Dhaabbileen 100 Israa'el gargaarsa namoomaa akka meeshaa waraanaatti fayyadamuu haa dhaabdu jedhan

Madda suuraa, EPA
Dhaabonni 100 ol xalayaa waloo barreessaniin Gaazaa keessatti yeroo ''beelli hammaatee jirutti'' Israa'el deeggarsa namoomaa akka meeshaa waraanaatti fayyadamuu akka dhaabdu waamicha dhiyeessan.
Gareeleen namoomaa Okisfaamifi Hakiimoti Daangaa Maleeyyii Médecins Sans Frontières (MSF) yoo qajeelfama Israa'el guutan malee irra deddeebiin deeggarsa garas geessuuf ''eeyyama hin qabdan'' jedhamuu himan.
Gareeleen kunneen waan Israa'el gootu ''seeraa qabeessa'' miti yoo jedhan ykn waa'ee hojjettoota isaanii lammii Filisxeem tahanii odeeffannoo gahaa hin kennine ugguramuu danda'u.
Israa'el dhiyeessii deeggarsaa irratti dhorkaan jiraachuu haaluun qajeelfamni Bitootessa darbe bahe deeggarsi ''fedhii biyyaalessaa'' waliin deemuu qaba jette.
Akka xalayaan waloo kuni agarsiisutti dhaabonni idil-addunyaa miti mootummaa kunneen Bitootessa 2 irraa qabee konkolaataa deeggarsaa tokko illee Gazaa qaqqabsiisuu hin dandeenye.
Qondaaloti Israa'el ''gaaffii dhaabonni miti mootummaa miyoota lubbuu baraaran dhaqachuuf gaafatan diddee,'' jedhan, kanaafis akka fakkeenyaatti Adoolessaa keessa qofa gaaffiin 60 ol didamuu himaniiru.
Dhaabbileen deeggarsaa kunneen gargaarsa qaqqabsiisuu hanqachuun '' hospitaalonni dhiyeessii bu'uuraa dhabuun daa'imman, namoonni miidhamaa qaamaa qabaniifi namoonni jaaran beelaafi dhukkuba fayyu danda'urraa akka du'an gochaa jira,'' jedha ibsi bahe.
Shoon Kaarool, Hojii Gaggeessaa dhaabbata baqattoota irratti hojjetu American Near East Refugee Aid (Anera) ''Anera'n dhiyeessii lubbuu baraaru kan miiliyoona 7 baasuun Gaazaa seenuuf qophii dha - kunis ruuzii toonii 744, kan al miiliyoona ja'a namoota sooruu danda'u Gaazaa irraa kiloometira muraasa fagaatee Ashdooditti danqamee jira,'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qajeelfamni Bitootessa darbe bahe akkatti gareeleen gargaarsaa deeggarsa dhiyeessan geeddaree jira.
Dhaabonni kunneen hojii isaanii Israa'el keessatti dalaguuf galmaa'uu qabu jechuun dabalataan sababa iyyatni isaanii eeyyama argachuu hin dandeenyeefi galmeen isaanii haqamu fa'i ibsa.
Qondaaloti Israa'el yoo gareen deeggarsaa tokko amala demookiraatawaa Israa'el yoo haaleefi biyyattiin gochaa ''seera qabeessa hin taane raawwatti,'' jechuun yoo duule galmaa'uu akka hin dandeenye himan.
''Akka carraa tahee dhaabonni baayyee gochaa hokkoraafi lolaaf duuba qabachuun hojjetu,'' jechuun Ministarri Daayaaspooraa Israa'el Amichaayi Chiklii AFP'tti himan.
''Dhaabonni hokkora wajjin hariiroo hin qabneefi sosochii lagannaa keessa hin jirre eeyyamni kennamaafi,'' jedhan Chkiliin.
Bushraa Kaaliid Oksafaamitti Hoggantuu Imaammataati, Israa'el miini doolaara miiliyooan 2.5 ola Gaazaa akka hin seenne dhorkiteetti jedhan.
Dabaluunis, ''adeemsi galmee kuni dhaabonni miti mootummaa hojii isaanii walabummaan hojjechuu fi dubbachuurratti dhiibba godha,'' jedhan.
Akeekkachiisni kuni kan dhagahame Israa'el magaalaa Gaazaa haleeluun to'annoo jala oolchuuf yeroo qophaa'aa jirtutti dha.
Israa'el namoota nagaaf deeggarsa namoomaa akka dhiyeessitu himti, ''kanneen dirree waraanaan ala jiraniif,'' tahus deeggarsi kuni Israa'eliin haa tahuu, dhaaba gargaarsaa Gaazaa Ameerikaan deeggaramu Gaza Humanitarian Foundation (GHF) haa tahuu, adda hin baane.
Israa'el sirni kuni Hamaas deeggarsa hatuu irraa akka of qusatuuf barbaachisaa dha jettus Hamaas garuu himannaa kana ni haala.
UN baatii kana gabaasa baaseen lammiileen Filisxeem 859 tahan Caamsaa darberraa kaasee lafa GHF qubateetti lubbuun darbeeraa jedhe, GHF garuu himannaa kana ni haala.
Ibsa kana keessatti qindeessaan yeroo hatattamaa MSF Ayitar Zabaalgoogiyazkooyaa ''sagantaan nyaata humna waraanaa raabsuu beela akka meeshaa waraanatti fayyadamuu dha,'' jedhan.
Hojii gaggeessaan MSF Kiriis Lookiyar BBCtti akka himanitti dhaabni GHF jedhamu kuni ''kiyyoo du'aati,'' haalli namoomaa Gaazaa yaadeessaa fi mirkana kan hin qabne dha jedhan.
Hamaas bara 2023tti namoota 1,200 Israa'el keessatti ajjeesuun namoota 251 butee Gaazaa keessatti qabatee jira.
Israel's offensive has since killed nearly 62,000 Palestinians, according to the Hamas-run health ministry. It says that 235 people including 106 children have also died due to starvation and malnutrition.












