Komiin manneen amantaa wixinee labsii haaraa dhimmoota amantaarratti qaban maali?

Ministeerri Nagaa Itophiyaa qajeelfama heeraa, ''mootummaan dhimma amantii, amantiin dhimma motummaa gidduu hin galu,'' jedhu akkasumas bilisummaa amantii bu'uura godhachuun labsii wixinee qopheesseera.

Labsiin Dhimmoota Amantii sadarkaa wixineerra jiru kuni dhimmoota garagaraa qabateera.

Dhimmoota labsichi kaase keessatti ''gochaawwan manneetii amantiif dhorkaa tahan dabalatee lafti awwaalchaafi waaqeffannaa akkatti kennamu,'' irrattis qajeelfamoota tarreesseera.

Labsii wixinee keewwata 32 fi kutaa jaha qabu kana keessatti ''manneetiin amantaa kaayyoo amantii hundeeffamaniifi galmaa'aniif alatti socho'uu, iddoowwan seeraan dhorkamanitti lallaba amantaa adeemsisuu, dhaabota mootummaa, manneen barnootaa dhuunfaa fi mootummaa idilee keessatti lallabuu, daddabarsa maallaqaa seeraan alaa, amantii ofii inni kaan dirqamaan akka hordofu gochuu,'' kan jedhu dabalatee dhorkaawwan biroo kaa'era.

Komii jaarmiyaalee amantii

Wixinee labsii bahe kanarratti manneetii amantaa warra wangeelaa dabalatee Manni Maree Islaamummaa komii qabaachuu Ministeera Nagaaf xalayaa barreessaniiru.

Dura taa'aa boordii tokkummaa warra wangeela Itophiyaa fi Pireezidantii Waldaa Masarata Kiristoos kan tahan Paastar Dassaalanyi Abbabaa, wiixinee kuni yeroo jalqabu hirmaachisaa tahuu dhabuu komatu.

''Seerri yoo bahu iftoominni, wal-qixxummaan, qulqullummaan akka eegamuuf waan taheef, inni jalqabaa qaama warra wangeelaa ilaallatu hunda seeraafi heeraan hin hirmaachufne ture,'' jedhan.

Kanaafis bakka bu'oota uummataatti dhimma seeraafi haqaa ilaalanitti himanii isaaniis komii isaanii dhaggeeffachuu dubbatan.

Wixinee labsii qophaa’e kana akka ilaalan kan dubbatan Hoji-gaggessaan Mana-maree Waliiaalaa Dhimmoota Islaamaa (Majiliisa Federaalaa) Hajii Kamaal Haaruun, bakka komii irratti qabna jedhan adda baasanii yaada akka kennan dubbatu.

Akkuma biyyatti yeroo ilaalamu amantaa biraarra amantaan Musliimaa kanneen akka aadaa uufannaa amantaa Islaamaa, dhimmoota bakkawwan akka manneen-barnootaafi hojiitti sagada (salaataan) walqabatan dabalatee hanga ammaa gaaffii hin deebi’iin jiru qaba jedhu hoji-gaggeessaan Majilisaa kun.

Ummanni Musliimaa sirna duraan turerraa kaasee cunqurfamaa jira kan jedhan Haji Kamaal, wayita kanaaf mootummaan deebii nuuf kenna jennee eegaa jiranitti wixneen labsiin kunis waan dhufeef komii irratti qabnu sirritti ibsineerra jedhan.

“Amantaa adda addaatu jira. Kan Musliimaa Kiristaana waliin wal dorgomsiisuun hin danda’amu. Maaliif jennaan, guyyaa guyyaatiin waan adda addaatu dalagama akka amantichaatti. Kanaaf, mirga isaanii kabajuu barbaachisa waan ta’eef labsii kana keessatti mormii kan irratti qabnu akka sirreessaniif dhyessineerra.”

Wixineen kun fooyya’insi , akkasumas yaadni kennuun barbaachisu yoo jiraateef jedhamee yeroo dhiyaate irratti akka argaman waamichi akka dhiyaateeruuf dubbatan Haji Kamaal.

Bu’uuruma kanaan bakkeewwan akka manneen-barnootaa, yunivarsiitiiwwafi Daandii Qilleensaa Itoophiyaa keessatti qacarriirraa kaasee adeemsi jiru nama Musliimaa ta’e moggessan waan jiraniif akka sirreessaniif gaafachuu himu.

“Hijaaba yoo gdhatte, areeda yoo guddifate, surree yoo gabaabsate, [maqaan isaa] Musliima ta’uusaatiin bakki itti moggeeffaman jiru waan ta’eef…” akka sirreeffamuu gaafachuu ibsan.

Akka manneen-barnootaa, yunivarsiitiiwwaniifi dhaabbileen kaan keessattis golli keessatti sagadan akka qophaa’uuf wixinee kana keessa akka galuuf gaafatanii deebii gaariillee akka argatan abdii eegaa jiraachuu himaniiru.

Paatar Dassalany ''namni tokko biyya kana akka jaalatu gochuu wayya moo seera dirqisiisu wayya waan jedhu kaasne,'' jedhan.

Biyya kana keessa hojiirra oolmaa malee ''rakkoon labsii qabaachuu miti,'' jechuunis kaasu.

''Amantoonni warra wangeelaa dhiibbaafi cunqurafama adda addaa keessa waan dabarsaniif waan hunda shakkuutu jira kanaaf seeruma kana duraan otoo bulanii wayya, seerri haaraan yoo bahe komii biraa fida komii jedhu kaasne,'' jedhan.

Dhimma kanarratti jalqabarratti komii hirmaannaa qabanillee manneetiin amantaa isaanii Ministeera Nagaan boodana akka hirmaachifaman himaniiru.

Pastar Dassaalanyi labsiin wixinee akka dhorkaatti dhimmota akka dhorkaatti kaase keessaa dhimma lallaba wangeelaa akka ilaalltu himan.

''Amantaan keenya akka nu barsiisutti wangeelli bakka namni jirutti lallabama, waldaan bakka sassaabamutti hundoofti, keesumaa bakka namoonni argamuttiifi daandii gubbaatti lallabuun akka dhorkaatti ka'eera,'' jedhan.

Dhorkaan akkasii kuni amantii hunda irratti osoo hin taane, ''tokko tokko irratti xiyyeeffachuu mala,'' jechuun shakkii qaban kaasan.

Dhimmi biraan kaasan deeggarsa waldaaf biyya alaarraa taasifamurratti tahuu dubbataniiru.

''Gargaaarsi biyya alaatii waldaaf dhufu eenyurraa akka tahe, meeqa akka tahe, kaayyoonsaa maal akka tahe ibsamuu qaba waan jedhurratti ammayyuu walii hin galle,'' jedhan.

Paastarichi dhimmooti akkasii karaan faayinaansii dhimmoota xumuramuu danda'an akka tahan ibsuun,''akka amantaa isaaniitti maallaqani kana, kanaaf dhufe jedhanii ibsuun iddootti nu rakkisu qabaa,'' jedhan.

Dhorkaan akkasii kuni ''amantii hunda irratti hojjeta moo hin hojjetu kan jedhu shakkii guddaa keessa nu galcha,'' jechuun ibsan.

''Seera dirqisiisu baasurra biyyi kuni kan keessanii ofii keessaniin of bulchaa, deemsa amantaa keessanii dursitanii warra kaan irrattis miidhaa akka hin goone kan jedhu gahaa ture,'' jedhanii akka amanan dubbatu.

Labsiin kunii warri aangoo mootummaa qaban ''dhibbaa akka nurra geessisan taasisuu danda'a,'' kan jedhus kaasaniiru.

Dhimma kanaafis furmaatni ''marii' akka tahe kaasuun ammallee bakka bu'ooti isaanii Ministeera Nagaa wajjin mariitti akka jiran ibsaniiru.

Yaaddoon isaanii seerri kuni bahuu qofa osoo hin taane, ''amantaa tokko ofitti qabee, isa kaan immoo ofirraa qaba yoo tahe'' yaaddoo dha jedhan.

Dhaabbilee amantaa kaan wajjin hariiroo jiru irratti yoo duubbatan, ''hariiroo keenya kan cimsus, kan liqimsus isa seera kana hojiirra oolchu dha,'' jedhan.

Haala kanaanis dhimmi ifa tahe gatii hin jirreef shakkii qabaachuu ibsuun kanarra otoo manneetii amantaa walitti dhufanii marii'atnii jedhu.

''Amantaan biyya kana keessa jiran otoo walitti dhufanii marii'atanii, sagaleen keessn nu jeeqaa jira, amantaa keenyarratti dhibbaa fidaa jira, isin akkas hin godhiinaa, nuti akkas hin goonu otoo tahee gaarii dha. Akkasiin lafa qabata jedheen yaada, labsiin kuni hariiroo kaan wajjin jiru cimsa ilaalcha jedhus hin qabu,'' jedhan.