Fayyadamtoonni Twitter gara Mastodon dabraa jiru - sirni 'haaraan' kun maali?

Asxaa Twitter fi Mastodon

Madda suuraa, NurPhoto

Tujaarichi Elon Musk Twitter dhuunfachuusaa hordofee fayyadamtoonni gariin filannoo dhibii barbaadaa jiru. Kanneen keessaa daran kan buufachaa jiru Mastodon kan jedhamudha? Mastodon maali?

Networkiin hawaasaa kun fayyadamtoota 655,000 akka qabu hima – kanneen keessaa 230,000 kan tahan torban dabre keessa kan makamanidha.

Mastodon gubbaadhaa ennaa ilaalan Twitter fakkaata – fayyadamtoonni akkaawuntii qaban maxxansaalee “toots” jedhaman barreessu, isaaniifis deebii kennuu (reply), deebisanii qooduun kan danda’amu oggaa tahu, namootas hordofuun ni danda’ama.

Haatahu malee keessa gallee ennaa ilaallu, akki itti hojjettu addadha.

Kunis sababa fayyadamtoota haaraa ittin hawwatu keessaa isa tokko tahus, kaaniif ammoo fayyadamni isaa bitaa itti galeera.

Marsaan hawaasaa kun haaraa miti – wagga jaha dura kan hundeeffamedha.

Akka itti fayyadama isaa akka itti aanutti ilaalla.

Sarvaroonni kun hundi maali?

Gaafa jalqaba galmooftan (sign up) waan gochuu qabdan keessaa sarvara filachuudha - hedduutu jira. Isaanis biyyaan, magaalaa fi fedhiin kan qoqqodamanidha – kanneen akka UK, hawaasummaa, teknooloojii, ‘gaming’ fi kaan.

Sarvara kamirra taatus hagas mara rakkoo hin qabaatu, sababni isaas fayyadamtoota isa kamirrayyuu jiran hordofuu dandeetta.

Kanneen akkaan gurra horatan – akka social fi UK, sababa fedhiin guddaa jiruuf daran harkifachaa jiru.

Sarvara MastodonApp.UK gama dhaabbatasaa Superior Networks jedhamuun kan hooganu Ryan Wild, sa’aatii 24 keessatti fayyadamtoonni haarayaa 6,000 caalan galmaa’uu isaaniin, galmee dhaabuusaa dubbata.

Akkamiin namoota argatta?

Sarvarri ati filatte qaama maqaa akkaawuntii kee taha – fakkeenyaaf, ani maqaa Twitter koorra jiru zsk jedhu fayyadamee sarvara UK filadhe. Kanaanis maqaan koo @[email protected] tahe. Kanaaf isa kanaan na barbaaddanii argachuu dandeessu.

Sarvara walfakkaataa irra jirtu taanaan maqaa qofaan barbaaddanii argachuu dandeessu, garuu namni isin barbaaddan sarvara biraarra jira taanaan, maqaa guutuusaanii beekuu qabda.

Akka Twitaraatti Mastodon nama kana hordofuu malta jechuun siif hin dhiyeessu. Hashtaagiiwwanis soquu dandeessu.

Sarvaroonni kunniin maaliif barbaachisan?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tole, dhimmi kun hanga tahe walxaxaadha – garuu isinii salphisuu yaala.

Mastodon pilaatformii tokko miti. ‘’Waanta’’ tokko qofa miti, dhaabbata yookis nama tokkoon kan dhuunfatamus miti.

Sarvaroonni adda addaa kun hundi walitti hidhachuun, cimdii waloo tokko uumu. Isaan kunis namootaafi dhaabbilee garagaraatu bulcha yookaan hooggana.

Kunis sirna ‘decentralised’ jedhamudha. Kanneen sirna akkasii kana jaalatan, sababa qaama tokkoon hin hoogganamneef, bitamneef yookaan hin gurguramneef gaariidha jedhu.

Haatahu malee sirni akkasii miidhaan qabu, harka nama yookaan dhaabbata akkaawuntii kee qabate irratti si buusuu isaati. Jarri kun waan kana bulchuu oo dhiisan, akkaawuntiin kees wajjumaan ibidda bu’a.

Mastodon qaamoleen sarvara bulchan cufuuf murteessu taanaan, fayyadamtoota ji’a sadii dursanii akka beeksisan gaafachaa jira.

Hundeessaan Twitter Jack Dorsey miidiyaa hawaasaa BlueSky jedhamu as baasuuf hojjechaa jira. Innis akkuma kana sirna tokkoon kan hinbulle ‘decentralise’ gochuu barbaada.

Mastodon akkamiin to’atama ykn hordofama?

Kun dhimma salphaa miti. Ammatti sarvaroonni gara caalu seera hordoffii mataasaanii qabu, muraasni hin qaban.

Sarvaroonni muraasni kanneen akkaawuntii dhugaa hin taane (bots) hedduu qabaniifi qabiyyeewwan jibbaa hedduu qaban wajjin walitti hidhachuu hin barbaadan.

Kana jechuunis sarvara isaan ugguran irraa qabiyyee ilaaluun hin danda’amu. Maxxansa tokko kanneen sarvara bulchan biratti gabaasuun ni danda’ama.

Haasaa jibbaa yookaan qabiyyee seeraan ala taanaan, bulchitoonni sarvarichaa haquu danda’u – kun garuu bakka hundarraa balleessa jechuu miti.

Pilaatifoormiin kun guddachaa dhufa taanaan, kun dhimma rakkoo fidu taha.

Ammumallee namoota dhuunfaa irratti xiyyeeffachuun maxxansaalee jibbiinsaa jiraachuun gabaafameera – BBCnis fakkeenya akkasii argeera.

Beeksisni jiraa?

Lakkii. Beeksisoonni dhufan hin jiran, kana jechuun garuu dhaabbata yookaan oomisha kee beeksifachuuf maxxansa tolchuu dandeessa.

Kana malees Mastodon akka Twitter’tti sirna maxxansaalee siif mijatan jedhu qixeessee fidu hinqabu.

Fayyadamuuf bilisaa?

Sarvara ati fayyadamtutu murteessa – gariin namoota sarvara hooggananii, qaamni isaaniif beessee baasu waan hinjirreef, maallaqa akka arjoomtuuf si gaafatu.

Garuu waliigalaan bilisadha.