Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa baqattoota Eritraa hidhuun dhaabbachuu qaba jedhe

Baqattoota

Madda suuraa, ACT OF SAMARITAN

Magaala Finfineetti baqattoonniifi kolugaltoonni lammiilee Ertiraa dhibbaan lakkaa’aman sanada hin qabdan jedhamuun poolisiidhaan to’annoo jala oolfamanii akka turan Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) beeksiise.

Komishinichi iyyatawwan dhiyaataniif irratti hundaa’uun hordoffii kutaalee magaalaa garaa garaa keessatti taasiseera jedheen, baqattoonniifi kologaltoonni lammiilee Ertiraa dhibbaan lakkaa’aman ajaja mana-murti malee poolisiin to’atamuu isaanii adda baasuu ibseera.

Itti-dabalunis kanneen osoo himannaan irratti hin banamiin hidhaarra turan jiraachuufi hedduun isaanii erga yeroo garaa garaatti to’annoo jala oolfamaniin booda gadhiifamusaanii Komishinichi ibsa Waxabajjii 2, 2023 baaseen eereera.

Waggoota darban keessa baqattoonni lammiilee Ertiraa hedduun gara Itoophiyaatti ce’uun kaampiiwwan Naannoo Tigraayitti argaman keessatti dahatanii turan.

Haata’u malee, erga waraana Tigraay keessatti waggoota lamaaniif gaggeeffamaa ture hordofuun naannoolee biyyattii adda addaa keessatti keessattuu Finfinnee baayyinaan seenanii turan.

Akka Komishinichi jedhetti, lammiilee Ertiraa kunneen Finfinneetti poolisiin akka to’atamaniif sababiin isaa waan sanda akka baqattoota ta’an mirkanneessuu hin qabneef, osoo kaampiidhaa bahuudhaaf hayyama hin qabatiin magaala keessatti argamusaaniifi hayyama malee hojiirratti boba’uudhaan.

Ta’us baqattoota ta’usaaniif waraqaa eenyummaa hin haaromne osoo qabanu baqattoonni hidhaarratti argaman jiraachuu Komishinichi ibsee, baqattoonniifi kolugaltoonni hedduunis erga to’annaa jala oolfamanii booda osoo mana murtiitti hin dhiyeeffamne guyyoota heduuf tursifamaniiru jedheera.

Komishinichatti itaantuu Komishinara mummee Reekaab Mallas, baqattootaafi kolugaltoota kanneen keessaa kanneen yakkaan shakkaman yoo jiraatan haaluma seera yakka idileetiin of eeggannoodhaan adda baafamu qabaatu jedhan.

Hidhaan baqattoota irratti ‘‘seeraan ala taasisfamu mirga bilisaan socho’usaanii akka daangeessuufi yaalii rakkoolee qabaniif furmaata waaraa kennuuf taasifamu balaarra buusa,’’ jedhe komishinichi ibsa isaa kanaan.

Komishinichi dhimma kanarratti qaamoolee mootummaa dhimmisaa ilaalattu waliin mari’achuun rakkina mudatan furuuf sochii barbaachisu raawwataa jiraachuu fi kanneen hidhaarratti argaman haalli itti gadhiifaman akka diriiruuf hojjataa jiraachus kaaseera.

Waraqaa eenyummaa baqattootaa haaroomsuun waggoota lamaan darbaniif adda cite kan ture yoo ta’u, dhiheenyatti galmeen haaraan hojiirra akka oolfamus ibseera.