Baatirii bilbila harkaa keessan bakka buufame balaa qabaachuu beektuu?

Madda suuraa, Cambridgeshire Fire and Rescue Service
Yeroo baayyee namoonni yoo baatiiriin laaptooppii ykn bilbila harkaasaanii jalaa dadhabu itti geeddaru. Kunis rakkoo akka qabu hedduun waan hubatan miti.
Haata'u malee, balaa baatirii fi chaarjariin meeshaalee akka laptooppii, moobaayilii fi maachishina qulqulleessaa (vacum cleaner) bakka buufame fayyadamuu irratti akeekkachiifni kennamaa jira.
Akeekkachiifni kunis erga Dhaabbanni Ulaagaalee Daldalaa akka baatiiriiwwan bakka buufaman hedduun isaanii balaa nageenyaa qaban adda baaseen boodha.
Ulaagaaleen Daldalaa Kaambiriijiishaayer fi Piitarboroo (Cambridgeshire and Peterborough Trading Standards) aanga'oota Baha Ingilaandi sagal kanneen baatirii fi chaarjarii oomishtoonni mirkanaa'an irraa filannoowwan saamudawwan 22 fudhatan keessaa tokko ture. Adda durummaanis bakka gurgurtaa onlaayinii irraa fudhate.
Qorannoo laabraatoorii saamudoota kanneen irratti gaggeeffameen, 13 isaanii irratti balaa elektirikii, ibiddaa fi dho'iinsaa sadarkaa olaanaa kan qabanii fi hundi isaanii ammoo odeeffannoo nageenyaaf barbaachisaa ta'e akka hin qabne adda baafameera.
Manni Maree Magaalaa Piitarboroo bara darbe magaalattii keessatti ibiddi mana tokko keessatti erga mudatee booda, qorannoon kana gaggeessuun murteessaa ta'uu beeksiise.
Miseensi kaabinee mana jireenyaa fi hawaasaa, Aab Alisan Jonees akka jedhanitti: "Bara darbe ji'a Waxabajjii keessa Piitarboroo keessatti erga baatirii bakka buufame mana keessatti ibidda kaasuun miidhaa qaqabsiiseen booda, hundi keenya waa'ee balaa kanaa kan hubanne."
"Garuu pirojektiin kun dhuguma balaa bal'aa kan agarsiisu yoo ta'u, baatiriiwwan nageenya hin qabne, chaarjaroonni fi oomishoonni baatiriiwwan kana of keessaa qaban seeraan ala gara UK'tti galfamanii waltajjiiwwan toora intarneetii irratti gurguramaa jiru."
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Seerri amma jiru waltajjiiwwan kanneen irratti akka sakkata'insa nageenya meeshaalee isaan raawwatanii fi booda raabsamaniif dirqama seeraa hin kaa'u."
Manni marichaa saamuda baatirii sadii keessatti dandeettiin sadarkaa kennuu isaanii baayyee dogoggora akka ta'e ibseera. Taatee tokko keessattis baatiriin dandeettii sadarkaa ibsame keessaa %18 qofa akka qabu adda baafameera.
Dubbi himaan Tajaajila Ibidda fi Baraarsaa Kaambiriijshaayer akka jedhanitti: "Meeshaaleen baay'een isaanii yeroo chaarjii ta'an garmalee akka hin ho'anne mirkaneessuudhaaf amaloota rakkoo qaban waliin kan dhufaniidha. Haata'u malee, hojjechuuf keebilii chaarjarii fi adaaptaroota oomishtoonni dhiyeessan irratti hirkatu."
"Wantoonni gara biraa hubatamu qabaatu ammoo bilbila harkaa wayita rafan irra osoo dammaqanii jiranu chaarjii gochuu jechuun, meeshaaleen kan barbaadamu caalaa chaarjii ta'uudhaan baatirii garmalee hoo'e balaadhaaf hin saaxilamuu jechuudha. Gorsi kunis meeshaalee kamiifuu kan wal fakkaatu ta'uu danda'a."
Waajjirri Nageenya Oomishaa fi Sadarkaalee mootummaa hojii isaa itti fufuuf Sadarkaalee Daldalaatiif maallaqa dabalataa kan kennu yoo ta'u, bara kana saamudaa fi qorannoo dabalataa gaggeeffamuudhaaf karoorfamuu dabalataan himaniiru.












