Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa diroonii Maqaleetti raawwateen namoonni 10 ajjeefamuu Hospitaalli Ayidar ibse
Qondaalli TPLF Geetaachoo Raddaa haleellaan diroonii har'a magaalaa Maqaleetti raawwachuu tiwiitarii isaarratti barreesse.
Haleellaan kun iddoo jiraattotaa irratti kan xiyyeeffate ta'uu kan barreesse qondaalli TPLF kun, haleellichaafis mootummaa federaalaa komateera.
Hospitaalli guddichi magaalaa Maqaleetti argamu, Hospitaalli Ayidar haleellaa ganama kana mudateen namoonni lubbuun darbuu fi kanneen miidhaan irra ga'e yaalamaa jiraachuu ibseera.
Hospitaalicha keessa kan hojjetan Dr Faasikaa Amdasillaasee, shamarran lama rukutamanii hospitaala seenuu argeera jedhan.
''Shamarran lameen rukutamanii hospitaala seenan keessaa tokko mooraashee keessatti tokko ammoo fuuldura mooraasheetti rukutamte,'' jedhan ogeessi fayyaa kun.
Hospitaalichi kana kan ibse erga hooggantoonni Tigraay haleellaan diroonii har'as dabalataan raawwachuu ibsaniiti.
Daarektarri Olaanaa Hospitaala Aydar Dr Kibroom Gabrasillaasee, haleellaa Kanaan hanga ammaatti namoonni 10 ajjeefamuu fi hedduun madaa’uu tiwiitarii isaaniirratti ibsan.
‘’Har’a ganamaan haleellaan diroonii si’a lama raawwateera. Inni lammaffaarratti raawwate akkaan hamaa ture. Kanneen namoota miidhaman baraaruuf ba’an irratti kan xiyyeeffate ture. Ammallee kanneen miidhaman gara hsopitaalaa dhufaa jiru,’’ jechuun haal jiru ibsan.
‘’Guyyuu ganama ganama haleellaa dirooniin lammiileen lubbuu dhabuu dhagahuun baayyee nama gaddisiisa.’’
Haleellaan diroonii kun har’a ganama akka lakkoofsa biyyaatti sa’aatii 1:30 irratti ta’uu fi iddoo jireenyaa Midra Gannat jedhamu irratti kan xiyyeeffate akka tures hoogganaan hospitaala Ayidar kun ibsaniiru.
Humnoonni Tigraay kaleessas (Fulbaana 13, 2022) haleellaan qilleensarraa dirooniidhaan raawwachuu ibsanii turan.
Haleellaa har'a raawwateen lammiileen nagaa ajjeefamuu Obbo Geetaachoon himeera.
Mootummaan federaalaa himannaa TPLF kanarratti hanga yoonaa homaa hin dubbanne.
Obbo Geetaachoo Raddaa lammiileen nagaa ajjeefamuu malee namni meeqa akka ajjeefame hin ibsine.
Walitti bu'iinsi kaaba Itoophiyaa hanga tokko erga tasgabbaa'ee booda akka haaraatti erga eegalee torban sadi caaleera.
Hawaasi idl-addunyaa nagaa buusaa jedhanii osoo watwaatanii, dhiyeenya ammoo humnoonni Tigraay dhukaasa dhaabuun rakkoo karaa nagaan hiikuuf qophii ta'uu osooma ibsanii waraanni ammallee ittuma fufee jira.
Waraana kaaba Itoophiyaatti erga deebi'ee ka'ee torban sadi lakkoofsise kana booda humnoonni Tigraay walitti bu'iinsa karaa nagaan hiikuuf qophii ta'uu ibsa gaafa Dilbataa (Fulbaana 11, 2022) baaseen eereera.
Gamtaan Afrikaas humnoonni Tigraay dibaabee gamtichaa jalatti mari'achuuf qophaa'uu simateera.
Kana malees mariif qophaa'uun TPLF kana Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii, US fi Gamtaan Awurooppaa simataniiru, akka adeemsa kana deeggaranis ibsanii turan.
Mootummaan federaalaa waamicha humnoonni Tigraay walitti bu'iinsa karaa nagaan hiikuuf dhiyeessan fi marii dibaabee Gamtaa Afrikaa jalatti gaggeeffamurratti hirmaachuuf qophii ta'uunsaanii ibsuu ilaalchisee hanga ammaa homaa hin jenne.
Humnoonni Tigraay kanaan dura marii Gamtaan Afrikaa gaggeessuu fi jaarsummaa Gaanfa Afrikaatti bakka bu'aa gamtichaa Oliseeguun Obaasaanjoo didaa turan.
Bakkasaanii pireezidantii Keeniyaa amma gadaansaanii obba'e Uhuruu Keeniyaataa jaarsummaaf filataa turan.
Dura taa'aan Gamtaa Afrikaa Muusaa Fakii Mahaamaat yeroon Oliseeguun Obaasaanjoo akka jaarsummaa taa'aniif bakka buusan akka dheeratu ibsaniiru.