Tiraamp yaalii dhukaasa nikularaa waggaa 30 booda akka eegalu ajaje

Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp gaggeessitoonni waraanaa biyyattii yaalii dhukaasa nikularaa akka taasisan ajaje kenne.

Tiraamp yaaliin dhukaasa nikularaa akka gaggeeffamu ajajuunsaa biyyoota akka Chaayinaafi Raashiyaa waliin wal-simsiisufi jedhame.

US waggaa 30 olitti yeroo jalqabaaf yaalii dhukaasa nikularaa gaggeessuusheeti.

"Biyyoonni biroo sagantaalee yaalii dhukaasa nikularaa gaggeessaa waan jiraniif, haala wal-qixa ta'een Meeshaalee Nikularaa keenya akka yaalii dhukaasaa gaggeessuuf Dippaartimentii Waraanaa ajajeera," jechuun Tiraamp fuula moodouaa hawaasaa isaa gubbaatti barreesse.

Tiraamp kana barreessunsaa pirezidaantii Chaayinaa Shii Jiin Piing waliin Kooriyaa Kibbaatti osoo wal-hin argin dura.

US biyya kaam caala iyyuu boombii nikularaa heddu akka qabdu dubbachuun Raashiyaafi Chaayinaan wal-duraa duuban itti aananii akka jiranis ibse.

Bara 1992 booda US yaalii dhukaasa boombii nikularaa gaggeessitee hin beektu.

US yaalii dhukaasa nikularaa akka gaggeessitu Tiraamp beeksisuunsaa Raashiyaan misaa'ela nikularaa dhukaasuun yaalii gaggeessuushee erga momrmee guyyoota muraasa boodadha.

Misaa'elli nikularaa Raashiyaan dhukaaste fageenya daanga'aa kan hin qabneefi sirna ittisaa kamiinuu kan hin dhaabbanne ta'uu Mooskoon beeksiftee turte.

Tiraamp Roobii, Onkoloolessa 29, akka beeksisetti, meeshaan nikularaa "balaafamaa" ta'uu eeruun garuu meeshaalee nikularaa US haaressuun alatti filannoo akka hin qabne dubbate.

Waa'ee yaalii dhukaasa nikalaraa fuula miidiyaa hawaasaa irratti ibseen, odeeffannoo bal'aa hin kennine. Garuummoo "adeemsi [yaalii dhukaasa gaggeessuu] yeroo dhiyootti eegala," jedha.

Tiraamp yaaliin yaalii dhukaasa nikularaa akka gaggeeffamu ajajuunsaa tarsiimoo Ameerikaan baroota dheeraaf qabattee turte kan jijjiire fakkaata.

Doonaalt Tiraamp dhimma yaalii dhukaasa nikularaa ibsuunsaa, pirezidaantii Chaayinaa Shii Jiin Piing waliin Kooriyaa Kibbaatti qaaman wal-arganii mariyachuuf yeroo jedhanitti.

US yeroo dhumaaf yaalii dhukaasa boombii nikularaa kan gaggeessite Fulbaana 23, 1992tti yoo ta'u, bulchiinsa Navaadaa keessatti ulaa lafa jalaa yaalii yaalidhaaf qophaa'e keessatti ture.