Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
‘Waliigalteen nagaa TPLF baraaruuf kan dhiibbaa US'n taasifameedha’ -Pirezidanti Isaayaas
Pirezidantiin Ertiraa Isaayas Afawarqiin lola Tigraayiitti gaggeeffamaa ture dhaabsiisuuf waliigalteen nagaa waraanaa mootummaa federaalaafi TPLF jidduutti taasifame kan dhiibbaa Ameerikaatiin TPLF oolchuuf taasifame jechuun dubbatan.
Pirezidantiin Isaayaas waliigaliigalteen nagaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF jidduutti erga taasifamee baatiiwwan sadii booda yeroo jalqabaatiif Dilbata Guraandhala 12, 2023 miidiyaa biyyattii waliin gaaffiii deebii taasisaniin kan kan dubbatan.
Obbo Isaayaas af-gaaffii waa’ee waraana Itoophiyaafi dhimmoota walitti dhufeenya Itoophiyaafi Ertiraa dubbatan kanaanis, waliigalteen baatii sadii dura Afriikaa Kibbaatti mallattaa'e ''tooftaa gufachiisuu'' Ameerikaadhaan wixinneeffameedha jedhaniiru.
Waliigaltee nagaa mootummaa federaalaafi humnoota Tigraay jidduutti Afriikaa Kibbaa Piritoriyaatti jalqaba Sadaasa 2022tti mallattaa’ee kana booda nageenyi bu'uun lammiilee Tigraay keessatti gara jireenya idileetti akka deebii'an taasisuun isaa ni yaadatama.
Obbo Isaayaas garuu waliigaltichi TPLF oolchuuf yaadame dhiibbaa Ameerikaatiin kan raawwatame jedhanii akka amanan dubbatan.
Waliigaltichi humnootiin TPLF akka hidhannoo meeshaalee waraanaa ciccimoo hiikkataniif humnootiin Ertiraa Tigraay keessa akka bahan kan jedhu hammata.
‘‘Gama keenyaatii wanti nama yaaddeessu omtuu hin jiru. Waliigalteetu mallattaa’ee? Gaariidha, Mee waliigaltichi haaluma mallattaa’een dura hojiirra haa oolfamu. Hojiirra oolfamu malee dhimmsaarratti kanaafi sana jechuu hin dandeenyu’’ jedhan.
Walitti dhufeenya Ertiraafi Ameerikaa jidduu duraanu gaarii hinturre sababii waraana Tigraay wal qabadee caalaa boora’eera.
Ameerikaanis waraan Tigraayiin wal qabtee, waraana Ertiraafi qondaaltoota olaanoo akkasumas oggeessoota diingdee irra dhorkaa keesse jirti.
Obbo Isaayaas ammoo yaaliin mootummaansaanii bulchiinsa Donaaldi Tiraamiin waliin hojjachuuf taasifamee ture sababii imaammatawwan bulchiinsa Baayidaniin kufeera jedhan.
Ameerikaan waraanni Tigraayiitti mudate karaa nagaatiin furmaata akka argatu gochuu keessatti Ameerikaan gahee olaanaa tabate jirti. Keessattuu ergamaa addaa gara Itoophiyaatti yeroo garaa garaatti erguun waraanichi nagana furmaata akka argatuuf carraaqaa turte.
Pirezidanti Isaayaas torban darbe keessa Naayiroobii- Keeniyaatti gaaffilee dhimma waliigaltee mootummaa Itoophiyaafi TPLF jidduutti taasifame ilaalchisuun gaazexessitootaan dhiyaateef deebii kallattii osoo hin kenniin bira taranii ture.
Akkasumas Obbo Isaaayaas gahee looltoonni isaa waraanaa kaaba Itoophiyaa kessatti qabaachaa ture ilaalchisee gadi fageenyaa dubbachu irraa kan of qusatan yoo ta'u, gaaffiiif deebii miidiyaa biyya keessaa waliin Dilabata taasisaniin garuu dhimmoota tokko tokkoo kaasaniiru.
Kanaanis tibba waraanaatti loltoonni isaanii humnootiin mootummaa federaalaa waliin qindominaan waraanaa akka turan kaasuun, hirmaannaan waraanni isaanii qabaatanis kan ''ofirraa qulachuu'' ture jedhan.
‘‘Hunda caalaa raayyaa ittisaa mootummaa federaalaa waliin hojjachuu keenyatti muuxannoo olaanaa argachuun barnoota guddaa baranneera,’’ jedhan.
''Naannicha keessatti nagaa ijaaruudhaaf muuxannoo gaarii arganneera,’’ jedhan.
Itti dabalunis, Obbo Isaayaas ‘‘Haata’u malee, kun Ameerikaadhaaf boowwoo mataati’’ jedhan.
Pirzidanti Isaayaas haasaa bara haaraa sababeeffachuun taasisanii turan keessattis, waraanni isaanii humnoota maqaan hiin hidhayiin garuu kan ''dubbii barbaaddoota'' jedhanii gabi godhaniiru jechuunsaanii ni yaadatama.
Obbo Isaayaas af- gaaffii Dilbata Guraandhala 12, 2023 TV fi raadiyoo biyyattii waliin taasiisan keessatti, dhimma waraanni isaa naannoo Tigraay keessaa bahu ilaalchisee kan jedhan omtu hin turre.
Qondaaltoonni Itoophiyaafi Ertiraa tibba waraanni naannoo Tigraay eegaleetti loltoonni Ertiraa waraanicha keessatti akka hin hirmaannee waakkataa turan.
Haata’u malee, booda keessa ammo hirmaataa jiraachu amanan.
loltoonni isaa tiba Tigraay keessa turaniitti himannaa sarbam mirga namoommaa kanneen akka ajjeechaa jumlaa, saamichaa fi sarbama mirga namoomaa cimaa raawwachuun irratti ka’u haalaniiru.
Erga waliigalteen nagaa mootummaa federaalaafi humnoota TPLF jidduutti Afriikaa Kibbaatti mallattaa'een booda loltoonni Ertiraa hedduun wayita naannoo Tigraay gadhiisanii bahan arguu jiraattoonni BBCtti himunsaanii ni yaatama.
Pirezidanti Isaayaas TPLF waraanichaan loltoota ‘‘kumaatama dhibbaan’’ lakkaa’aman dhabaniiru jechuun, yaaliiwwan sadii taasisan irraa ‘‘barachuun qabu’’ jedhan.
Pirezidantichi gama Ertiraatiin hangama akka du’an ilaalchisee garuu kan jedhan omtu hin jiru. Ibsa Naayiroobiitti ture irrattis gaaffii dhimma kanarratti gaazexessitootaan dhiyaateef ture osoo hin deebiisiin bira taran.