Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yunaayitid Arab Emireetis dhimma Weest Baank irratti Israa'eliin akeekkachiiste
Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) dhimma qubsuma Weest Baank irratti Israa'el ''sarara diimaa'' akka hin dabarre akeekkachiiste.
UAEn Israa'el kutaalee Weest Baank hunda dhuunfachuun sarara diimaa darbuudha jechuun hubatti.
Akkasumas tarkaanfiin Israa'el kun duudhaa waliigaltee Ibraahim kan Abraham Accords jedhamuun beekamuu fi hariiroo biyyoota lameenii tolchuu keessatti utubaa ta'e kan diiguudha jetti UAEn.
Qondaalli olaanaa mootummaa UAE Laanaa Nusaabee gochi Israa'el kun rakkoon Filisxeem waliin qaban akka furmaata hin arganne kan danquudha jedhan.
UAEn biyyoota Israa'el fi Filisxeem akka biyyaatti beekamtii argatanii erga waliin mari'atanii booda furmaata argamutu rakkoo barootaaf turetti xumura gochuu danda'a ejjennoo jedhu qaban keessaati.
Ministeerri dhimma alaa abbaa taayitaa Filisxeem ejjennoo UAE kana akka gaariitti simachuu ibseera.
Mootummaan Israa'el hanga ammaatti dhimma kanarratti yaada hin kennine.
Laanaa Nusaabee yaada kana kan kennan erga Ministirri Maallaqaa Israa'el Bezaalel Simootirich harka afur shanaffaa West Baank dhuunfachuuf wixinee karooraa dhiheessaniiti.
Israa'el erga West Baank fi Baha Jerusaalem weerartee qubsuma 160 ta'u ijaaruun yihuudota kuma 700 qubachiisteetti.
Filisxeemonni iddoowwan kunneen jiraatan miiliyoona 3.3, biyya ta'uuf lafa Israa'el dhuunfatte kana abdatu.
Akka seera idiladdunyaatti qubsumni Israa'el kun seeraan ala.
Waliigalteen Ibraahim- Abraham Accords bara 2020 mallattaa'e jaarsummaa USn kan milkaa'e yoo ta'u, biyyoonni akka UAE, Bahreen fi Morookoo sababa waliigaltee kanaatti Israa'el waliin hariiroo dippiloomaasii mishaa ta'e tolfatan.
UAEn waliigaltee sana mallatteessuuf akka ulaagaa ijootti kan dhiheessitee turte Israa'el qubsuma West Baank babal'isuu akka dhaabdu ture.
Bulchiinsi duraanii Ministira Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu kutaalee West Baank weeraruu irraa harkasaa dachaafachuu wayita ibsu UAEn waliigaltecha mallatteessite.
Neetaaniyaahuun yeroo sana karoora weerara West Baank ''yeroof adda kutuu'' himanii, garuu yoomuu ajandaa marii ta'ee akka turu ibsan.
Ministiroonni hedduun mootummaa amma Israa'el bulchaa jiru keessa jiran fi gareen qubsuma kana mootummaa faana ta'uun deeggaran yeroo dheeraaf weerara West Baank labsaa turan.
Haata'u malee dhiheenya kana dhiibbaan idiladdunyaa wayita itti hammaatu karoora kana akkamiin akkaataa hojiirra oolchan irratti falmii keessa galaniiru.
Keessattuu biyyoonni Israa'el faana hiriiruun beekaman kanneen akka UK, Faransaay, Kanaadaa fi biyyoonni Awurooppaa hedduun ji'a kana keessa Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennuuf wayita jedhanitti Israa'el karoora kana waliin danqamteetti.
Biyyi isaan beekamtii kennuuf deeman lafa Israa'el guutummaatti weeraruuf karoorfattedha.
UAEn biyyoota UN hanga ammaatti Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennan keessaati.
Ministeera dhimma alaa UAEtti qondaala dhimma siyaasaa kan ta'an Laanaa Nuseebee ''jalqabumarraa nuti waliigaltee Ibraahim- Abraham Accords karaa ittiin uummata Filisxeem gargaarruu fi biyya of dandeesse akka ta'aniif isaan tumsinu goonee itti fayyadamaa turre,'' jedhan.
''West Baank weeraruun sarara diimaa darbuudha,'' jechuun akeekkachiisan.
Qondaalli UAE kun akeekkachiisa kana kennuu dura ministirri maallaqaa Israa'el Simootirich ''yeroon weeraraa ga'eera,'' jechuun Jerusaalem keessatti gaazexeessitootatti himan.
''Yaadi biyya gargar qooduun addatti shororkessitootaaf biyya ijaaruu jedhu yeroo dhumaaf ajandaa marii keessaa ba'uu qaba,'' jedhan.
''Lafa guddaa jiraattota Arabaa xiqqoo'' qajeeltoo jedhuun deemaa kan jirtu ISraa'el dachee Filisxeemotaa keessaa dhibbeentaa 82 dhuunfachuuf hojjetaa jirti.
Lafti hafe, dhibbeentaan 18, fageenyarratti cichitee kan hafe yoo ta'u magaalota Filisxeemonni keessa jiraatan kanneen akka Jenin, Tulkarm, Nablus, Ramallah, Jericho fi Hebron keessatti argama.