Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM Abiy daawwannaa hojiif Sudaan galan
Ministirri Muummee Abiy Ahmad (PhD) jila isaanii waliin daawwannaa hojii guyyaa tokko turuuf magaalaa guddoo Sudaan, Kaartum galan.
Akka odeeffannoo Waajirri Ministeera Muummee baasetti, wayita Ministirri Muummee Abiy Ahmad Kaartuun gahanitti Pirezedaantiin Mana-maree Ce'umsaa Ripabilika Sudaan kan ta'an Janaraal Abdel Fattaah al-Burhaan simannaa taasisaniiruuf.
Daawwannaa kana irratti dureen biyyoota lamaanii waliin haasaa kan taasisan yoo ta'u, MM Abiy marii siyaasaa Sudaan keessa itti jirtu keessatti Itoophiyaan isaan cinaa akka dhaabbataa turteefi jiru ibsaniiruuf.
Kana malees, giddu-seentummaa tokko malee hubbannaafi ogummaa adeemsa ce'umsaa ummanni Sudaan ittiin qabataniifi gaggeefatan kaasuun dinqisiifataniiru MM Abiy.
Sababa gaaffii daangaa irratti waliin qabaniifi sababa Hidhaa Haaromsaa Guddicha Laga Abbayaa irratti Itoophiyaan ijaaraa jirtuun walqabatee atakaarootti kan jiran Itoophiyaa Sudaan hariiroon isaan qaban mamiin kan itti baayyatuudha.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaaf ture jalqabuu hordofee bakki qonnaa Alfaashikaa jedhamu Itoophiyaa irraa gara Sudaanitti fudhatamee ture.
Alfaashkaan lafa qonnaa bajjii ta'eef duraan Itoophiyaanonni qoataachaa turanii waggaa lama dura loltoonni Sudaan humnaan fudhatanidha.
Daangaa sana loltoonni Sudaan erga to'aytanii boodas naannawaa sanatti muddamni dhalatee tureera.
Waraana Kaaba biyyattiitti tureen muddamtee kan turte Itoophiyaan, humni Sudaan bakkawwan humnaa qabate keessaa gadi dhiisee akka ba'uufi rkoon jiru waliin mariyachuudhaan akka furamuuf irra deddeebiin gaafachaa turteetti.
Itoophiyaan irra-deddeebiin kana gaafattus garuu Sudaan gama isheetiin bakki suna qaama bulchiinsa ishee akka ta'etti ibsuun bakka to'atte sana cimsattee itti fufuu filatteetti.
Ministirri Muummee Abiy Adoolessa darbe Pirezedaantiin Mana-maree Ce'umsaa Ripabilika Sudaan kan ta'an Janaraal Abdel Fattaah al-Burhaan waliin Naayiroobii, Keeniyaatti wal arganii waliin mariyachuun isaanii ni yaadtama.