Abbaa warraafi haadha warraa walgannee hin duunu jechuun hakimaan du'uu filatan

Jaan fi Elsi wal-fuudhanii waggaa shantamaaf jaalalaan waliin jiraataniiru. Osoo wal-jallannuu tarii duuti gaaf-tokko dhuftee addaan nu baasti jechuun waa walqabatanii guyyaa tokko du'uu filatan.
Barana ji'a Waxabbjjii gara jalqabaa ogeessi fayyaa qoricha kenneefii akka ajjeesu gaafatan. Biyya Nezarlaandi keessatti namni ogeessa fayyaan na ajjeesi jedhee du'uun seera qabeessa. Malli kun "euthanasia" jedhama.
Qabiyyeen kun namoota tokko tokko jeequu danda'a.
Jaan nama ganna 70 yoo ta'u, isheen ammoo ganna 71 guuttetti. Els rakkoon fayyaa sammuu waa yaadachuu dhabuutin ni rakkatti.
Jaan yeroo dargaggummaasaa ispoortii qillee taphataa ture. Garee biyyaalessaa Nezarlaandifis taphateera. Boodarra leenjisaa ta'e. Elsi ammoo barsiistuu turte.
Ilma tokko malees waliin hin godhanne. Jaan rakkoon fayyaa waan isa mudateef dugasaa waldhaansa baqasanii hodhuun yaalamus itti hin wayyoofne. Hojii dur hojjatus itti fufuu hin dandeenye. Isheen barsiisummaashee hin dhiisne.
Yeroo tokko waa'ee "euthanasia" ykn ogeessa fayyaan du'uu waliin haasa'u. Jaan rakkaa fayyaa waan qabuuf jiraachuu akka hin barbaannee maatii isaatti hima. Yeroo kanaadha lamaansaanituu dhaabbata Nezarlaandis "mirga du'uutif falmu" NVVEtti makaman.
“Qoricha heddu yoo fudhatte ekeraadhuma fakkaatta. Kanaaf, dhukkubbii koofi kan Els kana dhaabuu qabna natti fakkaata," jechuun du'uu akka filatan hima.
Bara 2018 Elsi hojii barsiisummaa dhaabde. Mallattoo dhibee daayimenshiyaa irratti mul'achuu eegaleera, garuu ogeessa fayyaa bira deemuu hin barbaanne. Boodarra qoratamtee daayimenshiyaa akka qabdu mirkanaa'e.
Rakkoon kun akka hin furamne erga bartee booda abbaa warraafi ilmashee wajjin waa'ee fedhii ofiin ogessi fayyaatin du'uu mari'achuu eegalan.
Neezarlaadi keessatti namni tokko fedhiisaan du'uu yoo barbaadefi rakkoo fayyaa sammuu ykn qaamaatin rakkataa jiraachun ogeessa fayyaan kan mirkanaa'e mirga du'uu qaba.
Namni du'uuf gaaffii dhiyeesse kamiyyuu doktoroota lamaan dursa ilaalamuu qaba. Ogeessi fayyaa inni lammaffaan qorannoo inni jalqabaa gaggeesse irra deebin ilaaluu qaba.

Neezarlaandi keessatti bara 2023 qofaatti namoonni 9,068 "euthanasia" ykn deeggarsa ogeessa fayyaan du'aniiru. Du'a biyyattii keessatti mudate keessaa 5% jechuudha.
Kanneen fedhiidhan ogeessa fayyaan du'an keessaa "duo-euthanasia" ykn abbaan warraafi haati warraa kan wal-faana du'an 33 galmaa'era.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jaan fi Elsi doktarri isaanii tole jechuu waan dideef kilinika namoota fedhiin du'uu barbaadan keessummeessu bira deeman.
Abbaan warraafi haati warraa wal-faana du'uu yoo barbaadan, abbaan warraa ykn haati warraa dhiibbaa walirratti gaggeessufi dhiisuu ogeessi fayyaa dursee mirkaneessuu qaba.
Dr. Tiyoo Booyer yuunvarsiitii Protestant Theological jedhamutti piroofeesara namuusa waldhaansa fayyaa yoo ta'an, Neezarlaanditti namoota muraasa waa'ee fedhiin du'uu morman keessaa tokko.
Keessumaa abbaan warraafi haati warraa wal-faana du'uun sirrii akka hin taane amanu.
Minstirri Muummee duraanii Neezarlaandi haadha warraasaanii waliin fedhiidhan barana du'uu akka barbaadan beeksisanii ture.
"Bara darbe 'duo-euthanasia' ykn abbaan warraafi haati warraa heddu wal-faana du'uusaanii arginee jirra. Namoonni heddu wal-faana du'uu leellisaa jiru," jedhan.
Jaanfi Elsi guyyaa itti waliin du'an eeggataa jiru.
"Amma na gahu jiraadhera. Kana caala danda'ee dhukkuba hin baadhu," jedha Jaan.
Elsis taanan wal-qabannee du'uu malee filannoon biraa hin jiru jetti.
Guyyaa doktarri qoricha isaan ajjessuf kennuuf dura Jaan, Elsi, ilmisaanifi ijoolleen ilmasaanii walitti qabamaniiru.
"Aniifi harmeen wal-qabannee gara qarqara bishaanitti baanee takka waliin taphanne.
"Galgala ammoo irbaata osoo nyaannuu imimmaan ijarra na yaa'a ture. Hundi keenyaa irbaata isa dhumaa waliin nyaanna turre," yeroo dhumaaf haadhafi abbaasaa waliin irbaata nyaatee nagaa itti dhaamuu hima ilmisaanii.
Wiixata ganamaan firoonni fi ollaan walitti qabaman. Obbolaan Jaanifi Els dhufaniiru.
"Doktaroonni osoo hin dhufin dura sa'aatii lama waliin turre. Waan durii yaadannee waliin taphanne. Muuziqaa dhaggeeffanne.
"Sa'aatin dhumaa baay'ee rakkisaa ture," jechuun doktaroonni dhufanii qoricha cimaa dafee isaan ajjeesu akka kennaniif dubbata ilmisaanii.
Jaanifi Els qoricha doktaroonni kennaniifin gaafa Amajjii 3, 2024 jaalala waggaa shantamaa booda waliin du'an.












