Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
"Irra deddeebi'ee si'a 15 ilaalera, Evartan tasuma peenaaliitii argachuu hin qabu ture"- Arteettaa
Arsenaal kaleessa Gudisan Paarkitti imaluun Evartan waliin galchii tokko wal-qixaan qabxii qooddatee gale.
Taphataan sarara ittisaa Arsenaal Liwiis Iskeelii taphataa Evartan kan ta'e Jaak Harisan irratti baleessaa hojjate jechuun abbaan murtii Evartaniif peenaaliitii Arsenaal dorgimmii waancaa keessaa baasun hin oolle kenne.
Ilimaan Indaayee lakkoofsisuun Evartan akka qabxii qooddatu taasise.
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteetaa heddu aare. "Tasumaa peenaaliitii ta'uu hin qabu. [Balleessa hojjatame jedhame] si'a 15 irra deddeebi'ee ilaalera.
"Parsantaa 100 aareen jira. Kubbaa akka ajaa'ibaatti to'annee turre. Boqonnaan boodas kubbaa to'annee qabxii keenya sassaabbannee galuuf abdii horannee turre. Garuu abbaan murtii sababa quubsaa malee rukuttaa adabbii kenne," jechuun murtee kanatti baay'ee mufachuu dubbate.
Leenjisaan Evartan Deeviid Mooyes gamasaanin waa'ee rukuttaa adabbii kennamee gaafatamanii viidiyoosaa irra deebi'uun akka hin ilaallefi homaa jechuu akka hin dandeenye hime.
Tiroosaad Arsenaalif dursee lakkoofsisus gammachuun Arsenaal hanga dhumaatti fulla'uu hin dandeenye.
Liwiis Skeelii Harisan waliin walitti bu'uun Evartaniif carraa goolii uume. Carraa galchii Evartaniif kennamerratti mormii Arsenaal dhageessiseef Pirimer Liigin Ingiliz deebii kenneera.
"Liwiis Iskeelii baleessaa Harisan irratti hojjateef abbaan murtii peenaaliitin akka kennamu murteessunsaa VAR dhaan ilaalamee mirkanaa'era.
Balleessan [Liwiis Iskeelii] hojjate penaaliitii kan kennisiisudha," jechuun Premier League Match Centre fuula X gubbaatti ibse.
Xinxaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan ammoo "Akka natti fakkaatutti peenaaliitii baay'ee garaa nama ciibsu miti," jedhe.
Taphataan garee biyyaaleessaa duraanii Ingilizii Alan Shiirariifi taphataan sarara gidduu duraanii Liivarpuul Daanii Marfii yaada Kiriis Suutan kana qooddatu.
"Akka yaada kiyyaatti peenaaliitii kennuuf quubsaa miti," jedhe Alan Shiirar.
Daanii Marfii ammoo, "Arteettaan sirrii natti fakkaata. murtee gadheedha, peenaaliitii ta'uu hin qabu ture. Lamaansaanituu [Liwiis Iskeeliifi Harisan] wal harkisaa turan," jechuun peenaalitiin Evartaniif kenname akka isan hin amansiisne dubbate.
Arsenaal 1-1 wal-qixa bahuunsaa dorgommii Liivarpuul waliin taasisuun gatii guddaa isa kaffalchiise.
Liivarpuul taphoonni saddeet osoo isa hafanuu qabxii 11 Arsenaal caalee gulufaa jira. Liivarpuul har'a Fuulhaam kan injifatu yoo ta'e, carraa waancaa nyaachuusaa daran bal'ifata jechuudha.