Barataa Hajjiif Paakistaan irraa miilaan km 4,000 gara Makkaatti imale

Barataan lammii Paakistaan dibaabeefi boorsaa dugdatti baatee km 4,000 miilaan imaluun abjuu Hajjii isaa milkeeffate.

Usmaan Arshaad imala isaa kana baatii jaha dura magaalaa keessatti dhalate Okaaraa, Paakistaan argamurraa jalqabe.

Bakka akkaan kabajamu Makkaa gahuuf Paakistaan irraa kahee Iraan, UAE akkasumas Sa’udii keessa darbeera. Seenaa isaa akkanaan BBC'f qoode.