'Waraana caalaa basaastota Raashiyaatu irra milkaa'e' - Ogeeyyii

Madda suuraa, EPA
Raashiyaan Yukireen wayita weerartu waraana caala humna tikaa Raashiyaatu milkaa’ina guddaa argate jedha dhaabbanni UK dhimma ittisaarratti gorsa ogummaa kennu Royaal Yuunaayite Sarvis(RUSI).
Ejensiin Basaasaa Raashiyaa weerara Yukireeniif qophiii kan eegalan Waxabajjii 2021 irraa eegaleti jedha gabaasni jaarmiyaa ‘Royal United Services’ jedhamu.
Basaastonni Raashiyaan iddoowwaan Yukireen irraa humnaan fudhatametti ummata keessa saffisaan bobbafamanii turan jedha Royaal Yuunaayite Sarvis(RUSI).
Gabaasichi ragaalee barreeffamaan dabalatee maddeen odeeffannoo gara garaa gargaaramuun walitti gurmeeffame jedha jaarmiyaan kun.
Qondaaltoonni basaasaa Yukireen, haasaan isaanii butame fi qorannoon qabatamaan bakka sanatti gaggeeffame kana akeeku.
Qorattoonni akka jedhanitti, Basaastonni Raashiyaa kompiiwutaroota mootummaa Yukireen irraa maqaa deeggartoota Kiyeev fudhachuun hidhanii dararuu barbaadu.
Kana malees, Raashiyaan naannolee Yukireen irraa humnaan fudhatte to’achuuf gartuu Kominkeeshinii naannichaa addunyaarraa addaan kutan bobbaastee turte jedha Royaal Yuunaayite Sarvis.
Akka jaaarmiyaan Royaal Yuunaayited Sarvis jedhutti, qondaalli basaasa Raashiyaan biyya alaatti gaggeesitu hogganu Pirezedantii Vilaadmiir Puutiniin yeroon Yukireen itti weeraramtu akka duubatti harkisu fi qophiin dabalataa akka isaan barbaachisu gaafatanii turan.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gaaffiin qondaalli kun dhiyeesse garuu fudhatama hin arganne.
Gabaasni fuula 39 weerara Raashiyaan Yukireen irratti bante kan adda durummaan barreessan Jaak Watling, qondaalli basaasaa Jarman gameessi odeeffannoo iccitii guddaa qabu Mooskoof dabarsite jedhamee hidhamuu akka ragaatti eere.
Ejensiin tikaa Raashiyaa fi Biiroon Tika Federaalaa(FSB) gartuu yeroof magaalota akka Melitopol irratti qiyyaafachuun basaasu.
Humnoonni Raashiyaa fuulduratti yeroo adeeman hojjattoonni Tika Federaalaa Raashiyaa waajira muummee naannolee Yukireen to’achuun galmee hojii qabatu, ragaa kompitara isaaniirra jiru buufachuun namoota bulchiinsa mootummaa Yukireen waliin hojjatan eenyu akka ta’anii fi eessa akka jiraatan adda baafatu.
Sana booda manaa manatti adeemanii barbaadanii hidhanii dararu.
Jaak Watling akka jedhutti, dararaa kun kan raawwatamu odeeffannoo akka baasaniif otoo hin taane, harka caalu doorsiisuun, hawaasni akka weerara sana ofirraa hin qolanneef.
Raashiyaan sarbama mirga namoomaarratti dhiyaatu hedduu Yukireenitti raawwachuu haalaa turte.
Qondaaltonni 800 ol Tika Federaalaa Raashiyaa (FSB) waliin kan hojjatan yoo ta’u, kaan isaanii dirqamani, kaan ammoo fedhasaaniitiin hojjataa turan.












