Muddama Yukireen: Dirooniiwwan Tarkii attamiin walitti bu'iinsa Yukireeniifi kaan geeddaru danda'u?

Diroonii Bayraktar TB2 jedhamtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bayraktar TB2 dirooniiwwan Tarkiin oomshitu keessaa tokkoodha

Waraanni diroonii lolawwan addunyaa gaggeeffaman keessatti barbaachisuumaan isaanii dabalaa dhufe ammas muddama Raashiyaafi Yukireen jidduutti umame keessatti illeen gahee olaanaa qabaachuu akka danda'u eeguun waan addaa hin ta'u.

Kanaanis biyyi kaaba biyyoota lamaanitiin Galaana Gurraacha birratti argamtus booda keessa xiyyeeffannaa olaanaa argataa jirti.

Humnootii Yukireen Raashiyaa qolachuuf bobbaaftu keessatti dironiiwwan Tarkiin oomishte qooda ol aanaa qabu. Yuukireen qofatti osoo hin taanees biyyoota addunyaa waraanni keessatti gaggeeffamutti keessatti gahee olaanaa qabaatu.

Waa'ee humna diroonii Tarkii guddataa jiruurratti wantoonni beekuun qabdan kunooti:

Tarkiin dirree waraanaa irratti hammam gahee olaanaa taphatti?

Tarkiin biyyoota amantaa Islaamaa baay'inaan hordofan keessaa biyya tokkittii miseensa tokkommaa humna waraanaa Lixaa, Nato taateedha.

Gamticha keessas US'tti aanuun waraana dhaabbataa hedduu kan qabdu yoo ta'u, teeknolojii loltummaas michoota ishee waliin qooddatti.

''Motummaan Ankaaraa waggoota 20n darbaniif humna diroonii olaanaa ijaarrateera,'' xinxalaan waraanaa walabaa Tarkii keessatti bu'uurreeffate, Ardaa Mevlutoglu.

"Tarkiin biyya keessaa fi naannoo daangaa irratti oppireeshinii nageenyaa taasiftu (milishoota Kurdish, kan PKK jedhaman irratti wallakkaa 1990taa kaasee) haalaan dirooniitti fayyadamaa jirti.

"Indaastirii humna ittisaa biyyattii guddisuu keessatti indaastiriin teeknolojiin dirooniis dursa olaanaatu kennameef. Gama dandeettiiwwan opireeshiniifi oomishaatinis, Tarkiin Israa'eeliin alatti, riijinicha keessatti sadarkaa olaanaa irratti argamti.''

Waa'ee warshaalee diroonii Tarkii maal beekna?

Tarkii keessa warshaaleen oomisha konkolaatawwan qilleensaa nama-maleeyyii (UAVs) gurguddaa lamatu jira.

Dhaabbannii Baykar Defence jedhamuus dirooniiwwan Bayraktar TB2 fi Bayraktar Akinci jedhaman oomisha.

Qondaalli Teeknikaa Olaanaan dhaabbatichaa, Selcuk Bayraktar maatii pirezidaantii Tarkii Reesiip Taayiip Erdoogaan waliin walitti dhufeenya firoomaa qaba. Akka ilma abbaa buddeenaa ta'aaf.

Dhaabbannii gara biraa ammoo Indastiriiwwan Xiyyaarawwan Tarkish Turkish Aerospace Industries jedhamu dirooniiwwan TAI Anka fi TAI Aksungur jedhaman oomishuudha.

Ardaa Mevlutoglu akka jedhaniitti, humnootiin waranaafi eejansiiwwan tikaa tarkii dirooniiwwan 150tti fayyadamaa jiru, ''kunis dirooniiwwan basaasaa ykn kamikaze xixiqqoo hedduun alatti.''

Hidhanni waraanaa fi daldalaa Tarkiin Yuukireen waliin qabdu maaliidha?

Tarkiin erga bara 2019 kaaftee dirooniiwwan waraanaa Bayratar TB2 hedduu Yukireeniitti gurgurte jirti.

Dirooniin Bayraktar TB2 jedhamtu bara 2019 keessaa buufata waraanaa Yukireeniitti balaliinsa yaalii wayita taasiseetti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dirooniin Bayraktar TB2 jedhamtu bara 2019 keessaa buufata waraanaa Yukireeniitti balaliinsa yaalii wayita taasiseetti

Yukireen guyyaa tokko tarkii waliin walta'iinsa Natotti makamuu kan barbaaddu yoo ta'u, kunis riphee loltoota Raashiyaan deegaramu baha biyyattiitti socha'an irratti tarkaanfii fudhachuuf.

Magaalaan guddoo Yukireen Kiyeevis weerara lafoo humnootii Raashiyaan daangaa isheerra keesseen umamuu maluuf qophaa'aa jirti.

Guraandhala 3, 2022tti Pirezidaantiin tarkii Erdoogaan daldala diroonii dabalataa biyyoota lamaan jidduutiif waliigalte mallatteessuuf Yukireen daawwatanii ture.

Ministirri Raayyaa Ittisa Yukireen Rooyitarsiitti akka himaniitti, waliigaltichi, 'Omishtoota Tarkiitiif warshaa diroonii Yukireen keessatti dhaabuuf haalawwan mijataa uumeera,'' kanaafuu warshaaleen ofiisaanitii dirooniiwwan hunda ofuma isaanii oomishu jedhan.

Raashiiyaan haala kana attamiin ilaaltii?

Onkoololeessa darbe, waraanni Yukireen viidiyoo dirooniin Tarkiin hojjatame yoo meeshaa waraanaa guddaa, D-30 howziter, kan foxxoqsitoota Raashiyaan deeggaramanii ta'e barbadeessu qoodee ture.

Ibsi Yukireen kunis gama raashiyaatiin kan qeeqame yoo ta'u, dirooniiwwan kee ''naannicha diiguuf'' balaarra buusaa jira jechuun Tarkiis akeekkachiifte turte.

Akkasumas Ankaaraan Raashiyaafi Yukireen jidduutti araara buusuuf jaarsummaan hojjachuuf yaada kan dhiyeessite yoo ta'u, garuu yaadni kunis daldala diroonitiin wal xaxaa ta'e.

Walitti dhufenyi Tarkiin Taashiyaa waliin qabdu erga waraanni Siriyaa umamee kaasee wal xaxaa ta'eera.

Tarkiifi Raashiyaan Siriiyaalaatti fedhii faallaa qabu, garuu ammoo qaamooleen lamaanu wal ta'insa saanii fooyyeessuuf sochii yoo taasisan mul'atan.

Nato fi Ameerikaa irraa qeequumsi cimaan irratti ka'ulleen, Tarkiin Raashiyaa irraa sirna ittisa qilleensa S-400 bitte. Kunis akka fakkenya Erdoogaan Raashiyaa waliin deebii'ee walitti dhufenya ummachuutti ilaalame.

Dirooniiwwan Tarkii dirreeYukireen keessatti jijjirama umuu danda'u?

Ammatti dirooniiwwan Bayraktar TB2 meeqa Yukireen keessa akka jiran ifa miti.

Garuu ammoo Ardaa Mevlutoglu aka jedheetti, ''Yukireeniif Bayraktar TB2n milishoota foxoqsitootaa bulchiinsa Donbaas keessa socha'an irratti milkaa'ina olaanaa qaba.''

Diroonichis kameeraa hammayyaa electro-optical jedhamu, sirna hidhata-daataa fi dhidhannoo sirriin qajeelfame lamaa hanga afur kan qabudha.

Haalliiwwan kunneenis akka ''lafa kiiyyeeffannaa isaanii keessatti qajeelfama mataa isaaniitiin akka haleellan dandeessisa.''

Viidiyoo waraanaa Yukireeniin attamiin diroonii haleellaa akka raawwatan agariisan Onkoleelleessa darbe

Madda suuraa, FACEBOOK / Ukraine Armed Forces

Mevlutoglu akka jedhaniitti, dandeettiin kunis yoo xiyyeefannaawwan soch'an kan akka milishoota Donbaas keessaa irratti bobbaafame murteessaadha.

Haata'u malee, waraana guutuu Raashiyaa waliin taasifamu irratti diroonii fayyadamuun hangam milkaa'ina akka qabaaturratti mamii qabaachu hima.

''Humnootiin waraana Raashiyaa kan Yukireen caalaa gama baay'inaa fi teknoloojiittin, olaantumaa guddaa qabu.

Biyyoota kami fa'itu diroonii Tarkiin oomishe qaba?

Maamiltoonni daldala diroonii tarkii haalaan baayyachaa jiru.

Odeeffannoon al-ergii biyyattii addatti lakkoofsa dirooniiwwan gurguramanii gadi fageenyaa kan hammate miti.

Garuu ammoo biyyoonni 15 ol ta'an dirooniiwwan Tarkiin oomishu Bayraktar fi TAI akka ajajatan amanama.

Keessattuu dirooniiwwan Bayraktar TB2 erga waraana Siriyaa, Liibiyaa fi kan dhiheenya Nagorono-Kaaraabaagn keessatti milkaa'ina argamsiisanii booda barbaadamummaan isaanii dabaleera.

Boodanas waraana Armeeniyaa fi Azaarbaajaanoota jidduutti guyyoota 44f gaggeeffameen, haleellaan qilleensaa dirooniiwwan Tarkiitiin loltoota Armeeniyaa, konkolaataawwan waraanaa, fi sirnawwan ittisa qilleensaa irratti taasifameen naannoo wal dhabdeen daangaa keessa ture deebiisanii akka to'ataniif isaan gargaareera.

Caamsaa darbee keessa ammoo Ministirri Raayaa Poolaand, Tarkii irraa dirooniiwwan waraanaa 24 akka bitan dubbachuun miseensa Nato kan jalqabaa ta'aniiru.

Akkasumas Afriikaan gabaa guddicha ta'aa jirti.

''Tarkiin gabaa Afriikaa keessatti dorgomtu cimtuu omishtoota Chaayinaa tahaa jirti,'' Jedhu xinxalaa Ardaa Mevlutoglu .

"Dirooniiwwan Tarkii gatiin gadi aanaan garuu ammoo sadarkaa hojii Nato madaaluu fi qulqullina dirooniiwwan waraanaa isaatiin dhiyaatan.''

Morookkoo, Aljeeriyaa, Ruwaandaa, Naayijeeriyaa fi Itoophiyaanis dirooniiwwan Tarkii kanaaf fedha agarsiisuun isaanii barameera.

Waliigalteen waraanaa maxxanfamuu baatulleen Tarkiin bara darbe Itoophiyaa waliin wal ta'iinsa waraanaa mallatteessite jirti. Ergasis odeeffannoowwan baay'iinni aviyeeshiin haalaan dabaluu agariisa.

Mudde darbe aanga'oonni US gurgurtaa diroonii tarkiin Itoophiyaa waliin taasiftu irratti yaaddoo qabaachuu ibsanii turan.

Ta'us ammoo Tarkiin meeshaalee waraanaa isheetii gabaawwan haaraa barbaaddu filatti ta'a.

''Gurgurtaan dirooniiwwan kunis Tarkiin walitti dhufeenya industirii waraanaa walitti fufiinsa qabuu akka uummattu kan dandeessisu yoo tahu, biyyoota diroonii irraa fudhatan waliin hariiroo fi dhiibbaan gama waraanaa, dinagdee fi dippilomaasii qabdu akka dabalu taasisa,'' jedhu xinxalaan kun.

Kanaafu Tarkiin akka gabaatti ijashee Afrikaa irra kaawwachuu, Pirezidaanti Erdogaan dhugaa bahanii ture.

''Afrikaa keessa bakkan deemee hundatti, hundumtu waa'ee UAVs gaafata,'' jedhanii turan Onkolooleessa darbe wayita Angoolaa, Naayijeeriaafi Toogoo daawwatanii turaniitti.