'Ani lubbuun hafeera garuu na biraa hedduutu dhuman'

Balaan baaburaa hamaa kutaa bulchiin gama baha Indiyaatti argamtu Odiishaa keessatti dhalate baabura nama fe’an lamaafi kan meeshaa fe’e tokko gidduutti ture.
Akka aanga’oonni jedhanitti, baaburri Shalimar-Chennai Coromandel Express nama fe’ate furgoo baayyee harkifatee onaa Balasoor irraa dhufaa ture tokko baabura meeshaa dhaabataa ture tokkotti bu’uun gama hadiidii [sarara baaburaa] faallaa jirutti darbatame.
Yeroo kanatti baaburri Howrah Superfast Express ta’e osoo Yesvantpur irraa gara Howrah deemaa jiruu baabura karaa gadhiisee ture duraatti bu’e.
Balaan baabura biyya Indiyaa bulchiinsa baha biyyattiiti argamtu Odishaa keessatti Jimaata galagala mudate jaarraa kana keessatti isa baayyee hamaadha jedhameera.
BBCn jiraattoota naannichaa balaa kana ijaan argan lamaafi imalaa baabuuraa balaan irra gahe tokko keessa tureefi miidhaan qaamaa irra gaheetti dubbateera.
Qabiyyeen isaa miira keessan miidhuu waan danda’uuf dhiifama gaafanna.
Girijaa Shaankaar Raaz
Baabuurri meeshaa fe'ee ture buufataalee garaa garaa irra dhaabbatee ture. Baaburri nama fe'ee ture kan Coromandel Express ta'e ammoo garagaluun baabuura meeshaa fe’ee ture waliin walitti bu’e.
Baabuurri kallattii gara biraatiin dhufaa ture Shalimar Express jedhama. Innis gara booddeettiin baabuura Coromandel Express’tti bu’e. Kanaanis furgowwan isaa lamaan ni garagalan. Iyya guddaatuu ture. Aarrii garmalees ka’ee ture.
Akkuma waan maraatuutti namoonni kallattii hundaan fiigaa turan. Anis daandiitti dhihoo waanan tureef itti fiiguufan murteesse. Achinis imaltoota keessatti danqaman harkifnee baasuu eegalle. Namoota muraasaa keessaa baasuu dandeenyeerra. Reeffa muraasaas, akkasuma baafneera.
Namoonni miidhaan irra gahe baayyee waan turaniif attamiin akka baanfu hin beeknu ture. Erga gareen baraartootaa dhufanii booda xiqqoo haallisaa salpate. Yaaliin baraaruu kunis halkan guutuu ittumaan bulame.
Ammalleen naasuudhuma keessan jira.

Tuutuu Biswaas
Sagalee baayyee iyye tokko dhageenye. Yoo mana keessaa gadi baanu, balaan kun mudachusaa agarre. Baabuurri mi’a fe’ee ture kaan irratti garagaleen arge.
Bakkicha wayitan qaqqabuutti, namoonni hedduun miidhamaniin arge. Kaan baayyeenis du’aniiru. Daa’imti xiqqoon tarii maatiin ishee miidhaman ykn du’an takko bo’aa turte. Daa’imti sunis booda takka turtee ni dute.
Namoonni baayyeen bishaan akka kennamuuf gaafataa turan. Anis hangan danda’uutti namootaaf bishaan kennaan ture. Hollaa keenyaarraa namoonni as dhufuudhaan hanga danda’aniin gargaarsa taasisaa turan.
Wanti mudatees baayyee sukkanneessaa ture dhugaatti.
Mukesh Paandii
Wayita baaburri kirkiree achuumaan garagaluutti ani baabuuricha keessan ture. Sagalee guddaan erga dhagameen booda baabuurichi ni garagale.
Anis ergan keessatti danqamuun sa’aatii walakkaaf tureen booda jiraattoota naannichaatiinan baafame.
Wanti qabannee turre hundi bittinaa’eera. Waanta tokkoollen argachuu hin dandeenye. Keessaa baheen lafarra taa’e.
Imaltoonni hollaa kootii na waliin imalaa turan lubbuun hafaniiru. Garuu namoonni baayyeen kaan miidhaaman ykn bakka buuteen isaanii dhabameera.
Furgoon ani keessa ture keessaa namoonni baayyeen du’aniiru. Namoonni baayyee miidhamanis amma gara hospitaalaa geeffamaniiru.












