Ogeessi naachaa beekamaan saroota irraan miidhaa saalaa geessisuun himatame

Ogeessi naachaa beekamaan Biriiteen miidhaa saalaa saroota irraan gahuu dabalatee yakkoota 60 tahaniin himatame.

Manni murti Awustiraaliyaa namni Adam Biriiton jedhamu saroota akka malee dararuun hanga hundi isaanii du’anitti viidiyoo agarsiisu waraabaa ture jedhe.

Sana booda viiidyoo miidhaa kanneen agarsiisu miiidiyaalee irratti maxxansaa ture jedhe.

Dabalataan meeshaalee ijoolleera miidhaa saalaa dhaqabsiisus karuma oonlaayinii viidiyoo isaa maxxansuu argataa akka ture hime manni murtichaa.

Ogeessi Zoolojistii beekamaaan Nashinaal Ji’ogiraafii irratti hojjetaa ture kun yakka hojjeteef adabbiin irratti murameera.

Oolmaa Dhaddachaa Mana Murtii Olaanaa ‘Northern Territory’ jedhamutti gaggeeffame irratti abbootiin alangaa himata irratti banan dhiyeessan.

Irra caalaan yakka Obbo Biriiton hojjetaa turanii maxxansuudhaaf ''akka malee kan miira namaa jeeqan’’ fi nama ''jibbisiisan’’ waan taheef abbaan seeraa namoota dhaddachicha hordofan akka gara alaatti bahaniif gaafatniiru.

Abbaan seeraa mana murtichaa Mikaa’el Giraanti himaticha dhaggeeffachuun ''miira hamaa keessa nama galchuu mala’’ jechuun hojjettoota nageenyaafi abbootii seeraa dhiyeenya hojii eegalan dhiifama gaafataniiru.

Obbo Biriiton fedha saalaa addaa fi jibbisiisaa tahe "sadistic sexual interest" jedhamuun beekamu qaba.

Erga bara 2014 as saroota isaa waliinis qunnamtii saalaa gochaa akka ture kan himu himatichi,isarra darbeeyyuu namootni biro saroota qaban akka isaaf kennan dhiibbaa irratti gochaa tureera.Gabaa onlaayinii ‘Gumtree’ jedhamu irratti namoota sababa hojiif bakka biraa deemanii fi dhimmaaf manaa bahan waliin waliigaluun saroota isaanii nan kunuunsa jechuun harkaa fudhataa ture jedhe.

Yeroo namootni saroota isaanii itti kennatan bilbilanii gaafatan ‘’dubbii sobaa’’ itti himaa ture. Suuraa saroota isaanii duraan kaasaa ture ergaafii ture.

Dhugaan jiru mana kontenera irraa hojjechuun meeshaalee waraabbii suur sagalee galeeruuf keessatti saroota kanneen dararaa ture.

Sana booda viidiyoo waraabaa ture maqaa sobaa fayyadamuun dararaa saroota irraan gahuu fi safuu cabse ''kutaa dararaa’’ turture Room] jechuun maxxansaa ture.

Viidiyoon kun poolisii Awustiaaliyaatti kennamuun ji’a Eblaa bara 2022 keessa to’annoo jala oolfame.

Saroota 42 ji’oota 18 keessatti miidhaa saalaa irraan gahuun dararaa ture keessaa 39 du’aniiru.

Erga qabamee to’annoo seeraa jala kan jiru Obbo Biriiton adabbii irratti muramu dhagahuuf ji’a Muddee dhufu kana mana murtiitti geeffama.

Ogeessi naachaa beekamaan kun UKtti dhalachuun waggoota 20 dura gara Awustiraaliyaatti deeme.

Ogeessi ganna 51 kun naacha irratti qorannoo adda addaa hojjechuun maqaa guddaa horatee ture.