Haalli fayyadama bilbilakee hariiroo jaalalaakee miidhuu danda'a jettee yaaddooftaa? Fallisaa kunooti

Madda suuraa, Getty Images
Bilbilli keenya hariiroo nama waliin qabnu keessatti gahee murteessaa akka qabu hundi keenya ni beekna. Kun ammoo bifa lamaan ilaalama-gaarummaafi miidhaa qabuun. Bilbilli keenya guyyaa guyyaan akka jaalallee keenya dubbifnuuf mala itti fayydamnudha.
Haata'u malee, hidhanni nuti bilbila harkaa waliin qabnu yeroo tokko tokko akka nama nu bira jiru dagannu haalli itti nu taasisuu jira. Kunis osoo hin yaadin bilbila keessan fayyadamun kan adeeffamuudha.
Haalli kun ammoo wal jalaan hariiroo keessan irratti dhiibbaa uumuu kan danda'udha. Hiriyoota gaa'elaa keessanii akka waan tuffattan fakkeessuun, akkasumas warri yeroo hunda bilbila fayyadaman biratti hariiroo ijoollee xixiqqoo wajjin qaban laaffisuu fi namoota umuriin deeme ammoo akka ofitti amanamummaa hin qabne gochuun dhiibbaa uumuu danda'a.
Kanaafuu, of tu'achuu dadhabu keessaniitti of qeequurra, bilbila keenya yoom akka fayydamauu qabnu irratti itti yaadnecaalaa bu'a qabeessa ta'uu danda'a jedha ogeessi xiin-sammuu tokko.
Dr Kaayitliin Regehr, Yunivarsiitii Kolleejjii Landanitti Piroofeesara Gargaaraa kan ta'an, yeroo nama biraa waliin jirtutti bilbila kee osoo hin yaadiin akka hin fuuneef karaa salphaa ta'e tokko yaada dhiheessa.
Yeroo bilbila kee bira dhaqxu hunda maal akka ittiin hojjettu nama biraatti himi, yeroo xumurtu immoo lafa kaa'iitii irraa fagaadhu.
Kunis waan baay'ee salphaa fakkaata jechuun ni danda'ama, haata'u malee, yeroo baayyee ergaa, beeksisa balleessi ykn "dafiitii waan gara biraa barbaadi.'' Akkasiin osoo hin yaadin jijjiiramni xiqqaan kun amala keenya jijjiiruuf gargaaruu danda'a jedhu Dr Reegeehr.
Wanti barbaachisu iftoomina qabaachuu waan ta'eef, yoo ergaan sii galuutti nama ykn namoota waliin jirtutti akkas jechuu qabda: "Kanaaf deebii kennuun barbaada, sana booda ammas sittan deebii'a."
Maqaa isaa dhawuudhaan, "Sa'aatii baaburr koo itti dhaqaqabu ilaaluun barbaachisa" ykn "harmoo kootiifan deebii kenna" jechuu dandeessa. Akksiin amala battalaan bilbila keessan tuxuquu addaan kuta akkasumas nama si cinaa jiruuf ammallee dhimma akka qabdu agarsiisuu dandeessa.
"Namni biraatiif dhimma akka hin qabne akka itti hin dhaga'amneef ni ittisa," jedhu Dr Regehr.
"Akkasumas itti gaafatamummaa akka fudhachu itti fuftu si taasisa. Sababiin isaas carraan appii biroo ykn daangaa tokko malee waan biraa ilaaluu keetii xiqqaadha."
Kana gochuunkee ammoo hariiroo keessan fooyyessuuf illeen isin gargaaruu danda'a.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yunivarsiitii Saawuzhaampitanitti Piroofeesara Saayinsii Xiin-sammuu kan ta'an Dr Kilaar Haart qorannoo namoota 196 waa'ee hariiroo isaanii fi itti fayyadama bilbilaa isaanii waliin haasa'ame kan of keessaa qabu hoogganan.
Walumaagalatti bu'aan qorannoo kanaa akka agarsiisutti, hamma dagatamuun sitti dhaga'amutti hariiroon keessan cimaa ta'a.
''Namni hundi haala wal fakkaatuun deebii hin kennan,'' jedhu Dr Haart. "Innis eenyummaa irratti hundaa'a, garuu tokkicha namni tokko akka waan tuffatameetti erga itti dhaga'amee booda haaloo ba'uudhaaf kakaasuu danda'a."
"Bilbila mataasaanii kaasuu ta'a. Egaan yeroo sanattidha kan hiriyaa gaa'elaa akka waan iskiriinii bilbilaarratti argamu sana caalaa akka waan gatii hin qabne ykn didamtaniitti waan itti dhaga'amuuf haaloo bahuun balaa ta'a."
Yeroo dagatamuun itti dhagahamu hundatti hariirii nama sana waliin qabdu dhabda. Booda ammoo deebiistanii hariiroo keessan bakka duraan tureetti eebiisuuf deebi'uuf yeroo isiniitti fudhachuu danda'a.















