Lammiileen Afrikaa kibbaa adii ta'an 70,000 ta'an UStti koolugaltummaa gaafachuuf

Madda suuraa, AFP
Lammiileen Afrikaa Kibbaa kuma 70 ta'an Ameerikaatti koolugaltummaa gaafachuuf fedhii agarsiisaa akka jiran Ameerikaatti Manni Maree Daldalaa Afrikaa Kibbaa (SACUSA) beeksise.
Jaarmiyaan kun lammiileen adii Afrikaa Kibbaa- Afrikaners jedhamuun beekaman kuma kurnaan lakkaa'aman karaa marsariitii isaa galmaa'aa akka jiran beeksiseera.
Doonaald Tiraamp Guraandhala darbe lammiileen Afrikaa Kibbaa adii ta'an gara Ameerikaa deemuun koolugaltummaa gaafachuu akka danda'an beeksisaniiru.
Sanyiin Afrikaners namoota Nezerlaandis jaarraa 17ffaa keessa gara Afrikaa Kibbaa seenan irraa kan babal'atanidha.
Erga Doonaald Tiraamp aangoo qabatee as hariiroon Afrikaa Kibbaa fi Ameerikaa laafaa dhufeera.
Tiraamp lammiileen adii Afrikaa Kibbaa ''miidhamtoota loogii sanyummaa haqa qabeessa hin taane'' jechuun ibseera.
SACUSAn maqaa lammiilee Afrikaa Kibbaa gara US imaluu barbaadan Imbaasii Ameerikaa Piritooriyaa jirutti dhiheessee jira, kunis adeemsa kanaaf ''tarkaanfii murteessaa,'' ta'eera.
Qondaalli Imbaasii Ameerikaa tokko maqaan namoota kunneenii akka isaan qaqqabe BBC'f mirkaneessaniiru.
Namoota 67,042 marsariitii SACUSA irratti galmaa'an keessaa irra caalaan isaanii maqaa maatii Afrikaners ykn maqaa afaan Ingilizii qabu jedhu pirezidaantiin dhaabbatichaa, Diil Daayimand.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka SECUSAtti, namoota daldalaa Afrikaa Kibbaa kanneen Ameerikaa keessa jiraatan bakka bu'uun, namoonni gara US deemuuf fedhii qaban irra caalaan isaanii umrii 25-45 gidduutti kan argaman yoo ta'u, miseensa maatii namoota lamaa fi sadii qabu.
Dhaabbanni Ameerikaa keessa jiru kun dhaabbata mootummaa beekamaa ta'uu baatus, namoonni hedduun gara US imaluuf erga gaafatanii booda iyyata keessummeessuu akka jalqabe hoogganaan dhaabbatichaa Daayimandi himaniiru.
Lammiileen adiin Afrikaa Kibbaa tokko tokko loogiin irratti raawwatamaa jiraachuu himatu.
Komiin kun xiyyeeffannoo namoota siyaasaa mirgaa Ameerikaa hedduu argateera.
Lammiileen adii, kanneen saba xiqqaa Afrikaa Kibbaa keessa jiraatan, irra-jireessa lafa biyyattii qabatanii kan jiranidha.
Afrikaan Kibbaa sirna Appaartaayidii jalaa erga bilisa baatee waggoota 30 ol ta'eera.
Hariiroon Ameerikaa fi Afrikaa Kibbaa gidduu jiru yeroo kamuu caalaa amma hammachuu eegaleera.
Kunis kan ta'e erga Pirezidantiin biyyattii Siiriil Raamaafoosaan, labsii mootummaan beenyaa malee invastaroota dhuunfaa irraa lafa akka fudhatu hayyamu raggaasisaniin booda.
Seerri kun hojiirra kan oole lammiileen Afrikaa Kibbaa sanyii warra adii ta'an fi lakkoofsaan xiqqaa ta'an lafa qonnaa bal'aa qabatanii jiran akka qoodan waggootaaf erga gaafatamaa tureeti.
Afrikaan Kibbaa ''yeroo ammaa kana bakka jireenyaaf rakkisaadha'' jechuun qeeqe Tiraamp.
Afrikaanonni koolugaltummaan gara Ameerikaa akka deemanis dhaameera.
Tiraamp ji'a darbe gargaarsa US Afrikaa Kibbaaf taasistu adda kuteera.
Raamaafoosaan seerri lafaa ''akkaataa heera mootummaatiin haqaan hojiirra oola'' jechuun, mootummaan hanga ammaatti lafa tokkollee akka hin fudhanne dubbataniiru.
Torban darbe Ameerikaan Ambaasaaddara Afrikaa Kibbaa Waashingitan keessaa ariiteetti.












