Biyyootni Lixaa Filisxeemiif beekamtii kennuu dura maal barbaadu?

Torbanoota muraasa dura Faransaay Filisxeemiif beekamtii biyyummaa akka kennitu beeksifte. Kibxata darbe ammoo UKn faana Faransaay hordofuun Filisxeemiin akka biyya walabaatti akka fudhattu beeksifte.

Ofii beekamtii biyyummaa kennuu jechuun maal jechuudha? Amma dura biyyoota meeqatu Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kenne?

Addunyaarratti hanga ammaa biyyoonni 140 ifatti Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennaniiru.

Biyyootni Awurooppaa gariiniifi Yunaayitiid Isteets ammoo waraana barootaa Israa'el waliin jiru haala waaraa ta'een goolabuuf yoo gargaara ta'e qof beekamtii kana akka kennan ejjennoo qabatan.

Ispeen, Ayerlaandiifi Noorweey bara darbe beekamtii biyyummaa Filisxeem mirkaneessaniiru. Kayyoon isaanii waraana Gaazaatti xumura gochuuf dhiibbaa dippiloomasii uuma kan jedhuudha.

Fulbaana darbe yaa'ii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniirratti Faransaay ammatti Filisxeemiif beekamtii hin kennine jedhanii ture.

Ministirri Muummee UK Kiir Istaarmer ammoo ibsa Kibxata kennan keessatti Israa'el tarkaanfii amansiisaa fudhachuu yoo baatte Filisxeemiif beekamtii kennuuf akka jedhan himan.

Haala amma jiruun bakka bu'aan Filisxeem Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii keessatti dhimmootni irratti hirmaatu murtaahaadha. Dacheen isaa garuu Liigii Arabaa dabalatee dhaabbailee idila addunyaa hedduun adda bahee ni beekama.

Shakkitootni garuu beekamtii kennuu wanti jedhamu kun dhimma bulchiinsaa biyyummaa Filizxeem irratti yaadotni jiran qulqullaa'uu yoo baate jechuudhuma qofa malee sana bira darbee wanta hiika qabu ta'uu dhiisuu danda'a jedhu.

Hogganaan duraanii waajira Haajaa Alaa UK Loordi MaakDoonaald beekamtii kennuun mataa isaatti ''wanta hiika guddaa qabu mitii'' jedhu.

Hiika kan qabaatu beekamtii sanarratti hundaa'ee wantoota ta'uu qabaniidha jedhan. Wantootni beekamtii kennuu wajjin walqabatanii deeman heddun ammoo salphaa miti jechuun BBCtti himan.

Ofii beekamtii kennuun maal jijjiira? UK amma beekamtii kennuu maaliif barbaadde?

Ministirri Muummee UK Kiir Istaarmeer Filisxeemiif beekamtii kennuun wanta jijjiiru yoo himan inni guddaan haala hamaa Gaazaa keessa jiru akka jijjiiru himan.

Dabaluunis ''haala qabatamaa amma jiru jijjiiruuf gahee ni baha, yaada furmaata biyyoota lamaa sagalee dhabaa jiru dammaqsa'' jedhan. Atattamatti wanta jijjiiru keessaa ijoon ammoo gargaarsi Gaazaa akka galu gochuudha.

Waggaa darbe wayita biyyootni Awurooppaa sadii, Ispeen, Ayerlaandiifi Noorweey dhiibbaa beekamtii kennuun kun qabu kan gaafataman dippiloomatiin bbiyyoota Arabaa tokko ''dhibbaa guddaa qaba'' jedhan.

''Dhagahuu diduu Israa'elirraa biyyootni Awurooppaa ifannaa qabaachuu isaanii agarsiisa'' jedhan.

Biyyoota miseensa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ta'an 193 keessaa 143 kan ta'an amma dura duula Filisxem biyya walabaa taatee miseensa guutuu ta'uun galmaahuuf gaggeessituuf sagalee deeggarsaa kennaniiru.

Haala amma jiruun Filisxeem UN keessatti miseensa guutuu osoo hin taane sadarkaa taajjabduun hirmaatti. Teessoo qabaattussagalee kennuurratti hirmachuuf garuu hiree hin qabdu.

Biyyootni Awurooppaa Filisxeemiif beekamtii kennuu akka kaardii hiree naannichaa murteessu tokkootti ilaalaalu. Salphaattis kaardii kana gadhiisuu hin barbaadan.

Beekamtii kana kennuu dura Israa'eliifi Filisxeem gidduu waliigalteen nagaa jiraachuu mirkaneessuu, Israa'eliif Saawdii gidduu hariiroon dippiloomasii itti fufuu, fi dhimmootni biroon akka haaldureetti qabaman jiru.

Dippiloomatiin biyyoota Lixaa BBCtti dubbatan tokko, kaardii jabaa biyyootni Lixaa ittiin taphataniidha. Salphaatti gatuu hin barbaannu'' jedhan.

Ammoo beekamtii kennuun kun gaaffilee ijoo biroo hin deebisu taanaan hiika hin qabaatu. Gaaffilee kana keessaa ijoon ammoo:

Daangaan bakka kama ta'a?

Magaalaan guddoon eessa?

Biyyootni lamaan dursanii maal gochuu qabu? kan jedhan fa'i.