Elon Musk uggura Twitter akkaawuntii Tiraamp irra kaa'ee ture kaase

Donald Trump was banned from using Twitter in January 2021

Madda suuraa, Reuters

Abbaan qabeenyaa Twitter haarayaa Elon Musk, uggura akkaawuntii Donaald Tiraamp irra kaa'amee ture kaasuun deebisuufi hime.

Kunis tujaarichi gaaffii hordoftootasaa gaafachuun, fayyadamtoonni deebi'uu Aabba Tiraamp erga deeggaran boodadha.

''Uummanni yaadasaa ibsateera,'' jechuun Musk twiit tolche - fayyadamtoota miiliyoona 15 filatan keessaa, %51.8 kan tahan uggurri akka kahu deeggaran.

Haatahu malee pireezidaantiin US duraanii gara pilaatifoormii kanatti deebiyuu dhiisuu mala - maaliif jennaan, ''Sababni [itti deebi'uuf] natti hin mul'atu,'' jechuun dhiyeenya dubbatee ture.

Akkaawuntiin Tiraamp 2021 keessa sababa yaaddoo hokkora kakaasuu mala jedhuun ugguramee ture.

Hooggansi Twitter duraanii deeggartoonni Donaald Tiraamp Amajjii 6 gamoo US Kaappitol humnaan erga seenanii guyyootaan booda tarkaanficha fudhate.

Gaafas wayita Kongiresiin biyyattii walitti qabamuun mo'icha Joo Baayidan raggaasuuf jedhutti, namoonni hedduun humnaan cabsanii gamoo Kaappitol seenan.

Hokkora kanaanis namoonni afurii fi miseensi poolisii tokko lubbuu dhabaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hokkora kanaan booda akkaawuntiiwwan Facebook, Instagram fi YouTube Aabba Tiraamp hordoftoota miiliyoona hedduu qabanis ugguraman.

Ji'oota hedduu boodas, miidiyaa hawaasaa ofiisaa Truth Social jedhamu banate.

Guyyootaan dura namni siyaasaa kun dorgommii pireezidaantummaa 2024tti gaggeeffamu irratti akka dorgomu ifa godheera.

Tujaarri addunyaa kanaa Elon Musk, ji'a dabre keessa ture doolaara bn44 baasuun Twitter kan dhuunfate.

Akkuma dhufeen marsaa hawaasaa kana keessatti jijjiiramoota hedduu hojiirra kan oolche oggaa tahu, qajeelfamoota haasaa jibbaa fi oduu sobaa dhaabbatichaa laaffisuu mala jedhamees sodaatamaa jira.

Filannoon 'midterm' Ameerikaa Sadaasa 8 hin gahin dura, Musk gaaffii akkaawuntii Tiraamp ni deebistaa jedhuuf akkasiin deebisee ture: ''Hanguma namni Tiraamp yoom deebiya jedhee na gaafatuun otoo doolaara tokko argadhee, silaa Twitter maallaqa maxxansaayyu!''

Jalqaba torban kanaatti ammoo, gamoowwan waajiraalee kaampaanichaa yeroof cufaa tahu jechuun hojjettootaaf himee ture.

Taateen kunis kan dhagahame wayita hojjettoonni lakkoofsa guddaa qaban kaampaanicha gadhiisaa jiru jedhamuun gabaafametti.

Kunis Musk hojjettootaan ''sa'aatii dheeraaf si'oomina guddaan hojjedhaa yookaan gadhiisaa'' jechuun filannoo erga kenneefi.