Indiyaatti balaa baaburaan namoonni 260 ol du'an

Madda suuraa, Reuters
Balaa baabuuraa hamaa sababii walitti bu'uunsaatiin Indiyaa, kutaa bulchiinsa Odishaatti uumameen yoo xiqqaate namoonni 261 du'anii, 650 kan ta'an ammoo madaa'uu aanga'oonni himan.
Balaa dhalate kana hordofees ambulaansonni 200 ol ta'an lubbuu baraaruudhaaf gara bakka balaan kun itti dhalateetti ergamuu Sakireetaariin olaanaa Odishaa Piraadiip Jenaa himaniiru.
Bakki balaan kun itti dhalate kutaa bulchiinsaa Indiyaa gama bahaattti argamu keessa, ollaa Balasoor jedhamu keessattidha.
Balaan kun kan uumame Jimaata waaree booda jalqaba baaburri nama fe'ate tokko daandii isaa gadhiisuun baabura biraa sarara ofii qabatee deemutti bu'uu isaatiin ture.
Balaan kun Indiyaa keessatti balaa baaburaa hamaa jaarraa kanaati jedhameera.
Lakkoofsi namoota balaa kanaan du'anii dabaluu akka danda'us aanga'oonni himaa jiru.
Daarektar Janaraal Tajaajila Balaa Ibiddaa Odishaa Sudhanshuu Sarangii lakkoofsi namoota du'anii 288 qaqqabeera jedhan. Doktoroonni 100 ol ta'an wallaansaaf bobba'aniiru.
Ministirri Muummee Indiyaa Naarendiraa Moodii balaa uumame kanaan baayyee akka gaddanibsuun, maatii gaddi seeneen isin haa jabeessu jechuun ergaa dabarsaniiruuf.
"Hojiin lubbuu baraaruu bakka sanatti gaggeeffamaa jira. Gargaarsi danda'amu hundis namoota miidhamaniif taasifamaa jira," jechuun tiwiit godhan MM Moodiin.
Ministirri Dhimma Biyya keessaa Amiis Shaah ammoo balaa mudate kanaan "akka malee miira nama cabsa," jechuun ibsan.
Namni lubbuun hafe tokko taatee sana akkas jechuun madda oduu ANI'f ibse: "Namoonni 10 hanga 15 ta'an narratti kufan. Ani garuu jalan ture. Harka koofi morma kiyya karaa dubaatu na miidhame. Yeroo nama narratti kufan jalaa bahee ilaalu ammoo namoonni kaan harka isaanii, kaan ammoo miila isaanii dhabanii, kaan isaanii ammoo fuulli isaanii madaa'een arge."
Balaa kana hordofee guyyaan gaddaa kutaa bulchiinsichaa keessatti labsameera.
Baaburri furgoo dhedheeraa qaban Shaalimaar bakka jedhamuu gara Chenaay deemaa osoo jiruu baabura kallattii biraarraan dhufaa jiru waliin walitti bu'uun balaan kun kan uumame.
Yeroo baaburoon kallattii faallaarraan dhufaan walitti bu'anitti kanneen boraa toora sana turanis balaa kanaan miidhamaniiru.
Abbootiin qabeenyaa dhuunfaa baayyeen konkolaataa uummataa qaban naannawaa sanaas namoota hospitaalatti geessuun tumsa gochaa jiru.
Indiyaan addunyaa irratti daandiiwwan baaburaa wal xaxaa ta'an qabdu yoo ta'u baasiin guddaa itti bahee irra deddeebiin haaromfamullee balaan akkasii kun kan baratamanidha.












