Baalee Bahaatti dhibeen gifiraa lubbuu namootaa galaafate

Uuummata talaallii gifiraa fudhachaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Goodina Baalee Bahaatti dhibee gifiraa mudateen yoo xiqqaate lubbuun namoota shanii darbee 348 kan ta'an irratti ammoo dhibeen kun mul'achuu BBCn Waajjira Fayyaa godinichaarra odeeffateera.

Dhibee kana daran hammaataa kan taasiseefi akka namoonni hin dandamanne kan taasise ammoo hongee godinichatti mudateen hanqini nyaataa uummanni gonichaa keessa jiru akka ta'e ogeessonni himaniiru.

Dhibeen gifiraa godinichatti mul’ate ammatti aanaalee godinichaa afur: Sawweenaa, Raayituu, Gololchaa fi Laga Hidhaa keessatti gandoota 23 keessatti argamuu Itti gaafatamaan Waajjira Fayyaa godina Baale Bahaa Obbo Xilaahun Takkaa BBCti himaniiru.

“Kan Laga Hidhaa fi Gololchaa gara to’atamuutti deemeera. Garuu naannoo Sawweenaa fi Raayituu irratti keessattuu Sawweenaa irratti gara gandoota 12 keessatti faca’eera” jedhan.

Dhibichi aanaa Sawweenaa keessatti gandoota baay’ee keessatti faca’uunsaa haala teessuma lafaa aanichaan ida’amee ogeeyyiin fayyaa hawaasa bira gahuuf qormaata itti ta’uus dubbatan.

Sababa dhibichaan hanga ammaatti lubbuun namoota shanii darbuu kan himan qondaalichi, namoota dhibichi irratti argame 348 keessaa namootni 202 wal’aansi taasifameefii fayyuu himan.

Namootni lakkoofsaan 80 ta’an immoo yeroo ammaa yaalarra kan jiranidha jedhan.

Argama fi facaatii gifiraa godinichatti…

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhibeen gifiraa hordoffii Waajjirri Fayyaa godinichaa taasiseen Adoolessa 28 bara 2014 godinicha keessatti mul’achuusaa Itti gaafatamaan Waajjira Fayyaa godina Baale Bahaa Obbo Xilaahun Takkaa himu.

Maddi dhibee kanaa immoo nama naannoo Somaalee irraa gara godinichaatti seene tokko akka ta’es himan.

“Gogiiinsa kanarraa kan ka’e namni bakkaa bakkatti socho’aa jira waan ta’eef ummatni Somaaleefii ummatni naannoo kanaa sababa dheedumsaa fi barbaacha bishaaniin walkeessa socho’a” jedhan.

“Qorannoo gaggeessineerra. Kan jalqaba mul’atan keessaa aanaa Gololchaadhaa samuuda namoota shanii fudhannee laboraatoorii (qorannoof) erginee ture.

Sana keessaa sadan irratti (gifirri) mirkanaa’era” jechuunis dhibeen aanaalee godinichaa afur keessatti mul’ate gifira ta’uu akka mirkaneeffatan himaniiru.

Shiftoon fuularraa eegaluun gara kutaalee qaamaa birootti faca’u, hoo’i qaamaa dabaluun, qufaa, dhangala’aan gama funyaaniin bahu fi diimachuun ijaa mallattoolee dhibichaa keessaa akka ta’anis Obbo Xilaahun himaniiru.

Dhibeen gifiraa mataa isaatiin miidhaa guddaa fiduu baatullee rakkoolee fayyaa biroo hordofsiisuun namootarratti miidhaa hanga lubbuu darbuu qaqqabsiisa.

Rakkoolee fayyaa dhukkubichaan walqabatanii dhufan keessaa dhibeen daranyoo sombaa (pneumonia), qaro dhabeessummaa akkasumas dhibeen sammuu ni argamu.

“Yoo dafee yaalame garuu namootni kun dhibee walxaxaa kanaaf otoo hin saaxilamin fayyuu danda’u” jedhan.

“Gogiinsi dandeettii dhibee dandamachuu namootaa hir’iseera…”

Dhibeen gifiraa kun godina Baale Bahaa keessatti erga mul’atee booda hojiin namoota dhibichaaf saaxilaman adda baasuu fi yaala akka argatan gochuu hojjetamaa akka jiru Obbo Xilaahun Takkaa himaniiru.

 “Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa ogeeyyiin dhufanii as jiru. Ogeeyyiin ramadaman nu waliin hanga gandaatti deemnee sakatta’iinsa cimaa gaggeessaa jirra” jedhan.

 Namoota mallattooleen dhibichaa irratti mul’atanis yaala akka argatan taasifamaa jiraachuus dubbataniiru.

Dabalataan kilinikawwan socho’an (mobile clinic) afur to’annoo dhibee kanaaf saaquun hawaasni tajaajila akka argatu taasifamaa jiraachuus himan.

 Dhibeen kun akka hin babal’annefii namni wayita dhukkubsatutti gara mana yaalaa akka deemuuf hojiin hawaasaaf hubannoo uumuu hojjetamaa akka jirus dubbatan.

Haata’u malee, gogiinsa waggoota lamaan darban godinicha mudateen dandeettiin dhibee dandamachuu namootaa gadi bu’uu kan hima Obbo Xilaahun, “baay’een isaanii dafanii dhibee kana ofitti fudhatu. Erga ofitti fudhatanii boodas fayyuuf guyyaan itti dheerachuun darbee darbee ni mul’ata” jedhan.

“Beelli kun dafamee irratti hojjetama taanaan dhibeen kun ni dhaabbata” jedhan.

 “Hanga dhimma kana dhaabuu hin dandeenyetti dandeettiin dhibee ofirraa ittisuu namootaa xiqqaadha waan ta’eef yoo saaxilaman battalatti dhibee kana fudhachuu danda’u” jechuunis himaniiru.