Baayidan dhorkaa misaa'ela fageenya dheeraa Yukireen irra kaa'an kaasuf akeekan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayiden Yukireen misaa'ela Ameerikaa fageenya dheeraatiin Raashiyaa akka hin haleelle uggura kaa’ame akka kaasan akeekan.
Baayiden yoo meeshaalee waraanaa kana fayyadamuu eeyyaman, gaaffii Yukireen irra-deddeebiin dhiyeessa turte fudhatama argachuun daangaa meeshaa waraanaa Ameerikaan dhiyeessituuf irra kaa’ame laaffisa.
Qondaaltonni biyyattii weerara humna guutuun Raashiyaan Yuukireenirratti bante uggurri meeshaa waraanaa kun danquu himataa turan.
Raashiyaan amma yoonaatti dhimma kanarratti yaada hin kennine garuu Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin kanaan dura tarkaanfiin akkanaa ''rakkina baayyee hamaa'' fiduu akka danda'u dubbatanii turan.
Baayiden yaada kana kan dhiyeessan Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Biliinken, Iraan Raashiyaaf misaa'ela balastikii fageenya gabaabaa Raashiyaaf dhiheessite jechuun himachuu hordofeeti.
Yukireen meeshaa waraanaa fageenya dheeraa fayyadamuu irratti uggura Ameerikaan keesse ni kaafti jedhanii? gaazexeessitoonni Kibxata darbe kana kan gaafataniif, Pirezidant Baayiden bulchiinsi isaanii ''amma dhimma kanarratti hojjechaa jira'' jedhan.
Raashiyaan Guraandhala 2022 humna guutuun erga Yuukireen weerararte asitti US meeshaalee waraanaa Raashiyaa keessa bakka gadi fagoo haleeluun lolicha ittuu hammeessa jechuun Yuukireeniif dhiyeessuurraa of qusataa turte ykn meeshaalee kana akka hin gargaaramne dhorkaa turte.
Haata’u malee, misaa’ela fageenya dheeraa qaban uggura kaa’ame hanga tokko laaffisuun, Yukireen misaa’ela fageenya dheeraa fayyadamuun naannoo daangaa Raashiyaa, iddoo loltoonni irraa dhukaasaa akka rukuttu eeyyamame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biyyoonni michuu Yuukireen biroos meeshaalee waraanaa fageenya dheeraa muraasa dhiyeessaa turaniiru.
Meeshaalee kana garuu akkamittiifi yoom akka Raashiyaa haleeluuf itti fayyadamuu dandeessu daangessaniiru.
Kunis haleellaan akkanaa haaloo ba’uutti biyyoota miseensota NATO waraanaatti galchuu ykn waraana boombii niwukilaraa kakaasuu danda’a jedhamee yaaddoo uume.
Ji’oota muraasa darban keessa Pirezidantiin Yukireen Voloodimir Zelenskiin haala meeshaaleen waraanaa biyyattiif itti dhiyaatu qeequun, misaa’ela biyyoonni Lixaa dhiyeessaniin Raashiyaa keessaa bakka achi fagaatu haleeluun akka danda’amu akka eeyyaman gaafataniiru - tarkaanficha Ameerikaan hanga yeroo dhiyootti daangessitee turte.
Hogganaan Raashiyaa Vilaadmiir Puutiinis jalqaba bara kanaa haleellaan Yukireen misaa’elota biyyoota Lixaatiin Raashiyaarratti raawwatamu waraana bal’aa kakaasuu akka danda’u akeekkachiisan.
''Lolichi otoo addaan hin citiin hammaacha adeemuun balaa hamaa fiduu danda'a,'' jechuun Caamsaa darbe keessa dubbataniiru.
"Waraana sadarkaa addunyaa barbaaduu?” jedhanii gaaffii dhiyeessan.
Puutiin itti dabaluun akkas jedhan; haleellaa Raashiyaa keessatti raawwatamu kamiyyuu, humnoonni Yukireen haleellaa kana yoo raawwatanillee dirqamnisaa biyyoota Lixaa meeshaa waraanaa dhiyeessaniifirra jira jedhan.
Kibxata darbe US, UK, Faransaay fi Jarman biyyi Iraan Raashiyaadhaaf misaa’ela baalistikii Yukireen haleellaaf keessatti itti fayyadamtuuf dhiyeessite jechuun adda addatti qoqqobbii haaraa irra kaa’an.
Tarkaanfiiwwan fudhataman keessaa tokko xiyyaarri Iraan gara UK fi Awurooppaatti akka hin balaliine daangessuu dabalata.
Kana malees, lammiilee Iraan deeggarsa waraanaa Raashiyaadhaaf haala mijeessan jedhamanii himataman irratti uggura imalaafi sochiin qabeenya kaa’ameera.
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinken akka jedhanitti, Raashiyaan misaa'ela balistikii fageenya gabaabaa fayyadamuuf humnoota Iraaniin leenjifamuun torban muraasa keessatti lammiilee Yukireen irratti dhukaasuuf jiraachuu himan.
Misaa’elonni kunneen dhiyeessi meeshaalee waraanaa Raashiyaa guddisuun, magaalota Yukireen daangaa Raashiyaa dhihoo jiran rukutuu kan dandeessisu ta’uu eeran.
Iraan meeshaalee waraanaa akkasii Raashiyaaf dhiyeessuu irra-deddeebitee haaltee turte.












