Raashiyaan nyaata Kooriyaa Kaabaaf kennitee meeshaa waraanaa fudhachuufi-US

Meeshaa waraanaa ibidda tufaa jiru

Madda suuraa, Reuters

Raashiyaan nyaata kennitee meeshaa waraanaa fudhchuuf gara Kooriyaa Kaabaa jila erguufi jedhan dubbii himaan nageenya biyyaalessaa Ameerikaa Joon Kiirbii.

Obbo Kiirbiin akka jedhanitti waliigalteen kamiyyuu kan Raashiyaafi Kooriyaa Kaabaa gidduutti adeemsifamu seera mana maree nageenyaa UN sarba.

Ameerikaan kanaan dura Kooriyaan Kaabaa loltuu Raashiyaa Yukreen keessa jiraniif meeshaa waraanaa dhiyeessiti jechuun himachaa turte.

Kooriyaan Kaabaa garuu himannaa irratti ka'u kana waakkachaa baate.

Obbo Kirbiin waa'ee waliigaltee Raashiyaafi Kooriyaa Kaabaa kanaa US odeeffannoo haaraa qabdi jechuun ibsa gaazexaa kennanirratti dubbatan.

''Raashiyaan jila gara Kooriyaa Kaabaa erguuf akka barbaadaa jirtu hubanneerra, Raashiyaan nyaata kennitee meeshaa waraanaa fudhachuuf jirti,'' jedhan.

Dubbii himaan nageenyaa kuni Ameerikaan waliigaltee biyyoota lameenii kana itti dhiyeenyaan hordofaa turte jedhan.

Kooriyaan Kaabaa akka addunyaatti biyyoota hiyyeeyyii jedhaman keessaa yoo taatu, dhuma bara 1990moota irratti beela mudate dabalatee waggoota dheeraaf hanqina nyaataan rakkatti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Guraandhala keessa biyya mootummaa abbaa irree addunyaa keenyaa qabdu kanatti oomishtummaan gadi bu'uurraan kan ka'e rakkoo nyaataa hamaa qabaatti jedhameetu ture.

Haala qilleensaa badaa, to'annoo daangaa cimaa fi qoqqobbii addunyaa cimaan dabalatee rakkoon biyyatti akka hammaatu taasisu.

Suuraan saatalayitii Kooriyaa Kibbaa irraa argame, Kooriyaan Kaabaa nyaata toonii 180,000'n kan bara 2021 irra xiqqaatu bara 2022tti akka oomishte agarsiisa.

Kamisa darbe Ministeerri Faayinaansii Ameerikaa namicha lammii Siloovaakiyaa Raashiyaa fi Kooriyaa Kaabaaf gidduugaltummaan hojjeta jechuun maqaasaa adda baaseera.

Namni ganna 56 Ashoot Maakrtiicheev jedhamu dhuma baraa 2022 fi jalqaba 2023 irratti bittaaa fi gurgurtaa akkasumas waliigaltee Kooriyaan Kaabaa meeshaa waraanaa gara Raashiyaatti akka geejibdu gargaaru mijeesseera jedhe ministeerichi.

Geeddaraasaa immoo Kooriyaan Kaabaa qarshii, xiyyaara daldalaa, meeshaalee fi miya dheedhii fa'i argachaa turte.

Ameerikaan nama kana adda baasuun tarree 'blach list' jedhamu keessa galchite jechuun daldaloonni Ameerikaa nama kanaa wajjin hojjechuu hin danda'an, qabeenyi inni Ameerikaa keessaa qabus ni qabama

Qoqqobbiin biyyoonni lixaa Raashiyaarra kaa'an humna meeshaalee waraanaa Yukreen keessaatti dhabde bakka buusuu akka rakkattu taasiseera.

Raashiyaan meeshaa waraanaa argachuuf biyyoota kaanitti fuula akka garagalfattus taasiseera.

Bara darbe Mudde keessa Iraan deeggartuu waraanaa Raashiyaa ijoo taateetti jettee turte Ameerikaan.