Duulli torban lamaa saroota, dirooniifi Poolisii yakkamaa hidhaa miliqee goolabame

US kutaa Penselviiniyaa keessatti yakkamaa hidhaan umrii guutuu itti murtaa'ee torban tokko booda mana hidhaatii kan miliqe Hagayya 31, 2023 ture.

Gaheessi umuriin isaa waggaa 34 ta’eefi lammii Biraaziil, Daneloo Kavalkaantee jalalleesaa joolleeshee xixiqqoo lama duratti waranee ajjeesuun yakkamaa jedhamee hidhaan umrii guutuu itti murtaa’ee ture.

Haata’u malee, mana hidhaa kaawuntii Chesteer keessaa torban tokko qofa turee miliqe.

Yakkamaa kana qabuudhaaf elekooptara, diroonii, sarootaafi humna poolisiin bobbaafamuun alattis, manneen barnootaas sababa barbaacha isaatiin cufamaniiru.

Bulchaan Penselviiniyaa Joosh Shapiroo seera kabachiistoftaafi uummataan eeruu kennitaniif, dhimmamuu keessaniif, akkasumas eegduu walii taatanii argamuu keessaniif galatoomaa jedhan ibsa qabamuu yakkamaa kanaa ilaalchisuun kennaniin.

Qondaalli poolisii kutaa bulchiisichaa Koloneel Kiristoofer Paaris akkuma kana uummata bal’aa galateeffataniiru.

Akkamiin qabame?

Yakkamaa miliqe kana hordofaa kan ture Leetinaant Koloneel Biivens ammoo akkamiin akka yakkamaa kana itti qabuu danda’an ibse.

Odeeffannoo arganurratti hundaa’uun erga dhiyootii Kaaba Kaawontii Chester keessa xiyyeeffannee soqaa turre jedhe Biivens.

Halkan waariin booda, allaarmiin (dammaqsituun) naannawaa sana keessaa mana nama tokkootii iyyite. Kun ammoo qalbiin poolisootaa akka gara sana ta’u godheera.

Allaarmiin meeshaa sagalee akeekkachiisaa baastu karra irratti tolfamtu taatee, dursanii dammaqanii saamtotarraa of eeguuf kan gargaarudha.

Ta’us garuu yeroo sanatti Kavalkaantee hin argamne. Haata’u malee, allaarmiin sun poolisiin akka naannawaa sanarratti xiyyeeffatu gochuun bu’aa buuseera.

Poolisiin akka jedhetti Kavalkaanteen akka saarii naannoo sanaatti saatii 01:00 irratti argame. Meeshaan helekooptararratti tolfame ho’aan suura/fakkii sakatta’u (heat signal) eessa akka yakkamaan kun jiru mul’iseera jedhe l/Koloneel Biivens jedhutti.

Wanti ‘heat signal’ jedhamu kun yeroo namni tokko dukkana guddaa ykn ifa guddaa keessa of dhoksu, dukkana ykn ifa guddaa sana mo’atee adda baasuuf gargaara.

Gareen barbaachatti bobba’an bataluma bakka sana marsuu jalqaban jedha.

Akkuma ‘heat signal’ kana fayyadamuun sochiin Kavalkaantee argameen, ifti bakakkaa/balaqqeen naannoo sana ture helekoptarri akka naannicha gadhiisee deemu godheera.

Akka L/Koloneel Biivens jedhutti, yakkamaa miliqe kana qabuuf poolisoonni 20-25 bobbaafamaniiru. Isaanis poolisoota daangaa to’atan, garee humna addaa uffata rasaasa ittisu uffatan dabalateeti.

Ejentoonni daangaa US barbaacha kanatti hirmaatanis tekinooloojii nama ittiin barbaadan waan qabaniif yakkamaa kana qabuuf fayyadeera.

Dhumarratti Kavalkaanteen erga saree poolisiin ciniinamee harka kennate. Yakkamaan kun eessa akka ciniiname garuu hin ibsine.

Akka suurri isaa wayita poolisiin qabme mullisutti adda isaarraa dhiigni ni mul’ata.

Akkaataa itti yakkamaan kun mana hidhaa sana koree hulluuqee bahe gaaffii kan namatti ta’uufi tarii ogummaa kana aqabaa kan jedhu ture.

Poolisiin garuu yakkamaan kun ogummaa qabaachuu isaa caalaa gocha abdii kutannaati jedhe.

Yakkamaan kun bakka dhokatee guyyaa deemuu hin dandeenye ture. Hanga deemeyyu mukatti da’atee ture.

Walumaagalatti hojii ajaa’ibaa humna nageenyaa bobbaafameefi tekinoolojii hojiirra ooleen yakkamaa miliqa kana qabuun danda’ameera.