Facebook fi Twitter hojjettootasaanii hir’isuun gama Itoophiyaan dhiibbaa fidu qabaa laataa?

Madda suuraa, Getty Images
Tujaarri addunyaa kanaa miidiyaa hawaasaa Twitter bituusaa hordofee, jijjiirama jalqabarra taasise keessaa, guyyaatti doolaara miiliyoona afur tahu dhabaan jira jechuun humnan namaa hir’isuu ture.
Akkasuma maamiltoota biiliyoonaan lakka’aman kan qabu Facebook, hojjettoota isaa keessaa kanneen 11,000 tahan hir’isuuf karoorfachuu beeksiseera.
Dhaabbileen kunniin humna namaa isaanii hir’isuuf sababa kan tahe, rakkoo diinagdee addunyaa mudachaa jiru akka tahe himu.
Jijjiiramoonni dhaabbilee Meta fi Twitter keessatti gaggeeffamaa jiran kunniin gama waldhabdeetiin – keessattuu Itoophiyaa keessatti dhiibbaa akkamii geessisuu malu?
Sodaan kun maalirraa madde?

Madda suuraa, Reuters
Facebook marsaalee hawaasaa Itoophiyaa keessatti fayyadamtoota hedduu qabu ennaa tahu, rakkoolee nageenyaa biyyattii keessatti mudatan hammeessuun irra deddeebiin komatameera.
Hojjettuun kaampaanichaa duraanii Frances Haugen bara dabre keessa Kongiresii Ameerikaa fuuldura dhiyaachuun, kaampaanichi oduu sobaa fi odeeffannoowwan hokkora kakaasan Itoophiyaa fi Miyaanmaar keessatti hin dhaabsisne jechuun ragaa bahaniiru.
Gorsituu nageenya intarneetaafi mirgoota dijitaalaa kan tahan Salaamaawit Tazarraa waan jedhan, Twitter haga ammaatti humna namaa haga ammaa hir’iseen, bal’inaan hojjettoota kutaa mirgoota namoomaa bira gaheera jedhu. Adeemsi Facebook fudhatus kanarraa adda taha jedhanii hin yaadan.
“Kaampaaniiwwan gurguddoon kaayyoon isaanii ijoon bu’aa waan taheef, hojimaata walfakkaataadha qabu. Kanaaf, oduun [hojjettoota hir’isuu] Meta irraa amma dhageenye, shakkii malee kutaa hordoffii qabiyyeewwanii kan tuqudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sodaan koo kutaa addunyaa gama kibbaa jiru – kan galii gadaanaa qabu, garuu ammoo bal’aa tahe keessatti rakkoo jiru ittuu hammeessa kan jedhudha.’’
Kaampaaniiwwan gurguddoo tahan kunniin hojjettoota hir’isuu isaaniin dura, hordoffii qabiyyee isaanii nama itti ramaduurra maashinaan hojjechuu irra filatu komiin jedhu irratti dhiyaachaa tureera.
Keessaafuu qabiyeewwan afaanota Itoophiyaa keessatti dubbatamaniin bahan ilaalchisee, sirni hubannoo nam-tolchee (AI) jechoota muraasa qofa ilaaluun murtoon inni dabarsa jedhamu, gaaffilee hedduu kaasaa tureera.
Faallaa kanaan ammoo namoota qajeelfamoota homaatuu hin cabsine irratti tarkaanfii fudhachuu, maxxansaalee yaaddessoo tahan irratti ammoo ergaasaa hubachuu dhabuun tarkaanfii fudhachuu dhabuun komatama.
Twitter gamasaan hordoffii maxxansaalee keessattuu dhimmoota Itoophiyaa irratti rakkoo guddaa kan qabu akka tahe ogeettiin nageenya intarneetaa Salaamaawit ni dubbatti.
Twitter qabiyyeewwan jibbiinsaa adda baasuuf guyyoonni itti fudhatu kan jedhan ogeettiin kun, qabiyyeen tokko miidhaa qaqqabsiisuu malu erga dhaqqabe booda dhimmicha ilaaluun isaa yaaddessaadha jedhu.
Jaarmiyaaleen kun namoota qabiyyee maxxanfamu hordofanii tarkaanfii fudhataniifi hojjettoota kutaa mirgoota namoomaa ni hir’isu taanaan, dhimmichi biyyoota akka Itoophiyaaf rakkoowwan akka akkaa fidee dhufa sodaan jedhu dabaleera.
“Biyyoota beekumsi miidiyaa gadaanaa itti tahe keessatti, marsaaleen hawaasaa keessattuu yeroo waldhabdeen uumamutti, gahee guddaa qabu. Kanaaf akka waliigalaatti, namoota maxxansaalee hordoftoota hir’isuun, biyyoota Ameerikaafi Awurooppaa ala jiran keessatti rakkoo guddaa dhala.
Kanaafis akka kootti Meta’n ogeeyyii qabiyyee afaanota Itoophiyaan hordofanii ni hir’isa jedhee amanuun natti ulfaata,’’ jedhu Salaamaawit.
Falmitoonni mirgoota dijitaalaa addunyaa, hordoffii qabiyyeewwanii Facebook, keessattuu kan Itoophiyaa keessaan walqabatee gaafatama gochaa turaniiru.
Haatahu malee Meta’n bu’aan buusaa jiru hir’achaa jira jedhee yoo amane, hordoffii qabiyyeewwanii Itoophiyaas tuquun isaa hinoolu jedhu Salaamaawit.
Tarkaanfiiwwan kun maal fidanii dhufuu malu?
Dhaabbileen kun hordoffii qabiyyeewwanii afaanota Itoophiyaa irratti hojjettoota hir’isu taanaan, humna isaanii ammallee gadaanaa tahe kan dadhabsiisu taha kan jedhan Salaamaawit, rakkoolee dabalataa fidee dhufuunsaa hinoolu jedhu.
Bu’aa tarkaanfii isaanii raaguun danda’amuu baatus, keessattuu mootummoonni biyyaa qormaata aangoosaanii morkatu itti fida taanaan, marsaalee hawaasaa guutummaatti ugguruu akka malan ni tilmaamu.
Amma dura mootummoonni Ugaandaa fi Itoophiyaa marsaalee hawaasaa ugguruun seenaa qabu. Naayijeeriyaatti ammoo Twitter maxxansa pireezidaantichaa haqeera – finciltoota irra goruun, qabiyyeewwan hokkora kakaasan bira dabreera jechuun ji’ootaaf ugguramee ture.
Tarkaanfiileen hordoffii qabiyyeewwanii kan bu’uureeffatan, qajeelfamoota fayyadamtootaa dhaabbileen kun qopheessaniini. Kanneen qixeessuufi fooyyeessuuf, xaariin waggoota fudhate taasifamuu Salaamaawit ni himu.
Dhaabbileen kun keessattuu yeroo filannootti, kaayyoo demookraasii danquuf akka hinoolleef jecha baasii hedduu baasuun hojjetu.
Filmaata biyyoolessaa 6ffaa dhiyeenya Itoophiyaatti taasifameen, Facebook tattaaffii maxxansaalee hokkora kakaaasan to’achuuf fudhate kan yaadatamudha.
Hojjettoota mirgoota namoomaafi to’attoota qabiyyee hari’uun, foyya’insa waggootaaf irratti dhama’ame miidha jedhu ogeettiin kun.
Falli maaliree?
Qaamoleen hawaasa sivilii akkasumas falmitoonni mirga dijitaalaa, hojjettoota hari’uu Facebook hangas mara xiyyeeffannoo waan itti kennan hin fakkaatu.
Haatahu malee tarkaanfiin kun to’annoo qabiyyee Afaanota Itoophiyaa irratti dhiibbaa fidu tilmaama keessa galchuun hojjechuu akka qaban gorsituun dhimmoota dijitaalaa kun ni himu.
Hawaasni siviilii akkasumas mootummoonni waliin tahuun, miidiyaaleen hawaasaa maxxansaalee waldhabdee kakaasan yeroo murtaa’e keessatti haquudhaa yoo baatan, sirni itti gaafatamoo itti tahan midhaassuu qabu jedhu.
Caasaa qajeelfamoota miidiyaa hawaasaan akkasumas kana hojiirra oolchuuf tarkaanfii taasifamuu Facebook sadarkaa fooyya’aa akka qabu kan himan Salaamaawit, amma garuu marsaaleen hawaasaa kanneen akka Telegram caalaatti sodaa tahuu isaaniitiin xiyyeeffannoon itti kennamuu qaba jedhu.
Haatahu malee furmaatni ijoofi waarawaa tahu, itti fayyadama marsaalee hawaasaa irratti barnoota laachuun, jijjiiramni amalaa akka uumamu taasisuudha jedhu.
Kanaanis hojiilee odeeffannoo seecca’uu, jechoota jibbiinsaafi namuummaa xiqqeessan adda baasuu, akkasumas dhugummaa oduu tokkoo xiinxaluu irratti lammiilee barsiisuu barbaachisaa tahuusaa kaasu.












