Raashiyaan haleellaa raawwachuuf dura loltoota kumaatama baha Yukireenitti bobbaaste

Madda suuraa, Reuters
Haleellaa Raashiyaan Guraandhala 15, bara 2023 booda Yukireenirratti banuuf karoorsite hordofee lammileen Raashiyaa kuma kudhanitti lakkaa’aman Baha Yukireenitti ergamusaanii Bulchiinsi Yukireen ka naannoo Luhaaniski beeksise.
''Humnoonni eeggataa hedduun kallattii keenyatti bobbaafamu isaanii argaa jirra,'' jedhan Bulchaan naannoo Luhaaniski Serhiy Hayidayi.
Yukireen irra deddeebiin haleellaan irratti raawwatamuuf karoorfamuu akeekkachiiste.
Haa ta’u malee, Raashiyaan haleellaa irratti raawwattuun milkaa’uun shakkisiisadha.
Dhaabbanni Basaasaa Humna Ittisa UK akka ibsetti, Raashiyaan bulchiinsa naannoo Baha Dooneski, bakkeewwan kanaan duraan hin to’anne salphaatti qabachuuf karoorfattetti.
UK’n akka jettutti yoo ta’e, Raashiyaan humna waraanicha ni geeddaru jettu torbanoota dhufan keessatti ijaaruuf jirti.
Ministirri Ittisaa Raashiyaa Sargee Shoguu, torbanoota muraasa darban keessatti magaalonni torba’’ bilisa bahaniiru’’ jedhan.
Sargee Shoguun akka himanitti, tarkaanfiin waraanaa magaalonni lamaan- Bakihimuti fi Vuhlidar jedhamanitti fudhatamee m’ilkaa’uun ''gara duraatti adeemaa jirra'' jedhan.
Ji’oota jahan darban loltoonni Raashiyaaf qacaramanii hojjatan magaalaa Bakihimuti qabachuuf yaalaa turan -Amma garuu loltoonni idilee kan Raashiyaa isaanitti dabalamaniiru.
Waraanni otoo Yukineetti hin banamiin dura magaalaa Bakihimuti keessa namoota 70,000 ta’anitu jiraata ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Komaandarri Yukireen, Deenis Yaroslaviskii akka himanitti yeroo ammaa namoota 2,000 magaalittii keessatti hafe.
Loltoonni Raashiyaa gartokkee Bahaa fi Kaaba magaalichaa to’atanii, gara fuulduraatti deemaa jiru.
Hoggaanaan gartuu loltoota Raashiyaaf qacaramanii hojjatan Waaginer jedhamuu akka himetti, loltoonni Yukireen magaalicha keessaa duubatti deebi’aa hin jiran, daandii hundarratti lola jabdutti jirra jedhan.
Pirezedantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin yaalii Raashiyaan magaalaa Bakihimuti marsuuf taasisaa jirtu waraanni keenya itti dhiyeenyaan hordofaa ture jedhan.
Zeleniskiin, ''deebisnee isaan haleelaa jirra,’’ jedhan Wixata galgala ibsan.
Zeleniskiin hoggantoota doorsisa Raashiyaa qolatanii fi muuxannoo waraanaa qaban daangaa Raashiyaa fi naannoowwan dirree lolaarratti akka muudan himan.
Kibxata har’aa kana humnoonni Yukireen xiyyaara waraanaa Raashiyaa magaalaa Bakihimutirra balali’aa turte rukutanii kuffisuu himan.
Sadaasa darbe kana humnoonni Raashiyaa magaalaa guddoo Kersoon keessaa erga bahanii gara fuulduratti baayyee adeemuu hin dandeenye.
Ji’a darbe kana garuu lola jabduu booda loltoonni Raashiyaa magaalaa Kaaba Bakihimuti keessatti argamtu Solider jedhamtu qabatani turan.
Weerara Raashiyaan Yukireenirratti erga bante waggaa guutuuf ka’ee kanarratti Raashiyaan loltoota eeggatota 300,000 tti dhiyaatan ji’oota muraasa darbanitti gurmeessitetti.
Raashiyaan humnoota eeggataa kan waamte dirree waraanaa Baha Yukireenitti lola jabaa ishee mudate cabsitee keessa ittiin qaxxaamuruuf ture.
Loltoonni Raashiyaa magaalaa Bakihimut qabachuun ammoo humnoonni Raashiyaa gara magaalota gurguddoo akka Kiramatoski fi Islovaaniski jedhamaniitti akka qajeelan isaan gargaara.












