Tiraamp baqattoota UStti eeyyama argatanii 7,500tti xiqqeessuun lammiilee adii Afrikaa Kibbaaf dursa kenne

Bulchiinsi Tiraamp lakkoofsa baqattoota Ameerikaa seenuun eeyyama argatanii, bara dhufturraa kaasee 7,500tti daangessuufi lammiilee Afrikaa Kibbaa adii tahaniif dursa akka kennamus himeera.

Tarkaanfiin kuni ibsa Kamisa kaleessaa Waayit Haawus baaseen kan beeksifame yoo tahu, daangaa lakkoofsa koolugaltoota biyyattiitti eeyyama argatanii isa pireezidantiin biyyattii duraanii Joo Baayidan 125,000 akka tahu murteessanirraa kan miilanaa akkaan gad bu'aa dha.

Hir'ifamuu lakkoofsa kanaaf sababni kenname himamuu baatus ibsa baafame irratti, ''yaaddoon namoomaa waan jiruufi fedhii biyyaalessaaf jecha dha,'' jedha.

Amajji darbe Tiraamp ajaja baasaniin Sagantaa Eeyyama Baqattoota Ameerikaa dhorkuun qondaalota Ameerikaa nageenya biyyaalessaa Ameerikaa tiksuuf isaan fayyada jedhan.

Lakkoofsi baqattoota eeyyama argatanii xiqqoo biraan kan galmaa'e bara aangoo duraanii Tiraamp 2020tti namoota 15,000 qofa fudhachuuf isa murteeffame dha.

Ibsi marsariitii waajira Galmee Federaalaa irratti bahe baqattoota 7,500 eeyyamni kennamuuf keessaa 'dursi' lammiilee adii Afrikaa Kibbaafi ''namoota biyya isaaniitti loogiif saaxilamaniif,'' kennama jedha.

Guraandhala darbe pireezidantiin US Afrikaa Kibbaadhaaf deeggarsi kennamuu akka dhaabbatu himuun hawaasni adii Afrikaa Kibbaa Afriikaanars- baayyeen isaanii sanyii warra Daachiifi Faransaayi Afrikaa Kibbaa dur qubatan-Ameerikaa akka galan eeyyaman.

Washingitanitti ambaasaaddarri Afrikaa Kibbaa Ibraahim Raasuul, Tiraamp 'olaantummaa warra adii sochoosuuf namoota adii akka miidhamanitti dhiyeessa,'' jechuun isaan booda Ameerikaa irraa arii'ameera.

Caamsaa darbe ammoo Pireezidantii Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaa qonnaan bultoonni adii biyyasaa jiran ajjeefamaafi ''arii'atamaa'' jiru jechuun isa gaafatanii ture.

Waayit Haawus viidiyoo lafa qonnaan bultoonni adii itti awwaalamanidha jedhe qoodee ture. Boodarra garuu viidiyoon sun qonnaan bultoota yeroo garagaraatti ajjeefamanii akka tahe barame.

Ameerikaan daawwannaa pireezidantii Afrikaa Kibbaan booda lammiilee adii Afrikaa Kibbaa 60 tahaniif koolugaltuummaaf eeyyama kenniteettiif.

Mootummaan Afrikaa kibbaa lammiileen adii Afrikaa Kibbaa loogiin gaha himannaa jedhu haaleera.

Imaammatni Ameerikaa lammiilee Afrikaa Kibbaa adiif dursa kennuu gareeleen dhimma baqattootaaf falmaniin qeeqamaa jira.

Ameerikaan amma ifatti gareeleefi namoota biyya isaaniitti hacuuccaan irra gahu, michoota Ameerikaa, Afgaanistaaniif Baha Gidduugalaatti loltoota Ameerikaa deeggaran faa miidha kan jedhan faa jiru.

Jalqaba waggaa kanaa Pireezidantiin Afrikaa Kibbaa seera falmisiisaa mootummaan lafa nama dhuufaan qabame beenyaa malee akka dhaalu jedhu baaseera.

Biyyattiin sanyii irraatti hundaa'uun gabaasa baasuu baattus bara 2024 keessa namoonni 7,000 tahan yakkaan wal-qabatee ajjeefamaniiru.

Kunneen keessaa 12 lafa qonnaatti kan ajjeefaman yoo tahu tokko qofaatu qonnaan bulaa ture.

Kaan shan jiraattota naannichaa fi afur ammoo hojjettoota gurracha tahuu akka danda'antu gabaafame.