Dubartii reeffishee wagga 10 booda mana cufame keessaa argameefi rakkoo qofummaa inni saaxile

Dubartii kilaba qofummaa dargaggootaa hir'isuuf hojjetu hundeessite

Biyya Awurooppaa, Holaand keessatti dubartiin umuriin ishee wagga 70oota keessatti argamu duutee wagga kudhan booda reeffishee manashee keessatti argamuun biyyattii keessatti rakkoo qofummaa hambisuudhaaf duula biyyaalessaa jalqabdeef ka’uumsa ta’eera.

Namoonni siyaasaa biyyattiis tokkoo tokkoon lammii biyyattii hawaasa keessatti bakka qabachuu qabu jechuun sochii jalqabaniiru.

Mudannoon gaddisiisaa kun kan uumame wagga kudhan dura ture.

Dubartii umuriin wagga 74 taate Beep De Biruun reeffishee mana jireenyaashee Amesterdaam keessa jiru keessatti argame.

Reeffishee yeroo argametti wagga 10 ta’eera. Waggaa kana hunda du’uushee namni beeke hin turre.

Bara sanatti bakka Dach Indiis jedhamutti kan dhalatte dubartiin kun yeroo umuriin ishee wagga 20 gadi ture kara Neezerlaand [Holaand] dhufte.

Dhibeen sammuu kan ishee mudate dubartiin kun dhala tokkottii qabdu waliinis hariiroon qabdu guutummaan guutuutti adda cite qofaa hafte.

Kanaaf ture bara 2003 yeroo duutetti namni kan hin bariin hafeef.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maallaqni sooramaa kutaa bulchiinsattiirraa argatan kallattiin kara herrega baankiisheetti galaafii ture. Kiraa manashees kallattiin herregasheerraa cita.

Dubartiin kun du’uun ishee kan beekameefi reeffishee akka argamuuf sababa kan ta’e mandiisonni gaazii suphan sababa qabaniif manashee keessa seenuun irra jira ture. Poolisoonni poostaawwan baayyee hin banamiin akkasumaan kuusaman argeera.

Dubartiin kun yoom akka duute baruudhaafis xalayaawwan kunneen fayyadaniiru.

Dubartiin kun qofaa manatti du’uufi reeffishee wagga dheeraaf osoo hin argamiin turuun magaalattii naasiseera.

Naasisuu qofa osoo hin taane qofummaa hambisuudhaaf hojiitti akka galaniifis kakaaseera.

Namni siyaasaa naannoo sanaa Hugoo De Juung jedhamu buufata TV naannootti akka dubbatetti, “mudannoo gaddisiisaa magaalaa guddoo kana keessatti qofummaan hangam akka babal’ate agarsiiseedha,” jedhan.

Namni siyaasaa kun karoora tola-ooltota namoota umuriin isaanii wagga 75 ol ta’e daawwatan kan baasan yeroo sana ture. Tola-oltonni kunneen namoota umuriin isanii deeme daawwachuun taphachiisu.

De Juung ministira fayyaa, nageenyaafi ispoortii ta’anii yeroo muudamanii turettis karoora isaa kan ballisuun biyyaaleessa taasiseera. Sadarkaa biyyaattis qofummaa jaarsolii mudatu hambisuudhaaf bara 2018 sochii biyyaalessaa jalqaban.

Odeeffannoon dhiyeenya kana jiran akka agarsiisanitti qofummaa kana hambisuudhaaf sochiin biyyaalessaa jalqabame bu’a-qabeessa ta’eera.

Qofummaa ilaalchisee lakkoofsa idil-addunyaa amansiisaa ta’e argachuun rakkisaadha.

Haata’u malee, qorannoo jalqabaa bara darbe Gamtaan Awurooppaa taasise namoota saddet keessaa tokko yeroo hedduu qophummaan kan itti dhaga’mu ta’uu mul’iseera.

Harka sadii keessaa tokko kan ta’an ammoo yoo xiqqaate yeroo tokko tokko qofummaan akka itti dhaga’amu qorannoon kun ifa godheera.

Neezerlaandis Awurooppaa keessatti biyya namoonni qofummaan itti dhaga’amu gadi aanee ta’edha.

Nama maanguddoota dhaabatee gaafataa jiru

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Qofummaan rakkoo walxaxaadha. Ka’umsi isaa ammoo ogummaa hariiroo hawaasummaa dadhabaa ta’e, jijjiiramawwan gurguddoo jireenya keessatti nama mudataniifi qoollifamuu ta’uu danda’a.

Dabalataanis, qofummaafi rakkoo fayyaa sammuufi qaamaa gidduus hariiraa cimaatu jira.

Neezerlaandis keessatti karoorri waggoota kudhaniif hojiirra oole dhaabbileen baayyee kan hirmaachisudha. Gorsitoonni tokkoo tokkoo mana-qopheessaa waliin ta’uun karoora akka qixeessan gargaarsa kennu.

Dabalataanis qopheesaaleen magaalaa waltajjiiwwan hariiroo farra-qofummaa ogeessonni fayyaa, tola-ooltonniifi wiirtuwwan daldalaa hirmachise akka hudeessan jajjabeessu.

Sababa kanaanis, qindoominni biyyaalessaa qofummaa dhabamsiisuuf hojjetu kan uumame yoo ta’u, miseensonnis baankiiwwan, giddu galawwan gabaa, dhaabbileen tola-ooltotaa, kilaboota ispoortiifi dhaabbilee aadaa kan hammateedha.

Qindoominni biyyaalessaa kun yaadawwan wal jijjiiruuf, akkasumas waliin hojjechuudhaaf wagga si’a lama korawwan gurguddaa gaggeessa.

Bakkawwan itti jabeessan

Kaka’uumsi biyyaalessaa qofummaa hambisuuf karoorfame karaa haaraa hedduu saaqeera.

Fakkeenyaaf, dukkaana itti walirraa bitanii walitti guguran guddaa Jaamboo jedhamu dameewwan isaa hedduu yaadaa ‘Kileetiskaasaa’ jedhamu barsiiseera.

Kun ammoo dukkaanota kanneen keessatti yeroo isaanii dabarsuu warra barbaadaniif, warra maallaqa fudhan waliin kan ittiin haasa’anidha.

Dukkaana biyyattii keessa jiran keessatti shammatachuuf nama maallaqa fuudhu hin barbaachisu; maashinoonni hojii kana ni hojjetu. Dukkaanawwan bittaafi gurgurtaa kanneen keessatti maashinootaan alatti namoonni mallaqa fuudhan ramadamani waan tokko tokko waliin haasa’uu ni danda’u.

Tajaajilli Poostaa Biyyaalessaa biyyattiis namoota rakkoo qofummaa keessa jiran adda baasuudhaaf hojjetoota tola-ooltummaan hojjetan bobbaaseera.

Hojjetoonni kunneen golgaa [maggaarajaan] manaa jiraattotaa yoo hin saaqamne, naannawaa mana isaaniitti poostaawwan kuufamanii kan jiran yoo ta’e adda baasuudhaan tarree jiraattotaa kana unkarratti guutu. Odeeffannoon kun ammoo dhaabbileen tola-ooltotaaf akka kennamu taasifamuun karaan ittiin gargaarsa argatan mijeeffama.

Sagantaan kun yeroo ammaa manneen-qopheessaa 19 keessatti hojiirra oolaa jira.

Bakka reeffi dubartii Beep De Biruun jedhamtu itti argame dabalatee namoonni 50 ta’an gargaarsa akka argatan eeruun dhaabbilee tola-ooltotaaaf ergameera.

Maanguddoo saree waliin jiran

Hiriyyoota miila afurii

Marsariitiin qofummaa ittisuudhaaf hudeeffame dhaabbileen hawaasaa bu’a-qabeeyyii ta’an beeksisa, akkasumas manneen qopheessaa karoora isaanii keessa akka galfataniif ni jajjabeessa.

Isaan keessaa tokko Oopoeh yoo ta’u, magaalota gurguddoo Neezerlaandis afur irraa deegarsa maallaqa hanga ta’e argata.

Dhaabbanni kun abbootii qabeenyaa saree hojiin itti baayyatu beeylada manaa waliin yeroosaanii akka dabarsaniif ykn maanguddoota beeyladoota kunuunsuu barbaadan waliin kan walqunnamsiisu marsariitii qaba. Maanguddootaaf bilisaan yoo ta’u, abbootii-qabeenyaa sarootaa garuu kaffaltaa xiqqaa kaffalchiisa.

Maanguddootaaf saroota waliin dabarsuun fayyaa qaamaafi sammuu isaaniif akka gargaaru daarektarri dhaabbatichaa Alleen Giroonemaan ni dubbatu.

Dhaabbatichi erga hundeeffamee kaasee maanguddoota 4,500 abbootii qabeenyaa sarootaa waliin walitti fideera.

Dubatii umuriin wagga 74 kan taate Tiiwoo Niyeenjiis Jenetiifi sareeshee Biikeel waliin karaa dhaabbata kanaa wal barte.

“Yeroo umuriin kee walakkeessa 70tti siqutti namoota qabda ture, hariiroo qabda tures dhabuu dandeessa,” jetti Tiiwoon.

“Biikeel saree jaallatamaa xiqqaadha. Qalbii namaas kan hawwatudha. Hedduun amma na beeku. Yeroon darbus nagaa naan jedhu. Haadha qabeenyaa saree kan taate Jeneet waliinis hariiroo gaarii qabna. Rakkoon yoo na mudate dursee naman bilbiluuf esheedha,” jetti.

Namoonni hedduun dhaabbata kanaan fayyadaman erga abbootii qabeenyaa sarootaafi baayladoota waliin walitti dhufanii booda fayyaan qaamaafi hariiroon hawaasaa isaanii fooyyaa’uu ibsaniiru.

Sochiin sadarkaa biyyaatti qofummaa ittisuudhaaf hundeeffame maanguddoota akka Tiiwoo gargaaruudhaaf kan kaayyeefate ture.

Haata’u malee, qofummaan namoota umuriin deeman qofarratti osoo hin taane namoota umurii gara garaa keessa jiran keessattis rakkoo hundee gadi fageeffate ta’uun isaa ifadha.

Dhaabbanni shoorbaa gurguru Omaa jedhamu bu’aa argatu keessaa walakkaa isaa barnoota nyaata bilcheessuu bilisaan kenna. Yeroo barnootaattis maanguddoota barattoota tola-ooltummaan hojjetan waliin walitti qindeessa.

“Pirojekticha kan jalqabne namoota umuriin isaanii deemeef qofummaatiin rakkacha jiran gargaaruuf ture. Haata’u malee, maanguddootaan alattis dargaggoonni qofummaan itti dhaga’amu hedduun jiraachuu hubanneerra. Fakkeenyaaf, barattoonni barnootaaf gara magaalota birootti deeman qofummaatiin miidhamu,” jechuun haadha qabeenyaa dhaabbaticha akeessaa tokko kan taate Maartijiin Kaanters ni ibsite.

Jaarrolee qofa qofaa soorata jiran

Kanaaf ture sagantaan farra-qofummaa biyyattii keessatti bara darbe hundeeffame kan akka qindoomina hawaasa guutummaa hammatu ta'eef.

"Qofummaa maanguddootarratti qofa hojjechuun muraasa akka ta'e qaamonni dhimmi ilaallatu nutti himaniiru. Qofummaan nama kamiyyu mudachuu danda'a," jechuun dubbi-hmaan ministeera fayyaa Miishaa Situubeniskiin ni ibsiti.

Yeroo ammaa kanatti kunuunsitoonni al-idilee maanguddoota baqattoota ta'aniifi ol adeemtota dabalatee kutaalee hawaasaa qofummaaf saaxilamuu danda'an ilaaluudhaaf pirojektoonni qixaa'aniiru.

Gorsaan duraanii dargaggootaa Yolaand Vaan Giriwwee namoonni ol adeemoo ta'an rakkoo qofummaatiif saaxilamuu isaanii mootummaan beekamtii kennuun isaa waan gaarii ta'uu dubbatti.

Waggoota muraasa dura dargaggoota hiriyyaa uummachuun isaan rakkisu kan gargaaru kilaba dargaggootaa Join Us jedhamu hundeessiteetti.

"Dargaggoonni ilaalcha miidhaa qabu waa'ee ofiisaanii qaban akka maqsaniif, akkasumas ofitti amanamummaa akka qabaataniifi ogummaa hawwaasummaasaanii akka gabbifatan ni gargaarra," jetti.

Barnoonni kun ogeessota leenji'aniin kan gaggeeffamu yoo ta'u, miseensonni galmasaanii akka kaa'aniif gargaaru.

"Namoota waliin walrguus ta'e waliin dubbachuurratti rakkoon qaba ture. Yaaddoo guddaas natti ta'a ture. Namnin bilbiluuf ykn naman waliin haasa'u osoo hin jiraatiin halkan hedduu dabarsaan ture," jechuun dubbata dargaggeessi umuriin isaa waggaa 23 Luuk.

"Bakkan yeroo itti dabarsu akkan argadhu, akkasumas bakkan waa'ee ofiikootii miira gaarii akkan qabaadhu kan nataasisedha," kan jedhu Luuk gareen kun harka ballisee akka isa simate ibsa.