleen biyyattii 50 keessatti mormiif bahuu malu jechuun FBI akeekkachiiseera.

Qophii aanoo fuudhaa irratti loltoonni 15, 000 Eegduu Biyyalessaa irraa Waashingiteen DC qofatti ni bobbaafamu jedhameera.