Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saayintistoota addunyaa lama kanneen kalaqa isaanitti gaabban
Kalaqoonni baayyeen addunyaa kana jijjiraniiru. Kalaqoonni baay'een ammoo kallattii hin taaneen itti fayyadamuun balaawwaan gurguddaa geessisaniiru.
Kanneen keessaa kan oomisha meeshalee waraanaaf oolaniifi badii lubbuu namoota hedduuf sababa ta'an akka Boombii Atoomawaa fi Daayinamitii faa eeruun ni danda'ama.
Saayintistootni kalaqoota kana kalaqan har'a lubbuun jirachuu baatanis garuu hojiin isaan gaarummaaf hojjatan wayita badii guddaa geessisuu arganitti hedduu gaddan.
Hojii harka isaaniitiin yeroo xiqqootti addunyaan kan wal balleessu ta'uu waan itti hin yaadneef sun ta'uutti akka malee gaabban.
Hangam hojiin isaani kun addunyaa irratti kan isaan beeksisee fi barnootaf oolullee badii kalaqni isaanii geessisef hawaasa addunyaa dhiifama gaafatanii turan.
Albart Inistaayiin
Boombii balafamaa Nikuleraa oomishuudhan namni maqaan isaa ka'u nama Robert Oppenhimer jedhamuu ture. Garuu sun kalaqa Albart Inistaayiin ala waan hin milkoofne ture.
Maddi seenaa kalaqa boombii niwukilaraa formulaa fi xalaya hayyuu saayinsii ammayyaa abbaa fiiziksii nama jedhamu Albart Inistaayiin irraa eegala.
Inistaayin bara 1879 Jarmanii keessatti kan dhalate yoo ta'u, ogeessa fiiziksii fi kalaqaa addunyaaf gumaacheen bara 1921'tti badhaasa Noobeelii Fiiziksii badhaafameera.
Foormulaa anniisaan guddaa uumuu danda'u gaafa argatu waanti sun balaa addunyaatti fida jedhees hin yaadne ture.
Wanti xiqqoon tokko hangi isaa saffisa ifaa dachaan yoo baayyifamu anniisaa guddaa ta'e akka kennu argate. Kanaan E=mc2 jechuun moggaase.
Hagayya 2, 1939 xalayaa Pirezedantii Ameerikaa yeroo sanaa Firaankiliin D. Roosveltiif barreesse.
''Hojiin dhiheenya kana damee fiiziksii niwukilaraa keessatti hojjadhe yuuraaniyeemii gara madda anniisaa haaraa fi heddu barbaachisaa ta'etti jijjiiruu akka danda'u akeeka,'' jedha.
Anniisaan kun boombii humna guddaa qabu tolchuuf fayyaduu akka danda'uullee ibsa.
Jarman bara sana gurgurtaa yuuraaniyeemii Cheekooslovaakiyaa dhaabuuf murteessu akka dandeessu shakkuu kan ibsu xalayichi, Pirojektii Manhattan, kan sagantaa qorannoo iccitii olaanaan gaggeefamuufi doolaara biiliyoona lamaan hojjatamaa ture dorgommii boombii atoomikaa tolchuu keessatti Jarmanii injifachuuf bu'uura akka ta'u ibsef.
Sanaanis Ameerikaan Pirojektii Manhattan jedhamu boombii Nikuleraa oomishuu danda'u hayyuu fiiziksii Roobart Oppenheyimer jedhamuun hoogganama ture eegalte.
Sangantaa kanatu Ameerikaan meeshaa garmalee balaafamaa boombii Nikuleraa argachuutti ishee ceessise.
Annisaan kun misoomaaf yoo gargaaraman bu'aa guddaa kan buusuu yoo ta'u biyyootni addunyaa garuu boombii kanaan wal haleeluuf wal sodaachisaa jiru. Biyyootni Nikulera qabanis akkan sodaatamu.
Wayita Waraana addunyaa lammaffaa Hagayya 6 fi 9 bara 1945 Ameerikaan magaalota Jaappaan lama Hirooshimaa fi Nagaasaakii irratti boombii Nikulera kana darbachuun namoota kuma 200 ol galaafatte. Kun boombii Nikuleraa yeroo jalqabaaf nama irratti darbatameyoo ta'u taatee goddaannisa guddaa addunyaa kana irratti uumee darbe ture.
Wayita sana egaa Albert Inistaayiin gaabbiin kan quba of nyaate. ''Waan kana kalaquu kootti ummata addunyaa dhiifaman gaafadha. Boombiin kun hangam balaafamaa akka ta'e mootummaa Ameerika hubachiisuuf yaalera'' jedhe.
Akkamitti waanti suukaneessan kun dhala namarratti yaalama? Taatee seenaakoo gurracheessutu raawwatme'' kanneen jedhan jechoota gaabbii Inistaayin ibsuuf tarreefamaniidha.
Jireenya koo keessatti dogoggora guddaa tokko ture jechuunis dubbate Albarti Inistaayin.
Carallaan nukilaraa hammi isaa akkaan guddaa ta'e dhala namaa dabalatee lubbu qabeeyyii hundaaf baayyee balaafamaadha. Kanaanis MagaalotaJappaan boombiin kun haleele waggaa 80 keessatti hara'lleee godaannisni isaa hin banne.
Inistaayin caalaa kallattiin oomisha boombichaa keessatti kan hirmaate fi Abbaa Atoomik boombii kan jedhamu Roobart Oppanhayimar illee guddaa gadduu isaa seenaan jireenya isaa kan himu.
Insitaayinis biyyotni hidhannoo niwukilaraa hiikkachuu akka qabaniifi boombiin kun akka dhabamsiifamuuf falmii guddaa taasisaa ture.
Bara 1970 irraa kaasees biyyoonni 191 waliigaltee boombii nikularaa qabaachuu dhorku (Treaty on the Non-Proliferation of Nuclear Weapons) (NPT) jedhamu mallatteessan.
Akkaataa waliigaltee kanaaatti biyyoota shan: Ameerikaa, Raashiyaa, UK, Faransaayi, Chaayinaan dursanii waan boombii nikularaa qabaniif hanga isaa akka gadi xiqqeessan warri kan garuu akka hin oomishne kan dhorku ture.
Haa ta'uu malee biyyootni akka Indiyaa, Paakistaan, Kooriyaa kibbaa fi Israa'el ergasii kan oomishan yoo ta'u biyyotni kaanis dhoksaan gabbisaa akka jiran ragaalen kan mul'isan.
Alfreed Noobel
Alfireed Noobel bara 1833tti Istookhoolmitti dhalate. Abbaan isaa Imaanu'eel Noobel kalaqawwan hedduu kan akka boorsaa dugda loltootaaf ta'u, walitti dadacha'uu fi irra rafuuf gargaaru faa hojjate.
Ijoolleen isaas Alfreedii fi obboleessi isaa waan inni hojjate kana ilaala kalaqoota biraa shaakalaa guddatan.
Kanaanis mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa keessatti Alfireed kalaqa gara 355 irratti niirga abbeentaa argate.
Bara 1850tti barnoota keemistirii Paarisitti baratee deebi'ee. Waan dhangala'aa jijjiirama ho'aan ykn dhiibbaa wayiif yoo saaxilamu dhuka'uu danda'u wayii uume.
Alfrediis waanti inni argate kun yoo akka gaariitti kan to'atamu taasifamee bu'aa guddaa fiduu danda'a jedhee yaade.
Bakka yaalii itti taasisanittis bara 1864tti, dho'iinsi uumamee obboleessa isaa Alfired Emil dabalatee namoota hedduun ajjeese.
Angawoonni biyyatti magaalaa keessatti waan dho'uu danda'u kamiirrattuu yaaliin akka hin godhamne waan dhorkaniif baadiyyaa qarqara galaanatti gale.
Bara 1866tti, Alfireed Noobel naayitiroogiliiseeriinii cirracha gaarii (afaan Siwiidiniin kiyeselguher jedhamuun beekamu) wajjin walitti makuun karaa ittin dhuka'aa sana fashaleessuun danda'amu bira ga'e.
Dhootuu haaraa kunis bara 1867tti "daayinaamiitii" jedhamee moggaafame. Alfireed Noobelis mirga Abbeentaa (patent right) itti argate.
Daayinamiitiin har'a bolla gadi fagoo qotuuf, gaaraa kutee daandiin akka hojjatamuuf, lafa dhagaa meeshaa biraan qotuuf rakkisu kamittu bool'a keessa ka'amuun dho'ee adda babaasa.
Addunyaa guutuutti hojii albuuda baasuu, dhagaa baasuu, diiguu fi ijaarsa daandii fi baaburaa keessatti fayyadaa jira . Garuu fallaa kanaa waraaanaf itti fayyadamama jira.
Alfireed Noobeel dhuka'aa inni hojjateen namootni wal ajjeesuu gaabbuun qalbii isaa cabe. Hin gaabbe. Karaa namootni waan kana itti hin fayyadamne yaadee qabeenya horatee hundaa aarsaa gochuun badhaasa nagaa hundeessuuf murteesse.
Ergasiis namootni dhimma nagaa addunyaa fi biyyootaa irratti hojii fakkeenyummaa qabu hojjatan badhaasa guddaa Addunyaa Nobeelii waggaa waggaan badhaafamaa jiru. Damee nageenyaa malees badhaasni Noobeelii dameewaan hedduun kennmaa jira.
Badhaasni Noobeelii lammii Siwidiin Alfired Noobeeliin hundeeffe badhaasawwan adda addaa namoonni hojii gaarii addunyaa irratti raawwachuun badhaafaman yoo ta'u akka kabaja olaanaa addunyaatti ilaalama.