Fulhaamiin kan adabame Liivarpuul yoom waancaa harka galfachuunsaa mirkanaa'a?

Liivarpuul otoo hin mo'amin gara waancaatti sussukaa ture, imalli kun Dilbata Ebla 06, 2025 Fulhaamiin gufate.

Kilabichi taphoota 26 keessatti yeroo jalqabaaf Fulhaamiin injifatamuu isaati. Bara taphaa kanammoo yeroo lammaffaaf mo'amuusaati.

Garuu gareen Arne Silot qabxii waancaaf isaan barbaachisu argachuuf taphoota torba isaan hafu irraa yoo xiqqaate qabxii 11 argachuu qaba.

Tapha booda leenjisaan Liivarpuul kun ''gooliiwwan nutti galan yoo ilaalte sadanuu oolchuun kan danda'amu ture,'' jechuun BBC Match of the Day'tti himan.

''Kun waan yeroo baayyee nu mudatu miti. Waan haalli akkasii nu mudatee hin beekneefis as jirra. Sababni isaa osoo dogoggoroota akkanaa irra deddeebiin uumnee yoona qabxii amma qabnu kanarra hin jirru,'' jedhan leenjisaan leenjisaan kun.

Kiraaven Kooteej irratti injifatamanis garuu waancaan Piriimer Liigii bara kanaa kanuma Liivarpuul ta'a.

Liivarpuul barri taphaa osoo hin xumuramin yeroo kanatti qabxii hanga kanaan kilaboota kaan caaluun tokkoffaa qabachuun liigicha keessatti seenaa galmeesseera.

Taphoota hunda bara kanaa irratti Liivarpuul olaantummaadhaan ga'umsa ajaayibaa agarsiisaa as ga'e.

Sadarkaa lammaffaarra kan jiru Arsenaaliin qabxii 11n caala.

Arne Silot ammas ga'umsa amansiisaatti deebi'uuf taphattoonni isaaniirraa cichoomina guddaa eegu.

Ga'umsa Roobii darbe Evartan irratti agarsiisan tapha dhufurratti West Haam irratti dabaluu fedhu.

Taateen Dilbataa Liivarpuulitti waan hedduu fide.

''Gareen Liivarpuul amma jiru kun garee ga'umsa amansiisaa qabu miti. Piriimer Liigiin bara kanaa gadi bu'aadha. Liivarpuul ga'umsa bara taphaa 2024-25 kanaan lamuu waancaa nyaachuu hin qabu,''' jechuun iyyaa turan daawwattoonni.

Ammoo morkattoonni Liivarpuulis ga'umsa gaariirra hin jiran. Barri taphaa kun hundumaaf gaarii hin taane.

Bara darbe waancaa kan nyaate Maanchistar Siitiin ga'umsa gadi bu'aa peep Gaardiyoolaa jalatti argee hin beeknerratti argama.

Maanchistar Yunaayitid seenaa Piriimer Liigii keessatti akka bara kanaatti gadi bu'ee hin beeku.

Arsenaalis bara darbe yeroo akkasii akkana hin turre, qabxiinsaa kanarra fooyyee qaba ture.

Tootanhaam fi Chelsiin ofiifuu wal'aansoo keessa jiru.

Dursaan duraanii taphattoota Maanchistar Yunaayitid Gaarii Naviil ''barana kilaboonni kaan ga'umsa gaariirra hin jiran. Ga'umsa gaarii itti fufiinsaan agarsiisaa kan jiru Liivarpuulidha,'' jechuun Sky Sports'tti hime.

Liivarpuul carraa kana fayyadamuun hamilee guutuudhaan fuulduratti deemuu qabaata. Arne Silot hojiisaanii ijoo kana godhataniiru.

Arsenaal ammaan tana osoo qabxii bara darbe yeroo akkanaa qabu ture 71 irra jiraateellee Liivapuul qabxii lamaan caala.

Arsenaal bara osoo hin mo'amin xumure jedhamee faarfame 2004 sana qabxii 90n xumure.

Gareen Arne Silot sana bira darbuuf taphoota hafan torba irraa qabxii 18 barbaadu.

Bara taphaa Piriimer Liigii 32 keessatti kilaboonni qabxii kanaan xumuran 14.

Liivarpuul mataansaa Yaargan Kiloop jalatti yeroo lama qabxii 90 ol fiduun waancaa osoo hin nyaatin hafe ebeeka.