Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Nagaan bu'ullee ammayyuu loltoonni Eertiraa dubartoota gudeedaa jiru'
Mootummaan Itoophiyaa waraanaa waggaa lamaaf kaaba biyyatiitti ture dhaabuuf jecha humnootii Tigraay waliin waliigaltee nagaa Sadaasa keessa mallatteesseera. Haata'u malee hojjattoonni deeggarsa namoomaafi jiraattoonni BBCtti akka himaniitti, miidhaan namoota nagaa irra gahu, keessattuu miidhaan saal-quunnamtii dubartootarra gahu, ammalleen hin dhaabanne.
Akeekkachiisa: Gabaasni kun miidhaa quunnamtii saalaa dabalatee gqabiyyee isin jeequu mala qaba.
Guyyaa mootummaan Itoophiyaa fi finciltoonni naannoo Tigraay nagaa buusuuf harka wal fuudhanii, gareewwan lamaanu kaameeraa fulduratti fuula ifaan gammachuu ibsatan sanatti, Lattaay garuu Halkansaa haleellaa raawwatamaa ture jalaa dhokachuuf riqicha jalatti dabarsu himti.
Kaaba Baha Tigraay keessa qofaashee kan turte yoo ta'u, loltoota Ertiraatiin gudeeddamte lubbuun jalaa oolte.
''Erga narratti raawwatameen booda sa'aatii dheeraadhaaf of wallaaleen ture. Hanga isaan deemaniitti dhokataan ture.''
Lataayiifi dubartoota miidhaan guddeeddii irra gahe loogii hawaasa keessatti irra gahuu maluuf jecha BBCn maqaasaanii jijjiruun fayyadame.
Tibba waraanaa waggaa lamaan kaaba biyyatiitti waraanni gaggeeffamaa tureetti miidhaan guddeeddii dubartoota naannichaa irra loltoota Itoophiyaafi humnootii Ertiraa akkasumas miseensoota garee milishootaan akka raawwatame himamaa ture.
Taateen kunis Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniittti dhaabbanni mirga namootaatiif falmuufi gaazexessitootaan gabaafamunsaa ni yaadatama.
Akkasumas humnootiin Tigraayis wayita gara magaala guddoo biyyattii Finfinneetti qajeelanii turaniitti, dubartoota naannoo Amaaraa irratti miidhaa guddeeddii raawwachuun himatamu.
Sadaasa 4, 2020 guyyaa waraanni Tigraay itti eegale irraa kaasee qaamooleen lamaanu waraana cimaa gaggeessaa turan. Kanaanis namoonni ajjeeffaman kumaatama akka ta'e gabaafama.
Erga Baatiiwwan sadiin dura waliigalteen nagaa mootummaa federaalaafi TPLF jidduutti mallatta'een booda ammoo miidhaan namoota nagaa irratti raawwatamu akka dhaabbatu abdatamee ture.
Haata'u malee, dubbartoonni, hojjattoonni fayyaa fi hojjattoonni dhaabbilee deeggarsaa BBCn dubbise ammalleen miidhaan kun akka hin dhaabbannee himu.
Bilbila sagalee rakkiisaa ta'een gabaastuun BBC Kaatiriin wayita Lattaayiitti dubbatteetti, ''Yeroo lama narratti raawwatme. balleessaa maaliitan raawwadhee laata? Akkan waan rakkoo kanaaf umamee fakkaata,'' jechuun miidhaa irra qaqabe dubbatti.
Gaazexessitoonni ammalleen naannichatti imaluun gabaasuuf kan hin eeyyamamne yoo ta'u, gaaffiifi deebiin kunis karaa bilbilaatiin gaggeeffame.
Lattaay akka jettuutti, duraan Amajjii 2021 keessa loltoota Eritraa lamaan gudeedamte. Loltuu sadaffaan garuu diduu isaa himti.
''Loltoonni lamaan erga waan barbaadan narratti raawwataniin booda isa sadaffaanis akka raawwatuuf gaafatan. Inni garuu ni dide. Innis, 'Maaliin isheerratti godha? Isheenis reeffa taatee ciisaa jirti silaa' jechuun didee'' jechuun haala ture himte.
Erga guddeeddiin jalqabaa irratti raawwatameen boodas Lattaay deeggarsa wallaansaafi xin-sammuu argachu himti. Achinis garee deeggarsa dubartoota balaa akkasii irraa hafaniitti makamte.
Guyyaa waliigalteen nagaa mallatteeffameettis shamarran miidhaan guddeeddii irratti raawwatame gargaaruuf fiigdee baate. Garuu isheenis miidhaan irratti raawwatamu himte.
Baay'ina yakki guddeeddii tibba waraanaatti naannichatti gaggeeffamee dhugaansaa hangam akka ta'e beekuun rakkisaa ta'a.
Tibba waraanaa yeroo bilbilli adda citee tureetti miidhamtoonni waan irra gahee dubbachuuf ni sodaatu turan.
Akka odeeffannoo Waajjira Fayyaa Tigraay kan Sadaasaa fi Muddee 2022 agarsiisuutti, erga waliigalteen nagaa mallattaa'een booda, jidduugala namoota miidhaan kun irra qaqabe gargaaruuf hundeeffame keessatti taateen 852 gabaasa taasifameera.
Kanneen mirga namoomaaf falmaniifi dhaabbiileen deeggarsaa Tigraay keessa socho'an taatee miidhaa guddeeddii kana galmeessuu itti fufaniiru.
Adiyaamaa kan Magaalaa Zaalaambassaa kaaba -baha Tigraayiitti argamtu irraa dhufte, dhuma baatii darbee kanatti loltoota Ertiraatiin miidhaan guddeeddii irratti raawwatamuu dubbatti.
''Loltoota afur turan. Kan na gudeedee garuu tokkicha. Na ajjeessuuf karoorsanii turan garuu erga na gudeedeen booda na dhiisan.''
Sistar Muluu Masfiin, hospitaala guddicha Maqaleetti argamu keessatti erga waraanni naanncihatti eegalee kaasuun dubartoota balaa gudeedamuu irra gahe waliin hojjatti. Isheenis kutaa sana keessa osoo adeemaa jirtuu waraabbii sagalee BBC'f ergite turte.
''Jiddugala tajaajila bakka kiyya keessatti namoota balaa kanarraa hafan hedduutu argama. Isaanis kan kutaa naannichaa adda addaa irraa dhufaniidha. Baayyeen isaaniis kanneen haaraa ji'a lamaan ykn tokko dura gudeedamaniidha.''
Akka Sistar Muluufi hojjattoota fayyaa BBC dubbise kan biraatti, milishoonni naannoo Amaaraa fi humnootiin mootummaa federaalaas dhimma kanaan himataman illeen, miidhaan guddeeddii kunneen irra caalaan kan looltoota Ertiraatiin raawwatamedha.
Ertiraan naannicha waliin kan wal daangeessitu yoo ta'u, paartii duraan biyya bulchaa ture Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) waliin wal dhabdee bara dheeraa qabu.
Sababii kanaatiif waraanaa dhiheenya naannichatti gaggeeffameetti makamuun mootummaa Itoophiyaa waliin akka hiriiran himama.
Pirezidantiin Ertiraa Isaayaas Afawarqiin haala hin baramneen torban darbe keessa wayita Keeniyaa daawwateetti ifatti mul'atee ture.
Obbo Isaayaas kan biyya bilisummaan pireesii hin jirre irraa dhufes, yeroo Naayiroobiitti gaazexxeesitootaan gaaffii cimaan dhiyaateefiitti aariifi abdi kutannaan ifatti irra mul'ataa ture.
Himannaawwan loltooti isaa naannoo Tigraay keessatti raawwachuun irratti ka'an hunda ni kuffisan.
''Namni hunduu waa'ee sarbama mirga humnoota Ertiraatiin raawwatamee, waa'ee guddeeddii, hannaa fa'i dubbata. Kunis waan sammuu namoota waan kana oomishan keesstti argamuudha. Kanas warshaa odeeffannoo sobaan ittiin jedha,'' jedhan Obbo Isaayaas.
Himannaawwan gabaasa kana keessatti ka’anis tajaajila komunikeshini mootummaa federaalaatiifi kan waliigaltee nagaa jaarsummaan hogganaa ture Gamtaa afriikaatti erginu illeen tokkoo isaanii irraayuu deebii hin arganne.
Waliigalteen baatiiwwan dura taasifames Tigraay keessatti jijjirama gaarii fideera. Waraanni dhaabateera. Deeggarsi, keessattuu qorichiifi nyaanni magaaloota hedduu qaqabaa jira. Tajaajilli baankiifi bilbilaas deebii’ee eegaleera.
Maatiiwwan muraasnis kan wal argan yoo ta’u, kaanis waggaan booda bilbilaan yeroo jalqabaatiif walitti dubbachuu danda’aniiru.
Haata’u malee, haala waliigaltee nagaa keewata afur keessatti kaa’ameeti, ''qaamoolen keessattuu gochaa quunnamtii saalaa fi miidhaa saalaa bu’urreeffatee raawwatamu balaaleeffachu qabu’’ jedhan.
‘‘Miidhaan saal quunnamtii waliigalticha cabsuudha’’ jetti laatishaa Baadiir Daarektarri Humaan Raayitis Wooch kan Gaanfa Afriikaa.
"Dhimmoota nuti kaafne keessaa tokko wayita gochaan sarbamaa raawwatamaniitti waliigalticha deeggaruu mirkaneessuudhaaf ifatti balaaleefachuun barbaachisaa ta’usaati.’’
Dhaabbatichi qorannoon walabaa akka gaggeeffamuufi gaazexessitoonni naannoo Tigraay itti imaluun akka gabaasaniif hayyamni akka kennamuuf gaafata.
‘‘Yaalii mootummaan Itoophiyaa eksipartoonni mirga namoomaa koomishiinii idil-addunyaa, kan Jeeneevaa keessatti Komishiinii Mirga Namoomaatiin hundeeffame akka hojii hin eegaleef taasisaa jiruun baayyee yaaddoneera,’’ jetti.
Namoonni miidhaman akka haqa argataniifi adeemsa nagaa kamiifuu qorannoon murteessaadha jetti Aadee Laatishaan.
‘‘Erga waliigalteen nagaa taasifameen booda gonkumaa nan gudeedama jedhee yaadee hin beeku ture’’ jetti Hiliinaan.
Haadha ijoollee sadii kan taate Hiilinaan Manashee Humaraa irraa baqachuu erga Shiraaroo dhufteen booda daandiirratti boqqoolloo gurguraa turte.
Isheen guyyaa Sadaasa 16, osoo galgala gara manashee deebii’aa jirtu loltoota Ertiraa lamaan daandiirratti dhaabsifamu himti. Dhorkaa ka’ame dabarte jirta jedhamnaan lakkii waraqaa eenyummaa qaba, jettuun illeen gara mana duwwaa tokkootti akka fudhatanii deeman himte.
Hillinaanis uffannaafi afaan isaanii irraa loltoonni sun lammiilee Eritaaa ta’u akka hubatte himti.
‘‘Erga mana duwwaa tokkootti na geessaniin booda qawwee natti baasuun, ‘Yoo iyyuu baatte si hin hubnu.’ Anis na in ajjeessiinaa malee waan barbaaddan gochuu dandeessu jedheen kadhadheen’’ jechuun waan irra qaqqabe himte.
Hilinaanis halkan guutuu erga miidhaa irran gahaa bulaniin booda ganama gara manashee akka galtuuf gadhiifamu dubbatti. Ergasiin booda daa’imni irraa bahu himti.
Hojjattoonni gargaarsaa BBCn dubbise akka jedhaniitti loltoonni Ertiraa dhiheenya Shiraarootti argamu. Magaaloota gurguddaa keessaa bahanilleen, waliigalten nagaa garuu akka Tigraay keessaa bahan gaafata.
Maanguddoon wagga 80, Shaashuun wayita itti dubbanneetti imimmaan ishee dhaabu hin dandeenye. Nutis bilbilaan nutti dubbachu itti fufuu kan barbaaddu ta’u gaafannaan, tole na dubbadha jette.
Akkkuma Lattaay, Shaashuunis tibba waraanaatti al lama guddeeddiin irratti raawwatame. Kunis waliigaltee nagaatiin duraafi booda.
Isheenis miidhaa hamaa dhiirootaan irra gaheerraa kan ka’e ammatti bobbaa fi fincaan ishee to’achu akka hin dandeenye dubbatti.
‘‘Dhiiroonni lama, sadii dubartii tokkorratti, baayyeen miidhame. Akka waan kana booda qaama koo irra waan gaariin tokkoolleen hin jirreetti natti dhagahama’’ jetti.