Pooland xiyyaarota waraanaa Yukireeniif erguufi

Xaayyara Mig-29

Madda suuraa, EPA

Poolaand guyyoota muraasa keessatti xiyyaarota waraanaa Yukireeniif akka ergitu beeksifte.

Kuni ammoo miseensota NATO keessaa xiyyaara waraanaa Yukireenif arjoomuun biyya jalqabaa ishee taasisa.

Pirezidantin Poolaand Andiree Duudaan akka jedhanitti xiyyaaronni waraanaa afur guyyoota muraasa gidduutti gara Yukireen imalu.

Kana malees xiyyaaronni dabalataa gara fuulduraatti Yukireeniif akka kennaman dubbatan.

Biyyoonni biroos fakkeenyummaa Poolaand kana akka hordofan abdii akka qaban dubbatan ittaantuu afa-yaa'ii parlaamaa Yukireen kan ta'an Aadde Olenaa Kondiraatiyuk.

Biyyoonni miseensa NATO ta'an biroos xiyyaarota bara Sooviyeetii kan paayileetonni Yukireen balaliisuu itti beekan erguuf yaada akka qabantu himama.

Yukireen duraan xiyyaarota ammayyaa kanneen akka F-16 argachuuf biyyoota lixaa gaafataa turte.

UKn paayileetota Yukireen xiyyaarota waraanaa sadarkaa NATO'tiin leenjisaa jirti.

Kuni ammoo yeroo dheeraa waan fudhatuuf xiyyaarota waraanaa ammayyaa Yukireenif erguun yeroo fudhata jedhama.

Pirezidaantin US Joo Baayidan xiyyaarota waraanaa Yukireenif akka hin ergine beeksisanii turan.

Jalqaba yeroo Raashiyaan weerara bantu Yukireen xiyyaarota waraanaa Mig-29 fi Su-27 lakkoofsaan 120 ta'an akka qabdutu himama.

Piezidantin Poolaand Duudan biyyi isaanii xayyaarota Mig-29 heddu akka qaban dubbatan.

Miseensi parlaamaa Yukireen Kira Ruudik BBCtti akka himanitti: "[Xiyyaarota] kana ittisa qilleensa keenyaa cimsuufi haleellaa ji'a bonaa kana keessa gaggeessinuuf ni barbaanna," jedhan.

Miseensi parlaamaa gorsaa ministeera ittisaa Yukireen ta'an kuni "xiyyaaronni waraanaa Poolaand humna qilleensaa keenyaaf humna guddaadha" jechuun ibsan.

Garuu ammoo Yukireeniif kan barbaachisu xiyyaarota ammayyaa kanneen akka F-16 fa'aa akka ta'e dubbatan.

Hanga ammaa Yukireeniif xiyyaarota waraanaa erguuf kan waadaa seene Pooland qofaadha. Poolandiifi Yukireen ollaa walii ta'uu bira darbee michummaa cimaa qabu.

Poolaand yeroo ammaa xiyyaarota waraanaa ammayyaa US fi Kooriyaa Kibbaatiin xiyyarota bara Sooviyeetii bakka buusaa jirti.