Tiwiitar hojjattoonni hanga torbee dhufuutti waajjira akka hin seenne dhorke

Madda suuraa, Getty Images
Tiwiitar gamoowwan waajjiraaleen isaa keessa jiran yeroof cufaa ta'uu hojjattootatti hime.
Ergaa hojjattootaaf ergame BBC'n kan ilaale yoo ta'u, waajjiraaleen hanga Wiixata Sadaasa 21'tti kan cufaman ta'u. Sababni garuu hin kennamne.
Kunis kan ta'e wayita hojjattoonni hedduun waamicha Iloon Maski akka yeroo dheeraafi cimina guddaan akka hojjatan yookaan akka ba'aniif taasise hordofuun wayita gadhiisaa jiranittidha.
Ergaan hojjattootatti ergames akkas jedha: "Odeeffannoo isiniif kenname kana miidiyaa hawaasaa yookaan miidiyaa irratti yookaan bakka biraatti dubbachuurraa of qusadhaa."
Sochiin kun wldaalee hojjattootaa waan dammaqse fakkaata, UK'tti waldaan hojjattoota teeknoloojii dhimma kanarratti ibsa akka kennuuf Tiwiitara UK wal-ga'iif gaafatee jira.
Barreessaan olaanaa waldichaa Maayik Kilaansii akka jedhutti, "gochi akkasii callifamee kan bira darbamu miti."
'Namni hoggansarratti hafu hin jiru'
Namoonni kumaatamni dhaabbaticha dhiisanii ba'aa akka jiran mallatoowwan mul'achaa jiru.
Hojjataan Tiwiitar duraanii maqaan akka hin eeramne gaafate akka jedhutti: "Yeroo wanti hunduu qulqullaa'u, nama 2,000 hin guunnetu hafa jedheen yaada," jedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namni garee isaanii keessa jiru hundi ba'uu himu. "Hogganaan garichaa ari'ameera achiis hogganaan isaa ari'ame. Kan isaaniin hogganaa ture ammoo warreen duraan hojiirraa dhorkaman keessaayyu."
Namni biraan ammoo, sa'aatii dheeraa hojjachuuf hayyamamaa ta'anus akka jedhametti hojjachuuf garuu qophii miti jedhani.
"Durumaanuu torbeetti sa'aatii 60-70 wayitan hojjachaa jirutti, nama imeeliin irra deddeebi'ee 'warra adda ta'e qofatu hojirratti hafa' jedhee nama doorsisuuf hojjachuu hin feene.
Tiwiitar yaada akka kennuuf gaaffiii BBC irraa dhiyaateef deebii hin kennine.
Dhimma hojjattoonni gadhiisuu ilaalchisee, pirezidantiin itti aanaa duraanii Tiwiitar Biruus Deezlii, injinaroonni duraanii dhaabbatichaa, miidiyaan hawaasaa kun 'Wiixatarraa eegalee hojachuu dhiisuu mala' jechaa jiru jedhu.
Tajaajiloonni miidiyaa hawaasaa kanaa muraasni injinaroonni achitti argamuun kan sochoosan ta'uu eeruun, yoo namoonni kunneen hojiirraa ba'an "eessaa dhufa?" jechuun dhimmichi dhugaa ta'uu ibsu.
Tiwiitar walumaagalatti hojjattoota idilee 7,500 ol kan qabu yoo ta'u, hojjattoota al-idilee kumaatamaan lakkaa'amanis qacaree hojjachiisa. Isaan kanneen keessaas %50 hojiirraa akka ari'an eegama.
Abba Maski doolaara biiliyoona 44'n erga Tiwiitariin bitee booda jijjiiramoota gurguddoo taasisaa kan jiru yoo ta'u, gabaasota dhaabbatichi cufachuu mala jedhaniin waan yaadda'e hin fakkaatu.















