Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphataa Maan Siitii, Erliingi Haalaandi maaltu mudate?
Muka jigetti qottoon baay'ata akkuma jedhan rakkoon Maanchister Siitii baranaa qabxii dhabuu qofa miti. Himanni 115 irratti banamun qorannoo irra ture.
Miidhamni taphattootaa Roodirii irraa jalqabe Keevin De Biruunii fi kaanis dabalate.
Kun Peep Gaardiyoolaaf mata bo'uu taheera. Galchii Piriimer Liigii hedduu lakkoofsisuun Mohaammad Saalaa waliin dorgomaa kan jiru Erliingi Haalaandi yeroo murteessaa kanatti miidhamuu dhagahame.
Tapha FA Cup Baarnimooz waliin taasisuu injifatanii walakkaa xumuraaf darban irratti miidhama jilbaatu isa mudate.
Qorannoo amma taasifame Haalaandi yeroo murtaa'eef dirreetiin ala akka turu hima.
Galchii wal qixxeesituu Maan Siitiif lakkoofsisee daqiiqaa 61 irratti jijjiiramee bahe.
Booda viidiyoo miidiyaa hawwaasaa irratti maxxanseen dirree Barnimooz Viitaaliitii keessaa kiraanchii qabachuun jilba isaa bitaa irratti ammoo akka madaallii isaa eeguuf hidhameefii yoo bahu mul'ata.
Kilabichi garuu Haalaandi dafee fayyuun taphoota Piriimer Liigii hafaniifi dorgommii Kilebotta Adunyaa 'Fifa Club World Cup' jedhaman irratti akka hirmaatu abdii qabu.
Bara dorgommii kana Haalaandi taphoota 40 irratti galchii 30 lakkoofsiseera. Yeroo kilebni isaa qabxii akka durii isaa argachuuf rakkatutti Haalaandi qofaa isaa galchii hanga kana lakkoofsisuun waan addaati.
Wiixata har'aa qorannoon dabalataa godhameefii hangamiif akka miidhamee turu baruf gara hakiima ispeeshalistiitti ergama.
Dilbata darbe rukuttaa peenaaliitii tokko dhabuun carraa galchii tahuu kan qaban ammoo kubba lama dhabee ture.
Booda Niikoo O' Riilee kenneef lakkoofsise. Omaar Maarmush ammoo galchii injifannoo lakkoofsisuun walakkaa xumuraaf darban.
Waancaa Piriimer Liigii fi Shaampiyoonsi Liigii dhabuun isaa kan barame Maan Siitii abii waancaa bara kana qaban FA Cup mo'achuu qofaadha.
Gaardiyoolaan miidhama taphattootaa barana isaan mudate dandamachuun waancaaf morkachuu hin dandeenye.
Qabxii tokkoon Cheelsiidhaan caalamanii sadarkaa shanaffaa irra kan jiran Maan Siitiin 1-4 keessa galanii xumuruuf tattaafataa jiru.
Sadarkaa 1-4 keessa galuuniyuu akka waancaa mo'achuutti ilaalama jedhanii ture Peep.
Bara dorgommii afur walitti aansuun waancaa Piriimer Liigii kan mo'ate Maan Siitiin amma sadarkaa shanaffaa irra jira. Liiverpuul dursaa liigichaa irraa qabxii 22 boodatti hafeera.
Maanchister Siitiin Peep Gaardiyoolaa jalatti waancaa Piriimer Liigii jaha injifateera.
Hojii leenjisummaa isaanii erga jalqabanii sadarkaa sadaffaa gadi takkaayyuu xumuranii hin beekan.
Hojii leenjisummaa kee bara kanaa akkamiin madaalta jedhamanii kan gaafataman Peep ''bara kanamo? Baay'ee gadi aanaadha'' jechuun hojii akka leenjisaatti hojjetan ceepha'an.
''Morkattoonni keenya kana dura yeroo waancaa Piriimer Liigii mo'annoof haala mijataa addaa nuuf kennan hin qaban.
''Hojiinkoo haala bara kana keessa turre haala gaariin jijjiirudha'' kan jedhan Gaardiyoolaan Maan Siitiin qabxii dhabuu isaaf ofuma qeeqan.
Sababni itti qabxii dhaban maal akka tahe kan gaafataman leenjisichi ''waanuma xixiqaadha,'' jedhan. ''Bara dhufu akka waan kun hin mudanne abdiin qaba'' jedhan.