Twitter akkaawuntii weellisaa Kanye West ugguree turerraa dhorkaa kaase

Weellisaa Kaaniyee West

Madda suuraa, Getty Images

Akkaawuntiin weellisaa Kaaniyee West Twitter gubbaa sababa ergaa isaatiin ugguramee ture, turtii ji'a saddeetiin duuba baname.

Raappariin Ameerikaa Ye jedhamuun beekamu kun, qajeelfama Twitter hokkora kakaasuu hambisuuf bahe cabsuun himatame.

Erga akkaawuntiin isaa deebi'eef haga ammaa ergaa kamuu hin maxxansine.

Abbaan qabeenyaa marsaa hawaasa Twitter, Iloon Mask, dhiyeenya kana maqaa pilaatfoormii kanaa X jechuun geeddareera.

Akkaawuntiin Ye ammatti kan agarsiisu ergaan xumuraa Mudde 1, 2022 maxxansedha - guyyaa tokko ugguramuu isaatiin dura.

Mask yeroos akka jedhetti, Ye'n "qajeelfama keenya hokkora kakaasuu oolchuuf bahe cabse," jechuun akkawuntiin isaa akka ugguramu himee ture.

Kunis kan tahee weellisaan kun ergaawwan nama dallansiisan akka akkaa maxxansuu isaa hordofeeti. Isaa keessaa tokko, mallattoowwan 'swastika' fi 'Urjii Daawit' walitti kan agarsiisu ture.

Weellisaan kun yeroos Twitter irraa gaggeeffamuu isaatin ji'a lamaan dura, achuma Twitter, akkasumas Instagram keessaa ugguramee ture. Ergaan jibba Semitikii qaban kun, appiiwwan lammannuu irraa haqamaniiru.

Ji'uma sana keessa, dhaabbati huccuufi kophee Adidas hariiroo raappara kana wajjin qabu adda kute. "Jibba Seemis tahe, haasaa jibbiinsaa gosa kamuu hin hin obsinu," jechuun ibsa baase dhaabbanni kun.

Tujaarichi Mask Sadaasa dabre keessa akkaawuntii Pireezidantii duraanii US Donaald Tiraamp ugguramee ture, namoonni %51.8 erga sagalee kennan booda deebi'eera.

Haa tahu malee Aabba Tiraamp marsaa hawaasummaa kanatti deebi'uuf fedhii akka hinqabne hime.