Taphataa Maanchister Yuunaayitid barbaadu- Sheeskoo Yuunaayitid keessatti arginaa?

Madda suuraa, Getty Images
"Galchii lakkoofsisuu irratti baay'ee cimaadha. Ilaalcha gaariis nama qabudha. Nuffii tokko malee shaakalaa hanga taphaatti nama jabaatee hojjetudha.''
Kanaafidha kileboonni gurguddoo Piriimer Liigii taphataa gatiin isaa paawondii miliyoona 70 tilmaamame Beenjaamiin Sheeskoo kan barbaadaniif.
Taphataan lammii Islooveeniyaa ganna 22 tahe kun akkuma taphataa waggaa baay'ee Piriimer Liigii keessa taphateetti barbaadamaa jira.
Ganna kana Kileba kamtu Beenjaamiin Sheeskoo harka galfata?
Maanchister Yuunaayitid taphataa cimaa sarara duraa tokko barbaada. Niwkaastil Yuunaayitidis akkasuma yoo Aleeksaander Isaak kan bahu tahe taphataa kana bakka isaa buusuuf barbaadaa jira.
Garuu Beenjaamiin Sheeskoo eenyu? Arsenaal Viiktar Giyookeresiin osoo hin mallatteessisiin dura cimsee taphataa kana barbaadaa ture. Cheelsiinis akkasuma.
''Guddaa, humna jabaa kan qabu, saffisaa fi qilleensa irratti kubba rukutuunis taphataa haalaan beekamudha. Inumaayyuu Erliingi Haalaanditti fakkeeffama.
Lameenuu kileboota Saalzibargiif waan taphataniif osoo hin taane cimina isaaniin yoo ilaalamanidha.
'Dandeettii guddaa kileba cimaa Awurooppaa tokkoof taphachuu'
Seeskoon taphataa jabaa sarara duraa galchii hedduu lakkoofsisudha. Waggoota lamaan darban keessa taphataan umurii isaarra jiru haga isaa galchii lakkoofsise hin jiru.
Bara darbe garuu sochiin isaa bakka hunda keessa tahe. Dirree garee morkattootaa keessatti kubbi tuqe %9.7 ture. Waggaa lamaan kana garuu garee morkattootaa keessatti kubbi tuqe %17 taha.
Sarara gidduutii ka'ee gara sarara cinaa lamaaniittis bahuun taphataa ture.
Bundisliigaa keessaa taphattoota saffisa guddaa qaban keessaa tokko. Sa'aatii tokko keessatti 35.7 sochii godheera.
Sarara taphataan sarara duraa keessatti argamuu qabu keessattis bifa milkaa'een hojjeteera.
Namni kilebootaaf taphattoota filuun beekamu tokko dhiyeenya BBCtti akka himetti, taphatichi ''guddaa, qaamaan jabaa fi saffisa qaba'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sheeskoon yeroo dargaggummaa isaa Ziilaataan Ibiraahimovic dinqisiifataa guddate.
''Cimina isaa keessaa tokko ariitiidhaan kubba qabachuu isaati. Kubba qabatee tursiisuu danda'a. Taphattoota sarara ittisaa irraa fuudhee taphattoota sarara cinaa lamaaniif dabarsuuf gahumsa qaba,'' jedhe.
Xiinxalaan kubba miilaa Awurooppaa Lukaas Viraabilk; Sheeskoon gahumsa kileboota gurguddoo Awurooppaaf taphachuu qaba. Inni qabeenya guddaadha. Akkasumas taphataa kana caalaa guddachuu fi fooyya'uu danda'udha.''
Sheeskoon waggoota lamaan darban RB Leepzhiig keessa taphate. Bara 2023 ture Saalzibargi irraa kan RB Leepzhig gale.
Waggoota lamaan darban kana keessa taphoota 87 irratti galchii 39 lakkoofsiseera.
Galchii jaha Shaampiyoonsi Liigii keessatti lakkoofsise.
Galchii 27 kan lakkoofsise taphoota Bundisliigaa 64 irrattidha. Erga gara kilaba kanaa deemee taphattoota umurii 23 gadii galchii hedduu lakkoofsisedha.
Juud Beeliingihaamiin galchii tokko caala. Filooriyaan Wiirziin ammoo galchii shaniin caala.
Akkasuma immoo sarara rukuttaa peenaaliitiin alarraa kubba dhahee lakkoofsisuun Bundisliigaa keessaa dorgomaa hin qabu.
Galchii lakkoofsise keessaa %36.8 kan tahu sarara rukuttaa peenaaliitii alaa dhahuunidha.
Egaa gahumsa akkasiitu taphataa kana akkaan akka barbaadamu isa godhe.
Maanchister Yuunaayitid taphataa kana mallatteesisuuf dursaa jira. Olee Waatkiinsii fi Sheeskoon taphattoota jalqabaa lamaan barbaadan keessaati.
Garuu gatii Waatkiinsi ol ka'uu isaan taphataa ganna 22 kana irratti baasuu filataniiru.
Maatiyaas Kuunaa fi Biriyaan Embuumoof paawondii miliyoona 130 baasaniiru.
Garuu ammas taphataa sarara duraa fiduuf maalaqa qabu. Rasmas Hooyilaandi taphataa tokkocha sarara duraa irratti hirkatanidha.
Sheeskoon Niwkaastil Yuunaayitid moo Maanchister Yuunaayitid gala kan ejdhu ganna kana kan barru taha.












