'Leedii Gaagaa dubartii sarootashee hataman deebisteef doolaara 500,000 kaffaluu hin qabdu'- mana murtii

Leedii Gaagaa

Madda suuraa, Getty Images

Leedii gaagaa gatii argaa saree ishee akka kaffaltu mana murtiitti himatamtus manni murti himata weellistuu beekamtuu kana irratti dhiyaate kufaa taasise.

Leedii Gaagaa gatii argaa doolaara 500,000 dubartii saroota ishee bara 2021 hataman deebisteef kaffaluu hin qabdu, jedhe abbaan seeraa US.

Jeenifer Maakbiraayid weellistuu Leedii Gaagaa ''gatii argaa’’ akkasumas ''beenyaa’’ doolaara miliyoona 1.5 tahu naa kaffaluu qabdi jechuun kana mana murtiitti himattee ture.

Abbaan seeraa garuu Leedii Gaagaa gatii argaas tahe beenyaa sii kaffaluu hin qabdu, sababni isaas ati qabeenya namaa hatame ture fudhattedha kan deebiste jedhe.

Sarootni kunneen lameen nagana akka deebi’an godheera jechuunis falmite.

Abukaatoon Jeenifer weellistuu beekamtuu Leedii Gaagaa fi taatoo beekamtuu Jeenifer waliigaltee walii galan hin eegne, beenyaan kaffalamuu qabu hin kaffalamne jechuun falmeef.

Abbaan seeraa ammoo Jeenifer gatii argaa ykn beenyaa argachuun hin tahuuf waan taheef waliigaltichi akka hojiira oolu dirqisiisuu hin dandeessu jedhe.

Maaltu Mudatee ture?

Guraandhala bara 2021 keessa Riyaan Fiisher saroota Leedii Gaagaa sanyii saroota Faransaay tahan, sadii qabatee Hooliiwuud keessa deemaa ture.

Kana gidduutti laphee isaarra rasaasaan rukutamee kufe. Waajjirri Abbaa Alangaa Niw Yoorki haleellicha ‘’gochaa gara jabinaa’’ jechuun ibse. Garuu Riyaan Fiiher sombi isaa gar tokko miidhame keessaa baafamuun lubbuudhaan oole.

Mudde darbe, namni Jeemsi Howaardi Jaaksan jedhamu yaalii ajjeechaa taatoo kana irratti raawwateen hidhaa wagga 21 adabame.

Jaaksanii fi gargaartotni isaa yeroo Riyaan Fiiheriin rasaasaan dhahan saroota qabatee deemaa ture keessaa lama, Koojii fi Gustaavoo jedhaman fudhatanii deeman. Saree ishee sadaffaan Miis Eeshiyaa jedhamtu, baqachuun booda poolisiin arge.

Leedii Gaagaa nama saroota koo naaf argeef beenyaan kaffala erga jettee guyyaa lamaan booda Jeenifer saroota lameenuu osoo hin miidhamiin deebisteef.

Eebla 2021 keessa Jeenifer namoota yaalii ajjeechaa taasisan waliin tumsiteetta jedhamtee himatamuun poolsiin to’atamte.

Mudde keessa ammoo himatichi akka irraa ka’uuf iyyatte, saroota namaa hatan fudhachuun himatamtees wagga lamaaf adabbii ilaalamuu ykn hordofamuu irratti darbe.

Hanna keessatti akak hin hirmaanne himuun, saroota Leedii Gaagaa kan fudhatteef ‘’kaayyoo tokkoof, innis nagana isheef deebisuuf,’’ jettee falmite.

Falmiin abukaatoo weellistuu badhaasa Giraamii mo’attee fi taatoo badhaasa Oskaar mo’attee ‘’akkasumaan’’ ture.

Abbaan seeraa amma murtooma kana dura darbe raggaasie. Aadde Maakbiraayid ‘’gochaa ishee irraa faayidaa argachuuf harki ishee qulqulluu miti,’’ jedhe.