Mallattoon simbiraa Tiwiitar 'X' kan jedhuun bakka bu'uuf

Madda suuraa, Getty Images
Abbaan qabeenyaa miidiyaa hawaasaa Tiwiitar Iloon Mask mallattoo (logo) simbiraa Tiwiitar gara ''X'' geeddaruufi jedhe.
Haa tahu malee Mask dubbii hojiirra hin oolchine dubbachuufi qoosaadhaaf jedhuun beekama.
Mask maqaa daldalaa Tiwiitar "X Corp'' kan jedhutti kan geeddaree yoo tahu, maqaa kana bakka buusuun kuni, ''yeroo dheeraa dura tahuu qaba ture,'' jedhe.
Akka gabaasonni jedhanitti biiliyanarri kuni ''appilikeeshina guddaa'' ''X'' jedhamu appii Chaayinaa WeChat jedhamu wajjin wal-fakkaatu tolchuu barbaada.
Dilbata kaleessaa mallattoo Tiwiitar geeddaruuf barbaadaa akka jiru yeroo Tiwiitara irratti katabe, ''mallattoo Tiwiitariifi simbirroowwan suuta suuta nagaatti jenna,'' jechuun barreesse.
Mallattoon yeroof fayyadus Dilbata kaleessaa akka gadhiifamu himee ture.
Suuraa ''X'' ifni keessaa ifee dhaamu Tiwiitar irratti maxxanseera. ''Mallattoon kuni eeyyee yeroo dheeraa dura geeddaramuu qaba ture,'' jedheera.
Hoggantuun Tiwiitar Liindaa Yaakaariinoo, Tiwiitara haaressuun carraa haaraafi gaarii tahedha jette.
''Tiwiitar faaraafi akkaataa itti miidiyaa hawaasaa kanaa irratti namoonni haasa'an geeddareera,'' jette.
''X waltajjii waliin dubbii addunyaa akka tahutti geeddaramas,'' jetteetti.
Eeshiyaa keessatti appiiwwan kanneen akka PayTM kan Indiyaa, GoJek kan Indooneeziyaa waggoota muraasa darbaniif qaama hojii guyyuu tahuun tajaajilaa jiru.
Appiiwwan kunneen sirna faayinaansii kaffaltii raawwachuuf gargaaranidha.
Appiin Chaayinaa WeChat jedhamu kan akka wal-tajjii miidiyaa hawaasaafi ergaa dabarsuuf gargaaru, appii tajaajila kennuufi fayyadamaa qabuun naannichatti isa guddaadha.
Bara darbe qofa appiin kuni Chaayinaa keessatti fayyadamtoota biiliyoona 1.29 akka qabu tilmaamama.
Mallattoo Simbiraa
Mask erga Tiwiitar 2022 biteen as kaampaanichi maqaa daldalaa isaa gara ''X Corp'tti' geeddareera.
Marsariitiin Tiwiitar mallattoon simbira cuqulisaa agarsiisu,''baayyee isa beekamu'' gatii taheefidha ''eeggannaafi'' jedheera.
Dhaabbati kun Muddee keessa asxaa isaa saree Dogecoin 'Shiba Inu' jedhamuun yeroof bakka buusee ture. Taateen kunis gatii kiriptookaransii kanaa akkaan olkaasee ture.
Iloon baatii darbe namoonni guyyaatti tiwiitii meeqa akka argu danda'an nan daangessa jechuunsaa, fayyadamtootaafi kanneen mi'aafi tajaajila isaanii beeksisaniin qeeqamaa ture.
Ergasii appiin miidiyaa hawaasaa Threads jedhamu dhaabbata Feesbuukii dhuunfatu Metaadhaan as bahee guyyaa shan qofatti fayyadamtoota miiliyoona 100 argateera.
Tiwiitar kana dura hojjettoota yeroo geggeessu doolaara miiliyoona 500 kaffaluu qabu hin kaffalle himannaan jedhu irratti dhiyaateera.
Mask erga dhaabbaticha bitee hojjettoota dhabbatichaa walakkaa ol hir'iseera.












