Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kirkira lafaa Afgaanistaaniin yoo xiqqaate 1,000 du’an, kan caalu madaa’an
Afgaanistaan keessatti balaa kirkira lafaa hamaa mudateen yoo xiqqaate namoonni 1,000 ta'an du'anii kan caalu ammoo madaa'uu qondaaltonni Taaliban BBCtti himan.
Balaa mudateen walqabatee suuraaleen miidiyaa hawaasummaarratti gadi dhiifaman namoonni wasaasaadhaan kanneen miidhaman baatanii wayita fiigan, manneen jijjiganii fi dhagaawwan caccaban dachee guutanii mul'atu.
Suuraawwan kunneen balaa bulchiinsa Paktika keessatti mudate kan agarsiisaniidha.
Bulchiinsa Patila iddoowwwan fageenyarratti argamanitti namoonni miidhaman heelikooptaraan gara hospitaalaa geeffamaa jiru.
Bulchaan Taalibaan Hibatullah Akhundzada manneen dhibba hedduutti lakkaa'aman barbadaa'uu fi lakkoofsi namoota du'anii dabaluu akka danda'u ibsan.
Taalibaanitti qondaala Ittisa balaa yeroo tasaa kan ta'an Sharafuddiin Muslim yoo xiqqaate namoonni 920 ta'an du'uu fi namoonni 600 caalan ammoo madaa'uu miidiyaaleef ibsanii turan.
Eegasii lakkoofsi namoota miidhamanii dabaleera.
Dubbi himaan mootummaa biyyattii Bilaal Kariimii balaa kirkira lafaa hamaa magaalaa Khost irraa gara kibba bahaatti kiilomeetira 44 fagaatee mudateen gandoonni afur barbadaa'uu fi namooonni hedduun miidhamuu ibsan.
''Jaarmiyaaleen hunduu garee qindeessanii garas erguun lubbuu namaa baraaruu akka qaban dhaamna,'' jedhan.
Jaarmiyaan dhimma kirkira lafaa hordofu- European Mediterranean Seismological Centre dacheen Afgaanistaan, Indiyaa fi Paakistaan kiilomeetira 500 ta'u balaa kirkira lafaa kanaaf saaxilamaa ta'uu eere.
Giddugalli kun akka jedhutti, jiraattonni magaalaa Afgaanistaan-Kaabul fi magaalaa Paakistaan-Islaamaabaad balaa kirkira lafaa kana argaa jiru.
BBC Urdu garuu magaalota kunneen keessatti balaa mudaterratti gabaasi dhiyaate hin jiru jedhe.
Balaan kirkira lafaa akkuma namoonni rafaniin mudate kun magniitiyuudiin isaa 6.1 dha.
Kutaaleen Afgaanistaan magaalaarraa fagaatanii jiran haalli ijaarsa manneenii fi teessumni lafaa isaanii balaa kanaaf kan saaxilamaniidha.